Paarlaamaan Xaaliyaan ajjeechaan dubartootaa yakka hidhaa umurii guutuu adabsiisu akka ta'u sagalee guutuun mirkanesseera.
Kunis qaama qabsoo haleellaa saalaa dhaabuuf taasifamaa jiru ta’uun himameera.
Bara 2023tti ajjeechaan dubartii ganna 22 Gihuliyaa Kessin jedhamtu jaalallee ishee duraaniitiin irratti raawwatame guutummaa Xaaliyaa keessatti mormii cimaa kaasee ture
Ajjeechaa sana durallee paarlaamaan seera adabbii ajjeechaa dubartootaa irratti mari'achaa tureera.
Jaalalleen dubartii sanaa ajjeechaa erga irratti raawwateen booda reeffa ishee boorsaa keessa kaa'ee qarqara lagaatti gate ture.
Manni marichaa seera kana erga ajjeechaa raawwatame waggaa lamatti raggaasise.
Xaaliyaan biyyoota muraasa ajjeechaa dubartootaa yakka godhan keessaa tokko.
Wixineen kun kan dhiyaate Ministira Muummee Giyoorgi Melooniin yoo ta'u, deeggarsa paartii ishee mormitootallee argachuun ragga'e.
Ammaan booda sababa saala isaaniitiin ajjeechaan dubartoota irratti raawwatamu ajjeechaa dubartootaa jedhamas jedhameera.
''Ajjeechaa dubartoota irratti xiyyeeffate haala hunda keessatti mul'ata,'' jedhan abbaan murtii Paawulaa Di Niikoolaa, warra seera kana wixineessan keessaa tokko.
Seerri kun kan tumame dubartii sana qofa utuu hin taane ajjeechaan dubartoota 221 akka fakkeenyaatti erga fudhatamee boodadha.
"Ajjeechaan kun hinaaffaa ykn jaalala irraa kan ka'e raawwatame jechuun dhugaa jiru jallisuu dha. Amalli namoota haleellaa raawwatan miira olaantummaa irraa kan ka'e akka ta'e seera kana keessatti hammachuudhaan biyya Awurooppaa keessaa isa jalqabaati," jedhan abbaan murtii.
Murtiin kun yakka fi ajjeechaa dubartoota irratti raawwatamu hir'isuuf gumaacha guddaa qabataa jedhameera
Biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessaa Saayiprus Maaltaa fi Kirooshiyaa miidhaan dubartoota irratti raawwataniiru yakka guddaa ta'uu labsaniiru.