'Abbaan intala isaa eebbisiisuuf Moqaadishoo deeme, sirna awwaalcha ishiirratti argame'

Madda suuraa, AFP
'Abbaan intala isaa eebbisiisuuf Moqaadishoo deeme, sirna awwaala ishii argani'.
Mariyam Abdullaahii guyyaa itti aanuu oggummaa dooktarummaatiin eebbifamuuf turte.
Obbolleetiin Mariyam Anfaa'aa BBC Somaaliitti akka himtetti, waan uumameen isheenis baayyee miidhamtee jirti.
''Maatiinis naasuu olaanaa keessa galaniiru. Keessattuu abbaan keenya eebba ishee irratti argamuuf Landanii amma asiitti dhufee tures eebba ishee osoo hin taane sirna awwaalcha isheerratti argame,'' jettee jirti.
Boombiin konkolaataa irratti Sanbata darbe dhuka'e seenaa Somaaliyaa waggoota 10 keessaa balaa isa suukanneessaa dha.
Reeffi namoota 165 ta'anii sababii dhoohiinsa boombii Moqaadishootiin du'anii fi eenyummaa isaanii adda baasuun rakkisaa ta'e awwaalaman.
Akka tajaajilli oduu mootummaa 'Soonnaa' gabaasetti, yoo xiqqaate namoonni 276 du'aniiru. Adda baasuuf kan danda'ame garuu eenyummaa namoota 111 qofaadha.
Namoota eenyummaan reeffa isaanii adda ba'e keessaa tokko barattuu ogummaa fayyaa kan taate fi guyyaa itti aanutti eebbifamuuf turte shamarree Mariyam tokko dha.

Madda suuraa, ANFA'A ABDULLAHI
Abbaan ishii eebbisiisuuf gara Moqaadishootti balali'anii turanis, eebba ishee osoo hin taane sirna awwaalcha intala isaanii ijaan arganiiru.
Haleellaa hoteelaa fi waajjiraalee mootummaa barbadeesse kana duuba, qaamni anatu jira jedhe tokkoyyuu hanga ammaatti hin jiru.
Karaa gara biraatiin, xiyyaarri waraanaa Turk namoota 40 balaa sanaan madaa'an yaalaaf gara Turkitti geessaa jira.
Erga Al-Shabaab bara 2007tti Somaaliyaa galee kun haleellaa is hamaa dha jedhameera.












