Okkarri Kaameruunitti ka'e dayaasporaatu miidiyaa hawaasummaan uume jedhame

Kaameruun

Madda suuraa, Getty Images

Okkarri mootummaa Kaameruuniifi garee warra Angiloofoonii foxxoquu barbaadan gidduutti uumame daran hammaataa dhufeera. Mormii bara 2016'n booda kan ammaa kun isa hamaadha jedhameera.

Ministirri Muummee Kaameruun okkara walakkaa biyyattiirratti baballate kana "warra daayaasporaatu arka wayyaa jalaan" shira kana uumaa jira jechuun komatan.

Filmoon Yaangi lammiileen Kaameruun biyya alaa jiran miidiyaalee hawwaasummaa fayyadamanii "oduu jibbiinsaa ololuun shororkeessuu" irrallee darbanii hanga "ajjeechaawwan ajajanitti" ga'aniiru jechuun himatan.

"Miidiyaaleen hawwaasummaa lammiilee Kaameruun daayaasporaa ta'aniif dirree ittiin hojii shorokkeessuu isaanii galma geessifachuuf filatanidha.

Kompiteraafi bilbiloota arkaa isaanii qofa qabatanii, lammileen Kaameruun daayaasporaa ta'an kun oduu jibbinsaa ololuufi shorokkeessaa jiru. Kana malees ajjeechaa ajajuufillee duubatti deebiyaa waan jiran miti," jedhan Ministirri Muummee kun.

Akka Obbo Yaangiin jedhanitti ji'oota darban keessa lola garaa warra Angiloofoonii foxxoquu barbaanan kan Kibba-Lixaafi Kaaba-Lixaa biyyattiitti argaman waliin taasifameen humnoonni nageenyaa 80 ta'an ajjeefamaniiru jedhan.

Lammiileen nagaa 100 ykn isaa ol ta'aniifi bakka buutonni kutaa biyyaas ajjeefamaniiru ykn butamaniiru, jechuun dabalaniiru ibsaniiru.

Obbo Yaangi karoora gargaarsa atattamaa haarawaa dolaara miliyoona 220 ta'u namoota nagaa kuma dhibbaa hedduutti lakkaa'aman sababii lola kanaatiin buqqa'an ittiin gargaaruuf jiranis beekisaniiru.

Okkarri bara 2016 keessa, mormiiwwan lammileen Kaameruun Angiloofoonii ta'an aanga'oota biyyattii Firaankoofoon ta'aniin loogiin nurratti taasifameera ykn qoollifamneerra jedhaniin walqabatee hammeetee turuun isaa ni yaadatama.

Dhabbanni mirga namoomaaf quuqamu 'Amnesty International' akka jedhutti mootummaan "akka arge namoota qabuun, namoota dararuu, seeraan-ala ajjesuufi qabeenya barbadeessuun" uumameera.