Ameerikaan taankari boba'aa biraa to'atte

Ameerikaan taankarii boba'aa biraa Venezuweeelaatii kaate to'achuu Ministeerri Biyya Keessaa US beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp DV dhorkuun lammilee Itoophiyaaf dhiibbaa akkamii qaba?

    Murtee kanaan lammiilee hubaman keessaa tokko lammiilee Itoophiyaati.

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Tiraamp haleellaa jumlaa Yunivarsitii Biraawun keessatti raawwateen namoonni lama erga ajjeefaman booda carraa lootorii Giriin Kaard (DV) jedhamu dhorkan.

    Nami haleellaa kanaa raawwateera jedhamee shakkamu lammiin Porchugaal DV'dhaan Ameerikaa kan seene.

    Dabalataan;

  2. Agarii Tulluufi Badhaadhaa Dilgaasaa eenyu?

    Barreessaa kitaaba Oolmaa Mogor
    Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa kitaaba Oolmaa Mogor

    Gootota Oromoo ummata Salaalee biratti iddoo bal'aa qabanfi afoolafi seenaan akkaan leellifaman keessaa tokko Agarii Tulluuti.

    Agariin ALA bara 1941 aanaa Dagamitti dhalate. Namni gaafa roorroon nama dhuunfaarraayis yaa ta'u sirnarraa itti baay'atu garri itti badan yoo jiraate Mogori" jedha barreessaan kitaaba 'Oolmaa Mogor' barsiisaa Olaanaa Damee.

    Dabalataan asii argattu.

  3. Afrikaa Kibbaatti hidhattoonni namoota sagal ajjjeesan

    Jiraattoota Bekkersdal bakka taateen kun mudate turan

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattoota Bekkersdal bakka taateen kun mudate turan

    Afrikaa Kibbaatti dhukaasa banameen namoonni sagal ajjeefamanii, namoonni 10 biroo madaa’uu hordofee hidhattoonni haleellaa kana raawwatan adamsamaa jiru.

    Poolisiin akka jedhetti, dhiiroonni torbaa fi dubartoonni lama haleellaa Johaanisbarg cinaa, bakka Bekkersdal jedhamutti banameen ajjeefaman.

    Hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne fi qawwee hidhatan 12 konkolaataan bakka sana erga qaqqabanii dhukaasa bananiin miidhaa qaqqabsiisan jedhe poolisiin .

    Hidhattoonni kun Sambata darbe kana namoota otoo addaan hin baasin erga itti dhukaasanii booda bakka sanaa baqatan jedhe qondaalli poolisii biyyattii.

  4. Injineerri Jarman nama wilchariin deemu jalqabaa gara hawaa imale taate

    Mikeeyelaa Bentaahus

    Madda suuraa, Blue Origin

    Ibsa waa'ee suuraa, Mikeeyelaa Bentaahus

    Mikeeyelaa Bentaahus jedhamti.

    Waggaa torban kana balaa biskitii irra qaqqabeen ispaayinaal koordiin ishee miidhamee wilchariirratti hafte.

    Inijinarri kun hawwiin isheen injinaraa qorannoo hawaa ta'uuf yaadaa turte dhugoomuu danda'u qorataa hawaa soorama bahe tokko gaafataa turte.

    Injinarri soorama bahe kun dhaabbanni turizimii hawaa, kan qabeenyummaan isaa Jeef Beezon ta’e imala hawaa daqiiqaa 10 akka mijeessuuf gargaare.

    Aadde Mikeeyelaa fi namoonni shan biroo Ameerikaa, Teksaasirraa Sambata darbe kana garahawaatti furguggifaman.

    Sana booda daangaa hawaa bakka ‘Karman line’ jedhamu gahanii deebi’an.

  5. Masriin Itoophiyaarraa maalin barbaada jette?

    Keessummoota yaa'ii Kaayiroo taasifameerratti hirmaatan

    Madda suuraa, presidency.eg

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Masriin hidha Abbayyaarratti dhibdee qabu

    Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaa Al-Siisii Masriin Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa waliin waliigaltee seeraa dirqisiisurra gahuun kan darbe ''rakkina biraa hin qabdu'' jedhan.

    Pirezidantichi kana kan dubbatan walgahii ministeerota lammaffaa yaa'ii Tumsa Raashiyaa fi Afriikaa Kaayirootti ta'aamurratti namoota biyyoota Afrikaa garaa garaarraa dhufan waliin yeroo mariyatan kana dubbachuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu Al-Ahram gabaaseera.

  6. Ameerikaan taankari boba'aa biraa to'atte

    Dooniii Venezuweelaa

    Madda suuraa, X/Sec_Noem

    Ameerikaan taankarii boba'aa biraa Venezuweeelaatii kaate to'achuu Ministeerri Biyya Keessaa US beeksise.

    Ameerikaan yeroo lammataafi doonii boba'aa Venezuweelaa to'adhe kan jette.

    Taankariin biraa to'atamuu erga Tiraamp gaafa Kibxataa taankarii boba'aa qoqobbiin irra ka'ame Venezuweelaa akka hin seennes ta'e hin baane ''uggurri'' akka taasifamu ajajan booda dhagahame.

    Venezuweelaan sochii Ameerikaa kana balaaleeffatteetti. Kuni, ''saamichaa'' jechuun ibsite.

    Venezuweelaan kana dura Ameerikaan qabeenyakoo saamuuf yaalaa jirti jettee turte.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa eegale.

    Oduufi odeeffannoo keenya WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!