'Kan barbaaddan dhuguu, nyaachuu, xuuxus dandeessu,' ministira fayyaa

Madda suuraa, AFP
Ministirri fayyaa Noorwey haaraa muudamte erga uummatni akka barbaadetti haa dhugu, haa nyaatu akkasumas haa xuuxu jettee dubbii ijoo wal falmisiisaa taateetti.
Siilviyaa Listhayaag namootni xuuxan akka nama naamusa hin qabneetti ilaalamu jette.
Namni siyaasaa jaalatamummaa guddaa qabduu fi godaantotni akka dhorkaman deeggartu Jimaata darbe ministira fayyaa tahuun muudamte. Bara darbe dhimma wal dhabdee nageenya waliin wal qabatuun taayitaa irraa buufamtee turte.
Qeeqxotni ammoo isheen hubannaa fayyaa hawwaasaa xiqaa qabdi jedhan.
"Fayyaa hawwaasaa irratti qabxiin ka'umsa koo kun salphaadha. Poolisii hamilee namaa ykn naamusaa tahuuf hin karoorsine. Akkasumas akkamiin akka jiraachuu qaban uummatatti hin himu, garuu odeeffannoo filannoo jireenya isaaniif isaan gargaaru nan kennaaf,'' jechuun miiiyaa Noorway NRK jedhamutti himte.
Uummatni akka dhugaatii dhuguuf, sigaaraa xuuxuufi hamma barbaade foon diimaa akka nyaatuuf eeyyamamuu fi qaba jette.
Gaheen hoggantoota mootummaa odeeffannoo uummataan dhaqqabsiisuudha. Uuummatni ammoo sana caalaa akkamiin akka jiraachuu qabuu fi waa'ee fayyaa isaa sirriitti beeka jedheen amana jette.
Siilviyaan ofiishee dura sigaaraa xuuxaa turte. ''Namootni sigaaraa xuuxan akka nama naamusa gaarii hin qabneetti ilaalamaa tures jette. Kanaaf nama jalaa dhokachaa turan. Kun ammoo waan gaarii miti jedheen amana.'' Sigaaraa xuuxuun gaarii tahuu baatus namootni xuuxan ammoo kamtu akka isaaniif tahu filachuun kan isaaniiti jedhan.
Barreessaa Olaanaan dhaabbata dhibee Kaanserii Noorway dubbii ministirittiin dubbatte fayyaa hawwaasaaf miidhaa kan qabuu fi hojiiwwan fayyaa hawwaasaa waggoota hedduun duubatti deebisuudha jedhan.
Siilviyaa Listhayaag dubbii wal falmisiisaa tahe dubbachuun beekamti.













