Itoophiyaafi Eertiraa: Irbaataan booda maaltu haasa'ame?

Madda suuraa, EBC FaceBook Page
Jilli olaanoo motummaa Eertiraa ministira haaja alaa biyyattii Osmaan Saaleh fi gorsaa pirezidaantii Yamaana Gabra'abiin hogganamu kalleessa guyyaa Itoophiyaa yoo galan simannaa ho'aan taasifameefiira.
Afeerraa irbaataa masaraa biyyaalessaatti taasifameen boodas ministiri mummee Itoophiyaafi bakka bu'aan Ertiraa haasaa taasisaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad, bara haaraa dhufu kan kabajinu Finfinnee fi Asmaraatti waan ta'eef asuumaa achi qophii akka taasiftan jechuun artistoota affeerraa irratti argamaniif waamicha taasisaniiru.
"Warra Matsawaa deemtanii bashananu barbaaddaniis qophaa'aa daandiin xayyaaraa Itoophiyaa balaliinsa dhiyootti eegala," jedhan.
"Obboloota keenya Eertiraatti argaman waliin kan nu baasuu jaalala qoofaadha.''
Aartistoonni keenya waggoota dheeraaf fiilmiifi muuziqaan hariiroon biyyoota lamaanii hagam akka cimaa ta'e himaa turan jedhan.
Isaanis fiilmii afaan Amaaraan hojjetame mata-dureen isaa 'Soost Maa'izan' kan jaalalli lammileen Itoophiyaafi Eertiraa walii qaban irratti mul'atu barreessuu isaaniis dubbataniiru.
"Waldhabdee yaalleerra gama lamaaniinu kisaaraa qaba, kana malees warraanni nama nyaata, qabeenyaa balleessa akkasumas sammuu yaada gaarii maddisiisu maluus ni huba,'' jedhaniiru.
Aarsaa kafalamu hunda kafaluun obbooleeyyan Eertiraa waliin ida'amuun guddachuuf fedhii olaanaa qabachuu himaniiru.
Qaamoolee walitti dhufeenyi biyoota lamaanii akka fooyya'u hojjetan galateeffatanii, nageenyaafi badhaadhina boyyoota lamaaniifu hawwaniiru.
Gorsaan pirezidaantii Ertiraa fi itti gaafatamaan dhimmoota siyaasaa Obbo Yamaana Gabra'aab simannaa isaaniif taasifameef galateefataniiru.
''Har'aa yoo wal agarru waggaa 20n booda. Garu akka nama waggoota 20 adda bahuun wal argee hin fakkaanne,'' jedhan.
"Jidduu keenyatti garaa garummaan yaadaa homtuu hin jiru. Amantaa boqonnaa gaddisiisaa tokko xumuuruun gara boqonnaa haaraa eegalle jedhuun qaba,'' jedhaniiru.
Itti dabaluunis, biyyoota lamaa jidduu rakkooleen xixiqqan jiraatan illeen, ''waliin mari'achuufi waliigalteen akka mo'annuun amana,'' jedhan.
Sababii amantaa isaanii kan cimsuus yoo himan, ''fedhiifi murteen oggantoota biyyoota lamaanii dhugaa ta'usaati,'' jedhaniiru.
Haasawa isaanii yoo xumuraniis, ''jedha jaalala ministira mummeen eergifadha jechuun jaalala nu agarsiiftaniif isiin galateefanna,'' jedhaniiru.














