Lammiin Ameerikaa
waggaa 43'f dogongoraan yakka ajjeechaatiin hidhame, Subaraamaanyaam ''Suubuu''
Viidaam, ragaa haaraan erga argameen booda bilisa baafamulleen
deebi'ee to'annoo jala oolfameera.
Namni kun hidhaa
waggaa 40 olii irraa gadi dhiifamulleen, osoo maatiisaa bira hin gahiin dura
aanga'oota Immigireshiniifi Gumurakaa Ameerikaatiin to'atamee buufata turtii
akka seenu taasifameera.
Aanga'oonni Viidaam
biyya Indiyaa kan yeroo daa'imummaasaatti keessaa bahe malee keessa hin
jiraanneetti isa ari'achuuf akka jiran himan.
Gareen abbookaatota
isaa murteen kun akka jijjiramuuf yaalaan kan jiran yoo ta'u, maatiin isaas
akka hidhaa bahuuf carraaqaa jiru.
Obbooleettiin isaa
Saaraasiitaa Viidaam maatiin isaa daandii haaraafi kan hin barame kana
qaxxaamuruuf yaalii taasiisaa jiraachuun BBCtti dubbatteetti.
Obbolleessa ishee kutaa hidhamtootaan itti wal beekuu fi
bakka itti sirreeffamtoota gorsaa ture, akkasumas hojjattoota eegdoota irraa
adda baafamuun kutaa namoota 60 waliin qoodattuufi bakka jijjiramni fide itti
hin mul’anneetti jijjiramusaa dubbatteetti.
Obboolees ishee maqaa masoo ‘‘Suubuu’’ jedhamuun
beekamu kun, ‘‘maqaankoo qullaa’eera, ani Kanaan booda sirreeffamaa miti,
hidhamaas miti’’ akka jedhe ibsiti.
Suubuun yakka ajjeechaa murteen itti kennameen bilisa
jedhamu illeen, maatiinsaa garuu bilisummaa isaatti danqaan tokko akka jiru ni
beeku turan.
Erga yakka ajjeechaa fi balleessaa qoricha sammuu
hadoochuutiin erga murteen irratti darbeen booda bara 1988tti akka biyyaa ari’atamuuf
murteen irratti darbee ture.
Maatiin nama kanaas galmee immigireeshinii banuudhaaf
karoora qabaatan illeen haalli galmichaa waan gara biraa qabaachuu amma akka
hubatan dubbatti obbooleettiin isaa tun.
Abbaan Taayitaa Immigireshiniifi Gumurika Ameerikaa
gaaffii BBCf deebii kennuu baatulleen, miidiyaalee biraatiin Subaraamaaniyaam
Viidaam hanga biyyaa ari’atamuutti to’annoo jala akka tursiifamu dubbataniiru.