Gowoomsuu gara jabeenyaa

Gowoomsuu gara jabeenyaa

Milishoonni Bookoo Haaraam ijoollee dubaraa butaman irratti gowoomsoo gara jabiinaa baay'ee taphataniiru.

Maatiin isaanis Bookoo Haaraamiin akka waan qabamanii fakkeessuun gowoomsaa turan. Wayita tokkos shamarran kiristaana isaan isilaamaa irraa fo'uun, isaan gara isilaamaatti geeddaramuu didan gaaziin akka isaan guban doorsisan.

Surrii jalaan uffatamu fi maka : Uffannaa boja'iinsa keessatti hijataman. Surrii jalaa gartuu hiijaab iirra hojatame. Muka qarabaatti fayyadamuun akka rifeensa ittiin filuufi adda baasuuf hojatame.'' Mirgi abbeentaa: mukawwan, Adaa'obii Tricia Nwaubani, surriin jala uffatamu kan MMF

"Isaan booda gara keenya dhufuun, 'warri isilaama taataniif amma yeroonsaa kan kadhannaati,' erga isaan kadhannaa taasisaniin boodas, 'Kanneen isilaama taatan gara tokkotti goraa, warri kirisitaana taatanis gara biraatti fo'amaa,' nuun jedhan."

''Sana boodas jarikaana konkolaataa keessatti agarre, nutis boba'aa konkolaataa seene. Isaanis, ''eenyuufi meeqa keessantu gara isilaamaatti geeddaramuu barbaada nuun jedhan."

Sababii baay'ee keenya keessa sodaan waan jiruufuu, muraasni keenya ol ka'uun gara keessatti adeemne... 'isin warri haftan du'uu barbaaddu, kanaaf miti isiin isilaama ta'u kan hinbarbaanneef, isiin gubuuf jenna nuun jedhan....

'Kana boodas jarkaanii nuti boba'aatu keessa jira seenee sana nutti kennan. Garuu boba'aa hinturre, bishaanitu keessa ture malee.''