Morookoon baabura Afriikaatti saffisaan tokkoffaa ta'e eebbisiiste

Pirezidaant Immaanu'eel Maakrooniifi Mooticha Moohaammed VI

Morookoon baabura saffisa isaatiin Afriikaatti tokkoffaadha jedhame Kamisa eebbisiifte. Baaburri kun magaalaa biyyattii daldalaafi industiriin itti baayyatu Kaazbilaankaafi Taangiir gidduu tajaajila geejjibaa dhiyeessa.

Mootichi Mohaammed VI fi Pirezedaantii Firaansi Imaanu'eel Maakroon yeroo eebbifamutti magaalaa Taangiir irraa gara Raabaat ittiin deemaniiru.

Daandiin eebbifame kun sa'aatii tokko keessatti kiiloomeetira 320 (maayilii 198) akka deemuun karoorfameeti.

Baaburri Morookoon eebbisiifatte kun kan Afriikaa Kibbaa saafisaadha jedhame buufata Xiyyaaraa Internaashinaalaa Johaannisbargiifi magaalaa daldalaa Saanditooniin walqunnamsiisu harka lamaa oliin caalaa jedhameera.

Akka dhaabbanni oduu biyyattii gabaasetti baabura kanatti baasiin ba'e diirhaamii biiliyoona 22.9 ($2.4bn).

Daandiin baaburaa kun hojjetamee xumuramuudhaaf waggoota torba fudhate.

Eebbaa baaburichaa irratti