Maatiin namoota hidhaa jiranii namni eegnu hin hiikamne jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Roobii darbe miseensota paartii siyaasaafi namoota biroo dhimmi isaanii abbaa alangaan ilaalamaa jiruufi kanneen itti murtaa'e, sadarkaa biyyaatti waliigaltee uumuufi dirree yaada siyaasaaf tolu fiduuf gadi dhiisuuf murtaa'uu isaa hoggantoonni paartilee miseensa ADWUI afran ibsa waliin kennaniin beeksisanii turan.
Guyyaa ibsi kun ba'erraa eegalee namoonni maatiifi firoonnii isaanii hidhamanii jiran nuffii tokko malee naannoo manneeen hidhaa Qilinxoo, Zuwaayiifi Maa'ikelaawwii ooluudhaan karra karra isaanii ilaalaa oolu.
Yakka jeequmsaafi diddaa kakaasuun itti murtaa'ee mana hidhaa kan jiru itti gaafatamaan sab-qunnamtii duraanii Paartii Samaayaawwii Yonaataan Tasfaayee, erga oduun kun dhaga'amee kaasee hiikamuusaa eegaa jirra jedhu maatiin isaa.
"Ayyaana Qillee waliin walqabsiisee mucaan keenya hiikamuu danda'a jennee hawwiidhaan eegaa turrullee hanga ammaatti wanti mul'ate hin jiru," kan ilmi isaanii mana hidhaa Zuwaayitti argamu Obbo Tasfaayee Raggaasaa.
Intalli adeemsa mana murtiitif waggaa lamaaf mana hidhaa kan jiran itti aanaa itti gaafatamaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa, Boontuu Baqqalaa garuu murteen kun hojiirra oolee hanga argitutti amanuuf akka rakkattu dubbatti.
"Mootummaan kan ganama dubbate waaree booda waan irra hin deebineef mana hidhaatii ba'ee yoo waliin taanee ciree nyaanne qofan amana," jetti.
Abbaan Yonaataan erga murtoon mootummaa kun dhaga'amee ilma isaanii arguu baatanillee firoonni isaanii biroon deemanii arganii turan.
"Kan hojiitti jijjiiramu yoo ta'eef bu'uura ibsichaatiin ani mana hidhaatii ba'uu nan danda'a jedhee eeggachaa akka jiru isaan waliin haasa'era," jedhu Obbo Tasfaayeen
Yeroo BBCn oduu kana qopheessaa jirutti Obbo Baqqalaan wal'aansa fayyaaf ala akka jiran hubachuun danda'ameera.
Akka Boontuun jettutti, "anillee itti bareera; obbolaawwan koo quxisuun garuu barnoota isaanii hordofuu dadhabaniiru," jetti.
Miseensonni Kongirasii Federaalawa Oromoo galmee Obbo Baqqalaafaa jala jiran Addisuu Bullaalaafi Dajanee Xaafaa ibsicha ilaalchisee waan dhaga'an akka hin qabne akka isheetti himan dubbatti.
Akka ibsa ministira muummeettii hiikamuu hidhamtootaa biratti bakka dararaan addaa addaa hidhamtootarra ga'aa itti ture giddu-galli qorannaa yakkaa Maa'ikelaawwiis akka cufamu murtaa'eera jedhameera.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu 'Aminastii Internaashinaal' oduu hiikamuu hidhamtootaafi cufamuu Maa'ikelaawwii akkuma dhaga'een "mallattoo dhuma haccuucaa hamaa ta'uu danda'a,'' jedhee ture.
Haa ta'u malee gama mootummaatiin haala adeemsichaas ta'e namoota warra kamitu mana hidhaatii akka hiikamuu danda'an wanti himame hin jiru.
"Ol iyyannoo irraa kan ka'een yeroon turtii mana hidhaa Yonaataan waggaa ja'aafi walakkaarraa gara waggaa sadiifi walakkaatti hir'atus guutumman guututti hidhaatii ba'ee osoo arginee maatiin isaa, firaafi jaallattoonni isaa waan hunda caalaa akka gammadan shakkii hin qabu," jedhu Obbo Tasfaayeen.
Dhimma kana yoo beekan jechuun Mana Sirreessaa Federaalaa kan gaafataman "hanga ammaatti waajira ministeera muummeetis ta'e abbaa alangeerraa xalayaan nu ga'e tokkollee hin jiru,'' jedhaniiru.
Akka nu ga'eenis kan beeknu ta'a," jechuudhaan ogeessi sab-qunnamtii Itti aanaa Saajiin Saahilegabreel Yitbaarek BBC'tti himaniiru.
Abbaan Alangaa Federaalaas haaluma walfakkaatuun xalayaan kamiyyuu waajjira ministeera muummee irraa akka isa hin geenye beeksiseera.
Boontuu Baqqalaa akka BBC'tti himtetti ibsicha dhaga'uun dheengadda naannoo mana hidhaa Qilinxoo namoonni maatiifi firoottan isaanii hiikamuu laata jedhanii hawwiin eeggachaa turan.
Haalli jiru kun toora qabatee eenyu akka hidhaarraa hiikamuufi eenyuuf akka araarri ta'uuf hanga beekamutti maatiifi firoonni hawwiin eeggachuun ittuma fufa.













