Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp 'Muslim Brotherhood' garee shororkeessatti ramaduufi?

Tiraamp Ajaja Hojii Raawwachiiftuu haaraa keessatti garee 'Muslim Brotherhood' jedhaman Dhaabbata Shororkeessummaa addunyaa jedhanii moggaasuu fi dhiisuu isaanii akka qorataman qajeelfama kennan.

Guduunfaa

  • Aanga'oonni US fi Rashiyaa marii nagaa Yukireeniif Abu Daabiitti walga'uuf
  • Oduufi xinxala BBC Afaan Oromoof Marsariitii, Facebook, WhatsApp, YouTube mil'adhaa.
  • Odeeffannoo toora tamsaasa kallattii kanaan dura turanirraa argachuuf kanaan seenaa.
  • Zeleniskiin fooyya'iinsa karoora nagaa yaadamerratti taasifamuu nan fudhadha jedh

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Hawwiin ulaa galaanaa Itoophiyaa aggaammii walabummaakoorratti dhufedha' - Ertiraa

    Mootummaan Ertiraa 'hawwii ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan irra deddeebiin kaastu gocha walabummaa biyyattiirratti aggaamamudha' jechuun cimsee akka dura dhaabbatu dhaadate.

    Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa dhiheessuun hariiroo biyyoota lamaa kan laaffise yoo ta'u, booda keessa ifatti wal himachaa akkasumas walitti dhaadachaa jiru.

  2. Tiraamp garee 'Muslim Brotherhood' garee shororkeessatti ramaduufi?

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ajaja Hojii Raawwachiiftuu haaraa keessatti garee 'Muslim Brotherhood' jedhaman Dhaabbata Shororkeessummaa addunyaa jedhanii moggaasuufi dhiisuu isaanii akka qorataman qajeelfama kennaniiru

    Ajajni hojii raawwachiiftuu kunis gareel Muslimaa Masrii, Libaanos fi Joordaan keessatti argaman irratti kan xiyyeeffatudha.

    Ajajni kun gareewwan kunneen Hamaas waliin hidhata qabu jedhamuu, fi ''duula tasgabbii dhabsiisuu naannawaa, kan lammiilee Ameerikaa fi dantaa Ameerikaa miidhu'' ta'uun isaanii yoo mirkanaa'e, qoqqobbii dinagdee fi imala isaan eegatu ta'a jedhameera.

    Gareen 'Muslim Brotherhood' waggoota 100 dura kan hundeeffaman yoo ta'u, Joordaan fi Masrii keessaatti dhorkamaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, Ministirri Maallaqaa Iskoott Beesent, Abbaa Alangaa Waliigalaa Paam Boondii fi Daarektarri Odeeffannoo Biyyaalessaa Tulsi Gabbaardi dhimmicha qorachuun garee shororkeessummatti farrajamuu fi dhiisuu isaanii guyyoota 30 keessatti gabaasa akka dhiyeessan qajeelfamni darbeera.

    Sana booda haalli kun yoo mirkanaa'e qondaaltonni Ameerikaa guyyoota 45 keessatti qoqqobbii kan kaa'an ta'a jedhameera.

    Sun ammoo garichaaf deeggarsa gochuun seeraan ala taasisuu, akkasumas qoqqobbii dinagdee, fi miseensonni garichaa akka US hin seennellee kan dhorkudha.

  3. Obbolaan mana Aleeksaandar Isaak cabsanii saaman akkam ta'an?

    Saamtonni pirofeshinaalaa Xaaliyaaniitii dhufanii Ingilizitti qabeenya paawundii miiliyoona 1.2 ol saaman paawundii takka akka kanfalan itti murame.

    Saamtonni kuni mana taphataa duraaniii Tootantaam yeroo ammaa Liivarpuuliif taphataa jiru, Aleeksaandar Isaak, seenanii waggaa darbe saamaniiru.

    Saamtonni obbolaa lama, obboleettii isaaniifi ilmii obboleettii isaanii waggaa darbe gara Ingilizii imalanii qorachuun nama garagaraa saaman.

    Keessumaa saamtonni kuni bakka leenjii taphattoota Niiw Kaasil erga qoratanii booda mana Aleeksaandar Isaak cabsanii seenan.

    Achis paawundii 10,000, meeshaalee faayaa paawundii 68,000 baasan akkasumas konkolaataa Isaak paawundii 120,000 baasu hatan.

    Afran kuni caamsaa waggaa darbe keessa hidhaan waggaa jaha hanga 10 itti murameera.

    Dhaddacha waa’ee isaanii Niiw Kaasilitti dhagaheerratti obbolaan lamaan paawundii takka akka kaffalan ajajaman.

    Ilmi obboleettii isaani garuu paawundii 1, 135 akka kaffalu ajajame.

  4. Aarri volkaanoo Affaaritti dhohee akkamiin Hindiitti balallii xiyyaaraa jeeqe?

    Aarri volkaanoo Itoophiyaa naannoo Affaaritti uumame irraa ka'e, Galaana Diimaa ce'ee, Omaan fi Yaman bira darbee, Hindii Dehlii ga'uu isaa Ministeerri Meetirooloojii Indiyaa beeksise.

    Angawoonni aviyeeshinii Indiyaa akka jedhanitti sababa aara samii gubbatti jeequmsa uume kanaan xiyyaaronni naannawa sana socho'an akka qubatan ajajuu fi balaliin hedduun haqamuu fi sa'aatii muraasaaf harkifachuu himan.

  5. Dubartiin duutee jedhamuun reeffishee bakka gubatu geefamte sanduuqa rukutuun kaate

    Dubartiin duute jedhamuun hospitaalaa baafamtee reeffashee gubuuf osoo deemanii kaate ijoo dubbii taate.

    Dubartiin kun lammii Taayilaand. Manni Sagadaa Budistii Waat Raat Piraakhong qarqara magaalaa baangkookitti argamu reeffa dubartii tokkoo konkolaataa piik aappiin fe’amtee fuula Feesbuukii isaa irratti maxxanse.

    Reeffi abujadii adiin kafaname kun kan dubartii duute jedhamuun sirna reeffa gubuuf geeffamtedha. Viidiyoo mul’ate irratti tasuma osoo mataa fi irree ishee sochostuu mula’tte.

    Hogganaan faayinaansii mana kadhannichaa dubartiin ganna 65 duute jedhamte kun ilma isheen reeffi ishee akka geeffame APtti hime.

    Saaxinii reeffaa keessaa osoo rurukuttuu dhageenye. Baay’ee na raajeera. Yeroo banu namuu ni nahe jedhe. Osoo ija ishee banattuu arge. Waan rukutaa turte natti fakkaata jedhe.

    Obboleessi ishee akka jedhetti dhukkubsattee waggaa lamaaf sireetti galtee ture. Guyyaa lama dura afuurri ishee dhaabbachuun akak duute mirkanaa’e. Kana dura yeroon du’u qaama koo arjoomaa waan jetteettuuf obboleessi ishee reefffa ishe efe’uun km 500 gara hospitaala Baangikook jiruutti imale.

    Ragaa du’uu ishee hospitaala irraa waan qabatee hin deemneef qaama ishee hin fudhannu jechuun didanii deebisan.

    Manni Kadhannaa geese ammo tajaajila tola reeffa gubuu [ aadaa awwalchaa biyyichatti beekamu] bilisaan waan raawwatuuf akka geessan gaggeessaan mana amantichaa hime.

    Manni amantichaas du’a ishee raga agarsiisu qabatee waan hin deemneef sirnicha raawwachuu dide. Akaataatti waraqaa raga du’aa argachuu danda’u osoo ibsaafii jiruu gidduun sagalee wayii dhagahan. Sanduuqa reeffaa keessaa rurukutaa turte.

    Sana booda akak lubbuun jiru hubachuun hospitaala naannichaatti erguu himan.

  6. Aanga'oonni US fi Rashiyaa marii nagaa Yukireeniif Abu Daabiitti walga'uuf

    Qondaalli Ameerikaa tokko bakka bu'oota Raashiyaa waliin Abu Daabiitti akka wal argan BBC'f mirkaneessaniiru.

    Kun ammoo marii Ameerikaa fi Yukireen gidduutti Jenevaatti wixinee karoora nagaa irratti taasifamaa ture hordofeeti.

  7. Yeroo mariin nagaa deemaa jirutti, Raashiyaa fi Yukireen wal haleelaa jiru

    Raashiyaa fi Yukireen halkan haleellaa walirratti bananiiru, gama lamaaniirraas namni ajjeefamuun gabaafameera.

    Magaalaan guddoo Yukireen, Kiiv haleellaa Misaa'elaafi diroonii Raashiyaan halkan guutuu gaggeessaa bulteen miidhamuufi manneen jireenyaa lama rukkutame hordofee yoo xiqqaate namoonni lama du'uu aanga'oonni gabaasaniiru.

    Gama kaaniin haleellaa Yukireen Raashiyaa irratti gaggeessiteen namoonni sadii du'uun himameera.

    Humni ittisaa Raashiyaa dirooniiwwan Yukireen 249 rukkutee kuffiisuus ibseera.

  8. Zelenniskiin fooyya’iinsa karoora nagaa yaadamerratti taasifamuu nan fudhadha jedhe

    Pirezdaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin waraana Raashiyaa waliin dhaabsisuuf karoora nagaa yaadame qabxii 28 falmisiisaa ta’erratti jijjiirama taasifamu akka fudhatu beeksise.

    Michoonni Yukireen Awurooppaa kutaa karoora nagaa Raashiyaaf kan ta'udha jedhan erga keesaa baasanii booda koppii fooyyaa'aa ta'e qopheessan.

    "Amma tarreeffamni tarkaanfiiwwan barbaachisoo waraana kana xumuran kan hojiirra ooluu danda'anidha..." jechuun Zeleniskiin Telegraam irratti barreesse. "Wantonni sirrii ta'an hedduun kana keessatti hammatamaniiru."

    Boodarra ammoo, Kibxata ganama kantiibaan magaalaa Kiiv Vitaali Kiliichkoo akka jedhetti, haleellaan misaa’elaa fi diroonii Raashiyaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti gamoo mana jireenyaa tokko rukutee dhiyeessii ibsaa fi bishaanii jeeqeera.

  9. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora tamsasa kallattii oduu biyya keessaa, kan Afrikaafi guutummaa addunyaarraa isiniif dhiyeessinu asiin argattu.

    Dhiyaadhaa!