Tilmaama tapha pirimerligii Ingiliz torban kanaa

Madda suuraa, BBC Sport
Taphni Arsenaalii fi Cheelsii morkii cimaa sadarkaa hanga afurii keessa turuuf taasisanidha. Garuu eenyutu mo'achuu danda'a?
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Maarki Laawuroon, Arsenaal jalqaba tapha Chelsii waliin taasisan irratti mo'amaniiru. Haa tahu malee isaan as haala gaarii irratti argamu jedhe.
Arsenaal sarara ittisaa irratti dadhabina qabaatus tapha Tootenaam waliin taasisan irratti gahumsa isaanii agarsiisaniiru.
Deeggarsa duba isaanii jiruu fi gahumsa gaarii sarara gidduu fi fuulduraa fayyadamuun yoo fuulduratti bahanii taphatanii Cheelsii mo'atu jedha.
Laawuroon xiinxalaa fi tilmaama torban kanaa taphataa kubbaa kaachoo beekamaa Niwu Yoorki Maariyoo Hezonja waliin taasise.
![Maariyoo Hezonja[bitarra]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/16D3E/production/_105220539_mariohezonjaofthenewyorkknicksandjabariparkerofchicagobulls.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images
Maariyoo Hezonjan deeggaraa Niwu Kastil yoo tahu kilebii gara xumuraa irratti argamtu Kaardif akka mo'atan deeggarsa kenneeraaf.
Jalqaba yeroo Baarselonaaf taphataa ture Mesii ilaaluu barbaaddaa? jedhamee gafatamnaan, '' Mesiin dhufee anaan haa ilaalu'' jechuun deebise.
Laawuroofi Maariyoon tapha torban kanaa akka gabatee armaan gadiitti tilmaamaniiru.
Sanbata Duraa

Madda suuraa, BBC Sport
Wolves v Lechister Siitii (12:30 GMT)
Lechister torban darbe Saawuz Hampitaniin mo'amee boodas tapha FA Cup dhaan Niwuu Porti Kaawontiidhaan mo'aman.
Deeggartootnis mufataniiru. Kilawud Puwel injifachuuf kan taphatan tahus Woolvis garuu cimina gaarii agarsiisaa tureera jedhe Laawuroon.
Wolvis Siitiidhaan mo'amnis daqiiqaa 19 booda taphicha irratti Wilii Boly kaardii diimaan dirreetii bahee ture.
Laawuroo: 2-0
Maariyoo: 0-1

Madda suuraa, BBC Sport
Barnimaawuz fi Westihaam
Laawuro: 2-1
Maariyoo: 0-1

Madda suuraa, BBC Sport
Liverpuul v Kiristaal Paalaas
Boru guyyaa dhalootaa waggaa 100ffaa leenjisaa Liiverpuul duraanii Boob Paayisliiti. Kanaaf sirnoota garaagaraan qophaa'u jedhamee eegama.
Liverpuul leenjisaa isaanii duraanii yeroo milkaa'aa kilebicha waliin hin dabarsine Roy Hudsanin keessumeessu.
Laawuroo: 2-0
Maariyoo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Man Yuunaayitid v Biraayitan
Biraayitan walitti aansuun tapha cicimaa Liverpuul fi Man Yuunayitid waliin gaggeessuu isaati. Yoo mo'amani illee illee qabxii isaan gargaaru dursanii argataniiru.
Biraayitan harka Liverpuulitti haa mo'aman malee gahumsa gaarii agarsiisaniiru. Tapha Maan Yuunayitid waliin taasisan irrattis Kiriis Huutan haala tapha isaanii waan jijjiran miti.
Laawuro: 3-0
Maariyoo: 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Niwukaastil v Kaardif
Kilebootni lamaan sarara fuulduraa irrattirakoo hamaa qabu. Kanaaf galchii lakkofsisuu irratti hanqina waan qabaniif Kaardiif £18m baasuun Naantes irraa Emiliyaanoo Saalaa mallateesisaa jira.
Umar Niyaasee ammoo Everteen irraa ergisaan fudhate.
Gama Niwukaastiliin jijjiiramni mul'ate jiraachuu baatus tapha kana ni mo'atu jedheen amana jechuun tilmaama isaa kaa'e Laawuroon.
Laawuroo : 2-0
Maariyoo: 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Saawuzhampitan v Everteen
Kilebootni lamaan turban darbe qabxii sadii guutuu argatanii ture. Evertan Maarkoo Silvaa Jalatti fooyya'insa agarsiiseera. Saawuzhampitan ammoo erga leenjisaa haaraa qacaree fooyya'era.
Kanaaf falmii gaarii taasisu jedheen amana jedhe.
Laawuroo: 1-1
Maariyoo: 0-0

Madda suuraa, BBC Sport
Waatfoord v Barnileey
Leenjisaan Barniley gara kilebii isaa duraatti debi'uun morkata. Ni mo'ata jedhees nan eega jedhe Laawuroon.
Laawuroo: 0-1
Maariyoo 0-0

Madda suuraa, BBC Sport
Arsenal v Cheelsii (17:30 GMT)
Arsenaal sarara ittisaa isaa cimsachuu qaba. Yoo kun tahuu baate akkauma durii isaa sadarkaa shanaffaf morkachii itti taha jedha Laawuroon.
Maanchister Yuunayitid sadarkaa afur keessa galuuf morkii cimaa keessa jira. Torban kana booda garaagarummaan qabxii gidduu kilebootaa jirus dhiphachuu danda'a jedheera Laawuroon.

Madda suuraa, BBC Sport
Yoo Maanchister Yuunayitid Biraayitan mo'atee Arsenaal ammoo Chelsii mo'e garaagarummaan kileboota sadan gidduu jiru qabxii sadii qofa taha jedha.
Tootenaam taphataa isaa cimaa jalaa miidhame Haarii Keenii fi waancaa Eeshiyaaf biyyasaaf taphachuuf kan deeme Saan Haangi Miin malee haala akkamiin akka dhiyaatu ni ilaalla.
Kun Tootenaamiif rakkoo hamaa taha jedhee tilmaama Laawuroon.
Laawuroo: 2-1
Maariyoo: 1-2
Dilbata

Madda suuraa, BBC Sport
Hadersifiildi v Man Siitii (13:30 GMT)
Hadersifiildi leenjisaa isaanii Deevid Waagner gaggeessaniiru. Leenjisaa haaraan ammaaf qabatee jiru ammoo waan kana gidduutti jijjirama fidu natti hin fakkatu jedha Laawuroon.
Maanchister Siitiin waanuma akka shaakala fakkatu taphachuun salphumatti torban darbe Woolvis mo'atan. Kanaaf Gaardiyolaf haalotni mijatoo fakkatu jedha.
Laawuroo: 0-2
Maariyo: 0-2

Madda suuraa, BBC Sport
Fulham v Tootenhaam (16:00 GMT)
Tootenhaan Muusaa Sisikoo fi Keen malee yeroodhaaf rakkoachuu dhiisuu mala.
Ji'a kana taphataa tokko qofa Riyaan Baabel mallateesiise. Leenjisaa Kilaadiyoo Raaneerii jalattis Fuulhaam qabxii gahaa argachaa hin jiru.
Laawuroo : 0-2
Maariyoo: 0-2













