Hariiroon diinagdee Itiyoo-Ertiraa garamiittii qaxxaamura laata?

Madda suuraa, Getty Images
Eertiraa fi Itoophiyaan erga adda bahanii waggoonni 27 darbaniiru. Waggoottanni kannee keessattis hariiroon siyaasaafi dinagdee biyyoota lamaanii cufaa ture jechuun ni danda'ama.
Eertiraan qabeenya gara biyyota alaatti ergitu guddaa hin qabdu ture. Sharafa alaa argataa turaniis buna irraa yoo ta'u, bunas Itoophiyaarraa fudhachuun gara alaatti ergaa turte.
Diinagdeen Eertiraa Itoophiyaa irratti kan hirkate ture, booda garuu dhimmi buufata doonii fi kanneen biroo wal dhabdee isaaniif sababa ta'aa dhufuun adda bahan jedhu, Yuunivarsiitii Finfinneetti hayyuun hariiroo Idila Addunyaatti gargaaraa pirofesaraa Taaffasee Oliiqaa.
Hariiroon biyyoota lamaanii ol'aantummaa biyya tokkoo irrattii kan hundaa'e osoo hin taane, paartiilee yeroo sanaa lamaan gidduuttiidha yaada jedhuuf Dr Taaffasaan, lamaan isaaniiyyuu dhimma qabsoo Mootummaa Dargii irraa kan hafe waliigalaa hin turre jedhan.
Dr. Taaffasaan biyyootni lamaanuu walirraa adda bahuusaaniin miidhamaa waan turaniif, amma muuxannoo kanarraa ka'uun hariiroosaanii sirreessuu danda'u jedhan.
Eertiraan Itoophiyaarraa yommuu adda baatu, Itoophiyaanis carraa itti fayyadama buufata doonii yoo dhabdu, Eertiraanis carraa gabaa bal'aa biyya keessaa dhabdeetti jedhu.
Biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuuf siyaasa ofittummaa fi wal tuffachuu dhiisuu qabus jedhaniiru. Kanaan duras daangaan sababa waraanaa ta'e malee rakkoon guddaan rakkoo siyaasaa fi ilaalchaa ture jedhu.
Yeroo paartileen biyya bulchaa jiran gara taayitaatti dhufan lamaanuu bosonaa waan dhufaniif akkamiin dinagdee qabanittille fayyadamuu akka danda'an sirriitti hin hubanne ture kan jedhan Dr Taafaseen, amma haala darbeerraa waan baratamu fakkaatas jedhaniiru.
Rakkoo siyaasaa biyyota lamaanii furuuf hojiin muummichi ministiraatiin jalqabame, seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti tasumaa argamee waan hin beekne waan ta'eef namootni kaanis tumsuu akka qabu dubbatu.
Ammas nagaan erga bu'e booda Itoophiyaan akka biyya guddootti, Eertiraan ammoo akka biyya xiqqootti kan of ilaaltu yoo ta'e, wal dhabuu danda'u waan ta'eef xiyyeeffannoo guddaa barbaada jedhu.
Haa ta'u malee, ogeessa hariiroo Idila Adunyaa fi Waltahinsa Dinagdee kan ta'an obbo Abdurahaman Sayid Landan irraa, hariiroon biyyota lameenii kan sirratu yoo tahe, Itoophiyaan biyya uummata miliyoona 100 ol kan qabduu yoo taatuu, Eertiraan buufa doonii waan qabduuf biyyootni laamaanu fayyadamuu danda'u jedhu.
Haaromsi siyaasaa fi dimokiraasii Itoophiyaa keessatti mul'ataa jiru Eertiraa keessa waan hin jirreef Isaayaas Afewarqii har'a waan gaarii yaadee bor waan hamaa yoo yaade dhaabatni, sirni, heerri fi seerri isa adabu waan hin jirreef; hariiroo dinadgee fi nageenyaa itti fufinsa qabu fiduuf sodaachisaa tahuu danda'a jedhu Obbo Abduraahaman.
Haa tahu malee abdii kan godhachuu danda'u akka fedhii namoota lamaanii yeroo sana tureetti, gochuu osoo hin taane fedha uummataa irratti kan hundaa'e tahee hojjetamuu qaba jedhan. Furmaata waaraa fiduun yoo barbaachise jedhu
''Eertiraa keessattis haalli bulchiinsa gaarii yoo mirkanaa'e malee waliigaltichi furmaata xumuraa tahuu hin danda'u. Biyyotni lamaan kan walii galan yoo tahe garuu eertiraan wabii nyaataan ammayyuu waan of hin dandeenyeef itoophiyaa irraa galchuu dandeessi.''
Dabalataan Itoophiyaan buufataalee dooniishee kan fayyadamtu yoo ta'e, Eertiraan galii guddaa argachuu dandeessi jedhan.
Waamicha Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahimed taasisaniin mootummaan Ertiraa bakka bu'ootasaa gara Finfinneetti erguuf akka jedhu gabasuun keenya ni yaadatama.














