Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Balaa abiddaa Hong Koongiin yoo xiqqaate 83 du'an, barbaachi itti fufe

Balaa ibiddaa Hong Kongiin yoo xiqqaate lakkoofsi namoota du'anii 83 gaheera. Kanneen achi buuteen dhabame barbaaduun itti fufeera.

Guduunfaa

  • Ibiddi hamaa gamoo jireenyaa Hoong Koongitti qabatee lubbuu namoota 44 galaafate
  • Oduufi xinxala BBC Afaan Oromoof Marsariitii, Facebook, WhatsApp, YouTube mil'adhaa.
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura turanirraa argachuuf kanaan seenaa.
  • Shakkamaan tokko miseensota Eegdota Biyyaalessaa lamarratti Roobii waaree booda dhukaasa bane booda, loltuu Eegduu Biyyaalessaa biraa naannoo sana jiru dhukaasa dhaga'ee birmateen to'atamuu poolisiin himeera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Balaa ibiddaa Hong Kongiin lakkoofsi namoota du'anii yoo xiqqaate 83 gahe

    Balaa ibiddaa Hong Kongiin lakkoofsi namoota du'anii yoo xiqqaate 83 gahuun ibsame. Namoonni miidhamanimmoo 76 gahaniiru.

    Namoonni yoo xiqqaate 270 ta'animmoo ammallee bakki gahan hin baramne.

    Namoota miidhaman keessaa 11 lubbuu baraartota ta'u qondaaloti ibsaniiru.

    Sababiin balaa kanaa ammallee qoratamaa kan jiru yoo tahu, poolisiin golgaa pilaastikiifi funyoon walitti xaxame foddaa haaromfamaa jiru irratti argameera jedhe.

  2. Maalaawwitti sarootni afur masaraa mootummati baduun dubbii ta'e

    Poolisiin Maalaawwii taatee akkamiin saroonni poolisii afur masaraa pirezidaantii biyyattii magaalaa guddoo Lilongwe keessaa achi buuteen isaanii dhabame qorataan jira jedhe.

    Sarootni kunneen baatii Fulbaanaa darbe muddma yeroo ce’umsa siyaasaa keessa hataman.

    Bara pirezidaantii duraanii Laazaar Chakweraatti itti aanaa hogganaa hojjettoota mana mootummaa ta’uun kan tajaajilan Godfrey Arthur hanna saroota sanyii Jarmanii afur kana waliin walqabatee to’annoo jala oolaniiru.

    Haa ta'u malee qoindaalichi himata sana haalaniiru.

    Saroonni afran gatii doolaara 2,300 ykn gara birrii kuma 350 kan baasan yoo ta'u, Fulbaana 19 hanga Waxabajjii 4 gidduutti gamoo masaraa keessaa kan baafaman ta'uu abbootiin alangaa kutaa biyyattii himaniiru.

    Polisiinis qabeenya mootummaa samame jedhame kana hordofuun qorannoo isaanii dabaluu eerera.

    ''Tajaajilli Poolisii Maalaawii qorannoon haala gaariin akka deemaa jiru ummataaf mirkaneessa,'' jedha ibsichi.

  3. Naayijeeriyaa namoota yakka ukkamsuu raawwataniif seera adabbii du'aa adabsiisu baasufi

    Paarlamaan Naayijeeriyaa labsii namootni yakka butanii ukkamsuu raawwatan adabbiin du'aa akka irrati murtaa'u hayyamu irratti mari'achaa jiru.

    Miseensonni paarlamaa kunneen i seera farra shororkeessummaa biyyattii fooyyessuudhaan namoota yakka akkanaa raawwatana akka gocha shororkeessummaa raawwatanitti ilaalamuun adabbiin du’aa akka isaan mudatu taasisuufi.

    Mariin kunis yeroo kutaalee biyyattii adda addaa keessatti manneen barnootaa irraa namoota jumlaan butuu fi ukkaamsuun baay’achaa dhufetti.

    Torban darban keessa namootni hidhatan manneen barnootaa lama haleeluun barattoota 300 ol butaniiru.

    Manneen fi iddoowwan waaqeffannaa hawaasa adda addaas xiyyeeffannoo hidhattoota kana keessa kan jiran yoo ta’u, humnoonni nageenyaa yeroo baay’ee yakka ajjeechaa fi butamuu uttisuuf rakkachaa turaniiru.

    Seera baastonnis balaan biyyattitti guddachaa dhufe deebii ariifataa fiitti fufaa barbaada jedhan.

    Bakka bu’oonni kunnin dhaabbileen waraanaa fi tikaa biyyattii ragaa irratti hundaa’uun sakatta’iinsa gama hundumaa fi duula odeeffannoo walitti qabuu hawaasa bu’uura godhate bakkeewwan halli kun itti hammatetti akka gaggeefamu gaafataniiru

  4. Daawwadhaa: Hong Koong naannoo balan abiddaa itti dhalate

  5. Daawwadhaa: Balaa Abiddaa gamoo gurguddoo Hong Koong yeroo gubaa jiru

    Hong Koongitti balaan abiddaa gamoowwan gurguddootti qabate lubbuun namoota 44 akka darbuuf sababa ta'eera.

    Kanneen dhibbaan lakkaa'aman ammoo bakki bu'an hin beekamiin jira.

    Yeroo balaan kun mudatetti maal akka fakkaatu viidiyoon waraabame kunooti.

  6. Ibiddi hamaa gamoo jireenyaa Hoong Koongitti qabatee lubbuu namoota 55 galaafate

    Ibiddi hamaa gamoo jireenyaa Hoong Koongitti qabatee lubbuu namoota 55 galaafate.

    Namoonni 45 haala yaaddessaa keessa kan jiran yoo tahu, kanneen 279 tahan ammoo achi buuteen isaanii hin baramne.

    Namoonni sadii lubbuun darbuu namootaaf sababa tahuun shakkamuun to’annoo jala oolaniiru. Tokko hogganaa dhaabbata ijaarsaa yoo tahu,kaan ammoo dhimma injiinariingii irratti ogeessa gorsa kennudha.

    Sababiin balaa kanaa ammallee qoratamaa kan jiru yoo tahu, poolisiin golgaa pilaastikiifi funyoon walitti xaxame foddaa haaromfamaa jiru irratti argameera jedhe.

    Akka poolisiin jedhutti wantoonni kunneen ibiddi saffisaan akka wal-qabachaa tamsa’u godheera jedhan.

    Ganama har’aa gamoo garii irraa aarri mul’achaa jiraatus, ibiddi garuu gamoowwan saddeet keessa afur keessatti to’annoo jala ooleera.

    Waajirri to’annoo ibiddaa balaa ibiddaa kana to’annoo jala oolchuudhaaf guyyaa guutuu fudhata jedhe.

    Jiraatoonni gamoo sana keessaa fuudhamuun dahoo yeroo keessa akka turan taasifameera, kanneen achi bahu barbaadaniif ammoo manni yeroo hatattamaa qophaa’eefi jira.

    Waajirri to’annoo ibiddaa Hoong Koong balaa ibiddaa kana sadarkaa shanaffaa jechuun kan remade yoo tahu kunis akka malee hamaa tahuu agarsiisa. Balaan ibiddaa akkas yeroo dhumaaf kan mudate wagga 17 dura dha.

  7. 'Dhakaarra taa'uun nudhukkubse jedhanii ijoolleen mana barumsaa hafaa jiru'

    Godina Shawaa Kaabaatti aanaan Warra Jaarsoo magaalaa guddoo Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 200 hin caallerratti argamti.

    Aanichi aanota Shawaa Kaabaa rakkoon nageenyaa hawaasa gidirsaa jiru keessaayi.

    Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu adeemuun immoo bakki miidhaa guddaa keessummeesse ammoo manneen barnootaa fi barattoota.

    Akka fakkeenyaatti mee mana barumsaa aanaa kana keessaa tokko haa ilaallu.

    Manni barumsaa Ejersa jedhamu aanaa Warra Jaarsoo kana keessatti kan argamu yoo ta'u, bara 1986 hundaa'e.

    ALI hanga 2013'ttis bu'uura barnootaaf barbaachisu guutuutti guuttachuu dhabulleen adeemsa baruu fi barsiisuutiif gahaa ture jedhu maatiin barataa BBCn dubbise.

    Hanga bara kanaatti barattoota kutaa 1ffaa hanga 8ffaa kuma tokko caalantu mana barumsaa kanatti barachaa ture.

    Bara 2014 akkuma barnootni eegaleen ganda kanatti rakkoon nageenyaa dhalate.

  8. Loltoonni US Waayit Haawus cinaatti rasaasaan rukkutaman

    Loltoonni Eegdota Biyyaalessaa US lama Waashingiten DC keessatti rasaasaan rukkutamanii madaa’an haala yaaddessaa keessa jiru.

    Loltoonni kunneen Waayit Hawus cinaa bakka bilookii lamaa gadi fagaatutti itti dhukaafame.

    Kantiibaan magaalaa Waashingiten DC “dhukaasa itti yaadamee irratti xiyyeeffachuun” raawwatamedha jedhan.

    Shakkamaan tokko miseensota Eegdota Biyyaalessaa West Virjiiniyaarraa ta’an lamarratti Roobii waaree booda dhukaasa bane booda, loltuu Eegduu Biyyaalessaa biraa naannoo sana jiru dhukaasa dhaga’ee birmateen to’atamuu poolisiin himeera.

    Yeroo sanatti Filooriidaa kan turan Pirezidant Doonaald Tiraamp, namni gocha kanaan shakkame lammii Afgaanistaan Fulbaana 2021 US seenedha jedhan.

    Shakkamaan kun “gocha hammeenyaa, jibbaafi shororkeessuu kanaatiif gatii guddaa akka baasu,” bulchiinsi isaa akka mirkaneessu dhaadatan Tiraamp.

    Qajeelchi Dhimma Nageenyaa Biyya Keessaa ibsa baaseen maqaa shakkamaa kanaa Rahmaanullaah Lakamaal akka jedhame himuun, “yakkamaa biyya ormaa, Afgaanistaanirraa ta’edha” jedheera.

    Haalli namni kun gara biyyattiitti itti seene hin beekamu.

  9. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Toora tamsaasa kallattiin odeeffannoo ittiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Loltoonni US Wayit Hawus cinaatti itti dhukaafamuu, balaa abiddaa Hong Koongitti gamootti qabateen namoonni 44 gahuu kanneen jedhan dabalatee hordofnee isnin biraan geenya.

    Nu hordofaa!