Tiraamp kan namni Chaarlii Kiirk ajjeesse du'aan akka adabamu gaafatan adabbii kanarratti ejjannoo attamii qabu?

Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru. Ofii Tiraamp adabbii du'aarratti ejjannoo attamii qabu?

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Duuti Kiirk seera qawwee Ameerikaa irratti dhiibbaa attam qabaata?

    Shiguxii nama hidhate

    Madda suuraa, Getty Images

    US keessatti seerri qawwee kutaa biyyaatti garaagarummaa qaba jedha gabaasaan siyaasaa 'BBC Newsbeat' Joordaan Keeniin haala jiru yoo ibsu.

    Yuutaan seera "open carry" jedhu qabdi, kana jechuunis namoonni bakka namoonni baay'atanittis qawwee qabachuu danda'u jechuudha.

    Dhimmi qawwee qabachuu kunis dubbii ijoon ho'aa erga Kiirk du'ee booda haasawaan ka'u tauun beekamaadha jedha.

    Kiirk mataan isaa deeggaraa mirga qawwee qabachuu ture. Bara 2023tti akkas jedhe ture: "Mirgoota Waaqayyo nuuf kenne kanneen biroo eeguuf fooyya'iinsa lammaffaa qabaachuu akka dandeenyuuf, baasi qabaatusi, kan nama dhibu, waggaa hunda du'a qawwee tokko qabaachuun gatii qaba."

    Ameerikaa keessatti riiformiin to'annoo qawwee falmii yeroo dheeraa fi dhimma falmisiisaa ta'ee kan seera baastootas baay'ee rakkisaadha.

    Ji'a Waxabajjii 2022 keessa Kongireessiin seera dargaggoota qawwee bitan irratti sakatta'iinsa cimaa akka taasifamu ajajuu kan kaa'u yoo ta'u, isteetiiwwan namoota balaa ta'anii yaadaman irraa qawwee akka hiikamuf jajjabeesse raggaasiseera.

    Wixineen seeraa kun deeggarsa paartilee lamaanii kan hin argamne kan argate yoo ta'u, gara waggoota 30 keessatti seera qawwee isa guddaa jalqabaati.

    Duuti Kiirk to'annoo qawweerratti dhiibbaa qabaata? "jechuun rakkisaadha, haata'u malee, seera irratti jijjiirama guddaa fiduu hin oolu," jedha Joordaan.

  2. Adabbiin du'aa fi seenaa Yuutaah

    Bulchaan Yuutaah Taayilar Roobinsan du'aan adabuuf aanga'oonni odeeffannoo walitti qabaa jiruu jedhan

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchaan Yuutaah, Ispeensar Koosk akka jedhanitti, nama Chaarlii Kiirktti dhukaasuun lubbuusaa galaafachuu itti gaafatamummaa fudhate irratti ''adabbii du'aa rraawwachuuf'' aanga'oonni ragaa hunda walitti qabaa jiru.

    Seerri adabbii kanaa kutaalee biyyattii 27tti ammallee adabbii du'aa raawwatan keessatti garaagarummaa qaba. Akka Giddugalli Odeeffannoo Adabbii Du'aa jedhuutti, kanneen Yuutaah keessatti ajjeechaa cimaa raawwatan adabbii du'aatu isaan mudata.

    Akkasumas gochi kun Ameerikaatti deebiifamee jalqabee booda yeroo jalqabaaf bara 1976 keessa yeroo Gaarii Gilmoor, mana ajjeessuun yakkamaa kan ta'e, bara 1977tti garee dhukaasaatiin ajjeefameetti ture. Kunis mala guutuu biyyattii keessaa kutaalee biyyattii shan qofa keessatti kan hayyamamedha.

    Erga Gilmor ajjeefameen booda, Ronnie Lee Gardner dabalatee, kan bara 2010tti itti dhukaafamuun ajjeefame dabalee, walumaa galatti namoonni ja'a ajjeefamaniiru.

    Gariin gocha kana Yuutaah keessatti haquuf abdachaa turan, seera baastonni Rippabilikaanotaa duraan adabbii du'aa deeggeran lama, bakka bu'aan kutaa biyyattii V. Lowrii Isnoowuu fi Seneter Daanii'el Maakaayii bara 2022tti wixinee seeraa tokko dhiyeessanii turan.

    Haata'u malee, labsichi sagalee tokkoon raggaasifamuu hin dandeenye.

    Adabbiin du'aa yeroo dhiyootti raawwatame nama gochaalee ajjeesaa fi gudeeddiin yakkamaa ta'e Taabaron Honiiee Hagayya bara 2024 kan ajjeeffame yoo ta'u, waggoota 14 keessatti kunis kan jalqabaa kutaa biyyattii keessatti raawwatame ture.

  3. Ejjennoo Doonaald Tiraamp adabbii du'aarratti qaban maali?

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Kaleessa pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nama Chaarlii Kiirk ajjeesera jedhamuun shakkame, Taayilar Roobinsan adabbiin du'aa akka itti murtaa'u gaafataniiru.

    Tiraamp yeroo dheeraadhaaf adabbii du'aa kan leellisan yoo ta'u, ji'a Amajji keessa bulchiinsa isaa lammaffaa guyyaa jalqabaatti ajaja hojii raawwachiiftuutiin addabbii du'aa federaalaa irratti kaa'ame kaasuun isaanii ni yaadatama.

    US keessatti adabbiin du'aa irra caalaan isaa sadarkaa bulchiinsa Isteetiitti kan raawwatamu yoo ta'u, kutaaleen biyyattii 27, waraannii fi mootummaan federaalaa ammallee adabbii du'aa akka filannoo seeraatti qabu.

    Erga Tiraamp gara aangootti deebi'anii as addabbiin du'aa federaalaa raawwatame kan hin jirre yoo ta'u, bara 2020 fi Aajjii bara 2021ttis ji'oota marsaa jalqaba aangosaanii hir'achaa dhufe keessatti addabbii du'aa 13 raawwachiisaniiru.

    Adabbiiwwan du'aa kunneenis Tiraamp jaarraa tokkoo oliif biyyattii keessatti nama adabbii du'aa baay'ee raawwate kan taasise yoo ta'u, ce'umsa pirezidantummaa gidduutti adabbii du'aa dhaabuudhaan kan waggoota 130 dura ture cabseera.

    Adabbiin inni dhumaa kan raawwatame Amajii bara 2021 aangoosaa gadhiisuuf guyyoota shan qofa dura ture.

  4. 'Guyyaa tokko deebi'ee hanga si arguutti obsuu hin danda'u'- Haadha warraa Chaarlii

    Erkaa fi Chaarlii Kiirk

    Madda suuraa, Getty Images

    Haatii warraa Chaarlii Kiirki, Erikaa Kiirki erga abbaan warraashee gaafa Roobii darbee Yuutaatti ajjeeffamee booda yeroo jalqabaatiif kaleessa galgala ifatti dubbatte.

    Haasa isheetiinis Chaarlii gonkumaa akka hin duune dhaadachuun,leegaasiin isaa akka itti fufu dubbatte.

    Garuu namni isatti dhukaase ''ibidda haadha manaa isaa keessatti qabsiifte yaaddee hin beektu. Iyyi dubartii abbaan manaa irraa du'e tanaa akka iyya waraanaatti addunyaa guutuutti ni dhaga'ama." jette.

    Hojjettoota Kiirk, Itti aanaa pirezidantii J. D. Vaansii fi Pirezidanti Doonaald Tiraamp galateeffachuun, kallattiin pirezidantichaaf ergaa dabarsiteenis "Ati akka gaariitti isa deeggarte, akkuma inni siif hojjateetti."jechuun dubbatte

    Waa'ee ijoollee isaanii ilaalchisuun, ijoollee isaanii umuriin isaanii waggaa tokkoo fi sadii ta'an waa'ee du'a tasaa Chaarlii akkamitti akka itti himamu irratti wal'aansoo qabaa akka jirtus imimman buusaa ibsite.

    Abbaa warraa ishee tasa ishee biraa wareegameenis: "Hanga guyyaa tokko deebi'ee si arguutti obsuu hin danda'u" jetteetti.

  5. Yunivarsiitii Chaarlii Kiirk itti ajjeeffaman torban dhufu barnoota deebisee jalqabuuf

    UVU

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Yunivarsiitii Yuutaah Vaalii (UVU), Dr Astrid Tuminez, barnoonni qaamaanii fi onlaayinii Fulbaana 17 deebiise akka eegalu mirkaneessaniiru.

    Yunivarsitichi erga Chaarlii Kiirk guyyaa Roobii darbe sagantaa mooraasaa keessatti gaggeeffame irratti rasaasaan rukutamee ajjeefame booda cufame.

    Ergaa marsariitii yunivarsiitichaa irratti qoodeen, Dr Tuminez ''taatee gaddisiisaa kana irraa akkuma bayyanachaa adeemnuu'' eeguumsii nageenyaa dabalataa hojiirra ni oola jedhan.

    "Nageenya yunivarsiitichi ittiin beekamutti deebi'uuf waadaa seennee jirra," jedheera dabalataan.

  6. Waggoota dhiyoo asitti jeequmsi siyaasaa akkamitti US'tti akka mudate

    Daraaraa minjaalaa irra mana keessa taa'ee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajjeechaan Chaarlii Kiirk waggoota dhiyoo asitti jeequmsa siyaasaa hamaa Ameerikaan mudate isa jalqabaa miti. Mee taateewwan beekamoo ta'an haa ilaallu:

    Bara 2025:

    Ji'a Waxabajjii keessa miseensonni mana maree kutaa biyyattii lama mansa saanii Minnesotaa keessatti rasaasaan rukutamaniiru. Bakka bu'aan kutaa biyyattii Meelisaa Hortmaanii fi abbaan warraa ishee Maark rasaasaan rukutamuun ajjeefamaniiru.

    Senetera kutaa biyyattii Joon Hoofmaanii fi haati warraasaanii Yuveette ammoo yeroo baayyee rasaasaan rukutamanis lubbuun hafan.

    Bulchaan Pensilvaaniyaa Joosh Shaapiroo osoo inniifi maatiin isaanii mana keessa jiranii ibiddi itti qabsiifame. Isaanis osoo hin miidhamiin miliqan.

    Bara 2024:

    Ji'a adooleessaa keessa namni tokko Doonald Tiraamp osoo duula filannoo Butlar, Pensylvaaniyaa keessatti geggeeffame irratti namoota walitti qabamaniif haasaa taasiaa jiranii dhukaasni itti bane.

    Dhaddachi nama biraa kan yeroo darbe Filooriidaa Weest Paam Biich keessatti Tiraamp ajjeesuuf yaaluun himatame Fulbaana kana jalqabeera.

    Bara 2022:

    Namni haleellaa raawwatu tokko, Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Ameerikaa duraanii, Naansii Peeloosii, kan Kaalifoorniyaa Saan Firaansiiskoo keessaa cabsee seene.

    Isheen mana hin turre, garuu abbaa warraa Peeloosii irratti haleelee raawwachuun, mataansaa cabee wallaanamuuf guyyoota jahaaf hospitaala keessatti ture.

  7. Namni Chaalii ajjeessee Roobinson maaliin himatamaa jira?

    Taayilar Roobinsan

    Madda suuraa, HANDOUT

    Gurbaan Chaarlii Kiirkiitti dhukaasuun ajjeesse Taayilar Roobninsan Kamisa gara galgalaa to'atamuu isaa hordofuun, dargaggeessi ganna 22 kun amma mana hidhaa keessa jira.

    Waajjirri abbaa alangaa kutaa Yuutaah Kibxata dhufu sirnaan himannaa akka irratti banu ibseera.

    Akka waraqaa galmee hidhaa Roobinsan irraa, miidiyaan michuu BBC Ameerikaa, CBS News argameetti, Roobinson kanneen armaan gadiitiin himatama:

    • Ajjeechaa cimaa
    • Gufuu haqaa - Gocha yakka kcimaa/Sadarkaa tokkoffaa
    • Yakka cimaa meeshaa waraanaan wal qabte- Miidhaa qaamaa hamaa geessisuun.
  8. Neppaal jeequmsa lubbuu namotaa galaafate booda MM dubartii jalqabaa argatte

    MM Neeppaal Neppaal Sushilaa Kaarki

    Madda suuraa, Reuters

    Duree Olaantuun Mana Murtii Waliigalaa duraanii Neppaal Sushilaa Kaarki, mormiin farra malaammaltummaa lubbuu namotaa galaafachuun mootummaa aangoo irraa kaaseen booda Ministira Mummee yeroo biyyattii ta'un mudaman.

    Dubartiin umruun ganna 73 kun sirna gabaabuu qophaa'ee irratti kakachuun, hoggantoota mormii waliin waliigalteerra erga ga'amee booda, biyya hiyyeettii Himaalaayaa kana hoogganuuf dubartii jalqabaa ta'uun aangoo qabbatte.

    Mormii jumlaa torbee darbe keessa uggura waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaatiin wal qabatee gaggeeffame irratti walitti bu'insa poolisoota waliin turen namoonni 50 ol ajjeefamaniiru.

    Uggii kaa'amee ture Wiixata darbe kan kaafame yoo ta'u, mormiichi garuu gara sochii jumlaatti jijjirame.

    Ummanni aarees Kibxata darbe magaalaa guddoo biyyattii Kaatmaanduu keessatti gamoo paarlaamaafi gamoowwan motummaa ibidda itti qabsiisuun MM biyyattii KP Shaarmaa Olii akka aangoo gadhiisan dirqisiisan.

    Gaafa Jimaataa ammoo, garsaan pireesii Pirezidant Raam Chaandraa Poowudel, Kaarkiin galgala sana akka kakuu raawwatan BBC'f mirkanneessan.

    Masaraa mootummaa mormitoonni ibdaan yoo barbadeessaniitti

    Madda suuraa, Reuters

    Waliigalteen pirezidantiichaa fi dureewwan mormitootaa jidduu kan taasifame erga guyyootaaf mariin taasifameen booda ture. Oggeeyyoon seeraas keessatti hirmaatanii ture.

    Paarlaamaan biyyattiis Jimaataa waaree booda diigamuun filannoon waliigalaa Bitooteessa 2026 akka gaggeeffamu labsameera.

    Kaarkii ammoo guyyoota muraasa keessatti kaabinee isheetiif minisitoroota akka mudduu eegamti.

    Maanguddoon tunis akka hubannoo gaarii qabduu kan kanabajamtuu fi aangoon bulchiinsaa yeroo isheef kenname kunis kan dureewwan sochii barattoota ''Gen Z'' jedhamuun deegaramaa jiruudha.

  9. UKtti ummanni Chaarlii Kiirkiif kabaja qaban ibsachuuf walitti qabaman

    Kunoo viidiyoo ummanni UK keessatti kabaja Chaarlii Kiirkiif qaban ibsachuuf walitti qabame agarsiisu.

    Guyyoota darban keessa UK'tti namoonni siyaasaa damee hundarraayyuu oduu ajjeechaa Chaarlii Kiirk kana balaaleeffachaa turan.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Crowds gather in UK to pay tribute to Charlie Kirk
  10. Waajjira muummee 'Turning Point USA' fulduratti kabajni Chaarliif taasifamu itti fufee jira

    Haati warraa Chaarlii Kiirk Erikaa erga du'a abbaa warraasheetiin booda yeroo jalqabaatiif ifatti haasaa taasifteetti.

    Namoonni ammoo bakka garaa garaa irraa gara waajira mummee 'Turning Point for USA'' kan Chaariil Kiirk hundeesse fulduratti kabaja qabaniif daraaraa kaa'uun ibsataa jiru.

    Suuraawwan taatee kanaa kan dhiihoo Foo'eniksi, Areezonaa irraa arganne muraasni kunooti.

    Namoota erga daraaraa kaa'anii booda kadhata taasisaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Suuraa Cheerlii Kiirk daraaraawwaniin marfame

    Madda suuraa, Reuters

    Namoota wal jajjabeessaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Namoota daraaraa kaa'an

    Madda suuraa, Reuters

  11. Haatii warraa Chaarlii Kiirk, ''gonkumaa leegaasiinkee akka du'uuf nhin heyyamu' jette

    Haadha warraa Chaarlii Kiirk Eeriik Kiirk

    Madda suuraa, Reuters

    Haatii warraa Chaarlii Kiirk, Eerikaa Kiirk haasaa taatee ajjeechaa abbaa warraasheetiin booda taasifteen leegaasiin abbaa warraashee akka duuf gonkumaa akka hin heyyamne dubbatte.

    Eerikaan dhuma haasaa imimmaaniin hudhamaa taasifte irratti ammoo dargaggoonni akka sochii siyaasa abbaa warraasheetti makamaniif waamicha taasifte.

    Akkasumas ummanni akka miseensa waldaa ta'aniif waamicha dhiyeessite jirti.

    Kana malees abbaa warraashee ajjeeffamee akkas jechuun ergaa dhaamteef: ''Waadaan gala leegaasiin gonkumaa akka du'u hin taasisuu'' jechuudhaan sochii isaa ''caalaa cimsuudhaf dhimma biyyattii kana dura agartee hin beekne guddicha'' taasiisuuf dhaadateetti.

    Haaluma walfakkaatuunis qaamoolee nama abbaa warraashee Chaariil Kiiri ajjeesse adamsanii to'achuu keessatti gahee bahan hunda galateeffattee jirti.

    Eerikaa Kirk imimmaaniin hudhanaa haasaa taasisteen, pirezidant Doonaald Tiraamp fi maatiin isaanii ajjeechaa abbaa warraasheetin booda deeggarsa taasisaniif galateeffateetti.

    "Kabajamoo Pirezidaantii, abbaan warraakoo si jaallata. Atis akka isa jaallattu ni beeka ture. Ni jaallate. Hiriyyummaan kee ajaa'iba ture. Akka gaariitti isa deggerte, akkuma inni siif godhe hunda," jetti.

    Akkasumas itti aanaa pirezidantii J. D. Vaansii fi haadha warraa isaanii Ushaa waan reeffa abbaa warrashee "gara manaatti isa geessaniif" galateeffatti.

  12. Seenaan barnoota Taayilar fuula Feesbuuk isaarratti ibfamee

    taayila Roobinsan

    Madda suuraa, FACEBOOK

    Maqaan Taayilar Roobinsan jedhu osoo har'a hin iftoomiin dura intarneetii gubbaa naannawaa ture.

    Gareen BBC Verify akkaawuntii maqaa kanaan wal qabate miidiyaalee hawaasaa irra barbaadaa ture.

    Haaluma kanaanis nama haadhasaa jedhamuun yaadna tokkoof piroofaayilii Feesbuukii argatan.

    Maqaa maatii tokko qabu, naannoo tokko jiraatu, akkasumas suuraa nama baayyee Taayilar Roobinsan fakkaatu baay'ee maxxansaniiru.

    Itti aansuudhaanis suuraawwan muraasa yoo sooftiweerii fuula adda baasuu keessa kaa'aman %99.5 fi isaa ol kan Taayilariin kan qondaaltootaan gadhiifameen wal fakkaatu kennan argate.

    Suuraalee akkaawuntii Feesbuukii kanarra jiran keessaa tokko, taayilar waraqaa ragaa mana barumsaa giddu galeessaa Paayiin Viyuu kan magaalaa Seent Joorji kibba Yuutaatti argamu irraa fudhate ol qabatee akka jiru agarsiisa.

    Kan biraan ammoo kan Yunivarsiitii Yuutaah Isteet Logaan kan kaaba Yuutaatti argamutti kaafameedha. Boodarra qondaaltonni bakka lamaan isaaniitti akka barate mirkaneessaniiru.

    Taayilar Roobnsan

    Madda suuraa, FACEBOOK

    Suuraan yunivarsiiticha keessatti kaafaman kunneenis, Taayilar Roobinsan bara 2021 irraa eegalee gamoolee injinariingii achi jiran keessaa tokko ala mallattoo fuulduratti sanada ol qabatee akka jiru agarsiisa, kunis dippaartimantii sana keessatti barachuu akka danda'u agarsiisa.

    Viidiyoo biraa piroofaayilii Feesbuukii isaa irratti maxxanfame irratti, xalayaa akkas jechuun yoo dubbisuu mul'ata: "Baga Yunivarsiitii Yuutaah Isteet irraa iskolaarshippii pirezidantii mana jireenyaa argachuuf filatamte. Gatiin isikoolaarshiippii kanaatis tilmaamaan $32,000 ta'a. Iskoolaarshiippiin kun waggaa afur ykn semestara saddeetiif ni oola."

    Yuunivarsiitichi bara 2021 semestara tokkoof achi akka ture mirkaneessee jira, garuu 'BBC Verify'n maal akka barate ykn maaliif dafee akka ba'e gaafatamee hin mirkaneessine.

  13. Chaarlii! Namni hunduu si jaallata- Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp fi Chaarlii Kirki

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Yuutaa fi Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) nama Chaarlii Kirki ajjeese ibsuu hordofee Tiraamp ergaa gaddaa dabarsaniiru.

    Barreeffama miidiyaa hawaasummaasaanii, 'Truth social' jedhamurratti maxxansaniin ''namoonni hunduu akka Chaarlii jaallatu hubanneerra,'' jedhan.

    Suuraa wal hammatanii ka'an, kan duubaan alaabaan Ameerikaa fi Israa'el jiru, waliin ergaa kana maxxansan.

    Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'an JD Vaansis aanga'oota shakkamaa to'annoo seeraa jala oolchan galateeffataniiru.

    ''Gama tokkoon qorannoon kun ammallee jalqabbiirra jira, garuu kan ajjeechaa raawwate hidhameera,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansan.

    ''Haqa Chaarlii barbaaduuf sochiin taasisne baayyee namatti tola. Kanaaf Waaqi haa galatoomu.''

  14. Shakkamaan Chaarlii Kirki Yunivarsitii Yuutaa keessatti ajjeese barataa yuniversitichaa miti- bulchaa

    Teeyilar Roobinsan

    Madda suuraa, Handout

    Bulchaan Yuutaa namni Chaarlii Kirki ajjeesuun shakkamee qabame Teeyilar Roobinsan barataa Yuniversitii Utaa akka hin taane ibsan.

    Yuniversitiin Utaa bakka ajjeechaan itti raawwatedha.

    Ispeenser Kooksi shakkamaan kun, Roobinsan, dhibee sammuu qabaachuu odeeffannoo akka hin qabne ibsan.

    Roobinsan waggaa dheeraaf maatiisaa waliin Bulchiinsa Waashigitan, Utaa keessa jiraachaa ture.

    Bakki jireenya isaa Yuniversitii Utaa irraa sa'atii sadi fagaata jedhan bulchaan kun ibsa isaanii keessatti.

    Jalqaba torbee dhufuu irraa eegalee shakkamaa kanarratti himati akka banamu akeekan.

  15. Daarektarri FBI tartiiba yeroo itti shakkamaan qabame bal'inaan ibsan

    Daareektara FBI Kaash paateel

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa dhiheenya kana gaazexeessitootaaf kennaniin irratti, daayreektarri Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) Kaash Paatel tartiiba yeroo taateewwan itti Taayilar Roobinsan qabamuu isaatiin dura turan ilaalchisee gadi fageenyasaa kennaniiru.

    • Sa'aatii 33 keessatti qorattoonni ''tarkaaffii seena qabeessa ta'e'' taasifameera jedha Paatel.
    • Roobii gaafa Fulbaana 10 akka sa'aatii biyyaatti, sa'aatii 12:23 irratti Chaarlii Kiirk rasaasaan rukutame.
    • Daqiiqaa 16 keessatti, ergamtoonni jalqabaa bakkichatti argamuudhaan sa'aatii 12:39 irratti bakka sana marsuun eeganiiru.
    • FBIn ''battalumatti humna damee-dhaabbataa labsuudhaan" hojjettoota addaa fi ragaa xiyyaaraan geejjibuu jalqabe.
    • Suuraaaleen shakamaa kanaa inni jalqabaa akka sa'aatii naannichaatti sa'aa 10:00 irratti kaleessuuma gadi dhiifameera.
    • Kaleessa akka sa'aatii naannichaatti sa'aa 10:45 irratti FBI nama shakkamaa ilaalchisee eeruu kenneef badhaasa doolaara 100,000 akka kennu labse.
    • Paateel ammoo sa'aatii 17:30 irratti bakka taateen kun itti raawwatame qaqaban.
    • Sa'aatii 20:00 irratti bulchaan bulchiinsichaa yeroo suuraalee fi viidiyoowwan shakkamaa gadi dhiifameetti gaazexessitootaaf ibsa kennan.
    • Ittaansee aqmmoo, harkanuma kaleessaa sa'aatii 22:00 irratti shakkamaan mana hidhaa geeffame.
  16. ''Ajjeechaan Chaarlii Kirki haleellaa hunda keenyarratti aggamamedha, akkana aaree hin beeku'' Bulchaa Utaa

    Bulchaan Utaa gaddaan liqimfaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchaan Utaa Ispeenser Kooksi namni Chaarlii Kirki ajjeese qabamuu wayita ibsan miira gaddaan liqimfamanii ture.

    Ajjeechaan kun ''ajjeechaa hunda keenyarratti raawwatamedha,'' kan jedhan qondaalli kun ''takkaa akkana aaree hin beeku,'' jedhan.

    Sa'atii 48 darbeef gaddi onnee isaanii cabse isaan gadhiisuu akka hin dandeenye ibsan.

    ''Gaddi fi aariin na doomsuu barbaadu, garuu jechi Chaarlii ammoo hamilee naaf ta'ee na deebisa,'' jedhan.

    Jecha Chaarlii hamilee isaaniif ta'e kanas akkanaan ibsan: ''Hookkaraa fi jeequmsi wayita namoonni dubbachuu dhaaban hammaata.''

    ''Isin Chaarlii jibbuus jaallachuus dandeessu, inni garuu bakka kanarraa hin hafne.''

    Gadd onnee namaa cabsu kan Ameerikaatti mudate kana hunda kan raawwate kana tokko, innis amma to'annoo jala jira jedhan.

    Ajjeechaan yeroo ammaa iddoo hundayyuu jira kan jedhan Aab Kooksi, ''ajjeechaan Chaarlii Kirki irratti raawwate garuu kan nama dhuunfaa tokko qofarratti raawwate miti,'' jedhan.

    ''Haleellaa hunda keenyarratti raawwatedha. Mul'ata Ameerikaarratti haleellaa raawwatamedha. Yaadota Ameerikaatu haleelame,'' jedhan.

    Kikri osoo walabummaa yaada ofiin bilisaan ibsachuu lallabaa jiruu haala kanaan ajjeefamuun ''namoonni yaadasaanii akka hin qoodne taasisa, afaan namootaa luugama,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

  17. Maatiin Roobinsan ilmisaanii dhiheenya kana siyaasa heddummeessuu akka eegale himan

    Bulchaan Utaa Ispeensar Kooksi wayita ibsa kennan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaan Utaa Ispeensar Kooksi wayita ibsa kennan

    Bulchaan Yuutaah Ispeensar Kooksi akka jedhanitti, miseensi maatii shakkamaa ilmisaanii, Teeyilar Roobinsan, waggoota dhihoo as siyaasatti maxxanuu ibsaniiru.

    Dhiheenya kana Fulbaan 10 dura wayita sagantaa irbaataa wayita inni mana deemee ture taatee mudate maatiin ibsuu himan qondaalli kun.

    Chaarlii Kirki gara Yunivarsitii Utaa deemuuf akka jiru maatiitti hime.

    Maaliif akka nama kana jibbuu fi ilaalcha isaaf qabu sirriitti maatiisaaf ibse.

    Roobinsan akkas jechuun miseensa maatiitti hime: ''Kirki jibbaan kan guutamedha, jibba babal'isaa jira.''

    Daarektarri Biiroo Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) addanatti argamee waa'ee haqa maatii Kirki barbaaduu wayitan dubbadhu baayyeen boona jedhan.

    Galati addaa maatii Kirki, haadha manaa, ijoollee isaaf ta'a kan jedhan Kaash Paatel, Pirezidant Tiraampiinis galateeffataniiru.

    Daarektara FBI Kaash Paatel wayita ibsa kennan

    Madda suuraa, Reuters

  18. Amma nu gahe, Shakkamaa arganneeera - bulchaa Yuutaah

    Ibsi gaazexxeessitootaf wayita kennameetti

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsi qondaltoonni Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) gaazexeessitootaaf kennan irratti, bulchaan Yuutaah Ispensar Kooks akkas jedha: "shakkamaa arganneerra."

    Miseensi maatii Taayilar Roobinsan tokko hiriyyaa maatii isaa tokko qunnamuun, sana booda odeeffannoo kanaan erga qondaala poolisin gahanii booda Roobinsan taatee kana raawwachuu isaa himate ykn ibse jedhan.

    Akka yaadachiisaatti, shakkamaan ajjeechaa aktivistii Ameerikaa Chaarlii Kiirk irratti raawwatameen maqaan isaa dargaggeessa ganna 22, Taayilar Roobinsan jedhamuun adda baafameera.

  19. Tiraamp sirna awwaalcha Chaarlii Kiirk irratti nan argama jedhan

    Doonaald Tiraamp

    Tiraamp Kamisa kaleessa sirna awwaalcha Chaarlii Kiirk irratti akka hirmaatan gaazexeessitootatti himaniiru.

    Innis akkas jedhe: "Arizoonaa keessatti akka raawwatamuun amana. Akkan deemu na gaafataniiru, dirqamas qaba jedheen yaada," jedhan

    "Waan barbaade yoo ta'eyyuu nan deema" jechuun dubbatan dabaluun.

    Haaluma walfakkatunis, Tiraamp Chaarlii Kirkiif kabaja kan kennan yoo ta'u, ''akka ilma saaniitti'' akka ilaalaa turan dubbataniiru.

    Innis "gurbaa qaroo karaa TikTok irratti na gargaare" ture kan jedhan Tiraamp, itti dabaluudhaan, Rippabilikaanonni akka idileetti filattota dargaggoota gonkumaa injifatanii hin beekan jedhaniiru.

    Kana malees, Tiraamp viidiyoo ajjeechaan Chaarlii Kiirk ittiin raawwatame kanaa ilaaluu akka hin barbaanne kan himan yoo ta'u, Kiirk akkasitti yaadachuu akka hin barbaanne dubbatan.

    Pirezidantichi viidiyoon sun baayyee ''suukaneessaa'' akka ta'e dhaga'uu himan.

  20. Namni Chaarlii Kiirki ajjeesuun shakame to'atamuun ibsame

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstoc

    Namni Chaarlii Kiirk ajjeessuudhaan shakamee barbaadamaa ture to'annoo jala oolfamuu Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp beeksiisan.

    Tiraamp haasaa 'Fox News'' waliin taasiisaniin to'atamu shakkamaa kanarratti gadi fageenyaan dubbachuu baatannilleen ''akka to'anneen yaada'' jedhaniiru.

    Dhimma kana ilaalchisuun qondaaltoonni Nagaa eegdoota Amerrikaa (FBI) ibsa kennuu jedhamee eegamaa jira.

    Tiraamp akka jedhaniitti shakkamaan nama umuriinsaa waggaa 20-29 jidduutti argamu fakkaata.

    Kanaan dura aanga'oonni namani dubbicha keessaa harka qabu ''nama umuriinsaa barataa koolleejjiiti'' jedhanii ture.

    Tiraamp itti dabaluudhaan namni Kiirk ajjeesse akka adabbii du'aa itti murtaa'u akka abdatan himaniiru.

    Itti dabaluudhaanis abbaan shakkamaa akka bakka jiru argamuuf isaan gargaaruu Doonaald Tiraamp dabaluun himaniiru.

    ''Nama baayyee shakkamaa kanatti dhiyaateetu'' adda nuu baasee erga jedhaniin booda, achiin gadi fageenya isaa himan Tiraamp.

    Tiraamp shakkamtichi gara "abbaa saatti" akka deeme dubbatanii, innis gara Maarshaal Ameerikaa deeme, "karaa biraatiin nama ajaa'ibaa ture".

    Tiraamp ''namni'' kun, namni shakkamaa kana adda baases, ''nama amantii qabudha, tajaajilaa'' ture jedhu.

    ''Abbaatu ilmasaa amansiise,'' jedhu Tiraamp.

    Tiraamp, innis sirreeffamuutu isaan barbaachisa jechuu, garuu ammoo, ''waanan dhaga'aa jiru irratti hundaa'uun'' dubbachaa jira jedhan.

    Tiraamp akka qulqulleeffamu wayita gaafatamanitti, abbaan kun "jechuunis abbaan isaa" keessa qaba, jedhan.

    ''Isaanis gara buufata poolisiitti konkolaataan dhaqanii amma achi jiru.''