Hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamne 40 Buufata Xiyaaraa Maqaleetti

Madda suuraa, Geez media
Hidhattoonni 40 ta'an eenyummaan isaanii hin beekamne Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa Maqaleetti argamutti qabaman.
Ergamni isaaniifi eenyummaan hidhattoota kanaa beekamuu baatus hidhattoonni kunneen lammilee Itoophiyaa akka ta'an ibsameera.
Guyyaa lamaan dura Sudaanirraa galuun isaanii kan shakkaman hidhattoonni 40 ta'an Buufata Xiyyaaraa Alulaa Abbaa Nagaa Maqaleetti qabamuu isaanii maddeen nageenyaa naannoo sanaa gabaasaa BBC'tti himaniiru.
Hidhattoonni kunneen xiyyaara guddaa Antoonoov jedhamuun doggogoraan buufata xiyyaaraa sana keessa qubachuu akka hin oollefi poolisiin Tigiraay dhimmicha qorataa jiraachuun barameera.









