Ministira dhimma alaa ishee, Waang Yi, gara Itoophiyaatti kan ergite Chaayinaan ''walitti hidhamiinsa loojistikii galaanarraa cimsuuf'' sochii biyyoonni naannawa Baha Afrikaa fi Gaanfa Afrikaa jiran taasisan akka tusmitu ibsiteetti.
Tumsa kanas karaa birmadummaa daangaa fi tokkummaa biyyaalessummaa biyyoota kunneenii eegeen akka taasiste eerte.
Ulaa galaanaa argachuun qaama karoora ''biyyoota naannawa kanaa loojistikii galaana irraa (Maritime Logistic)n walitti hidhuu'' ta'uus ibsite Chaayinaan.
Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Waang Yi Amajjii 7-9, 2026tti wayita Itoophiyaa daawwatanitti Ministira Muummee Abiy Ahamd fi Ministira Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos dabalatee aanga'oota olaanoo mootummaa Itoophiyaa waliin mari'ataniiru.
Xumura daawwannaa qondaala Chaayinaa booda biyyoonni lameen [Itoophiyaa fi Chaayinaa] ibsa waloo baasaniin dhimma birmadummaa biyyaa fi walabummaa daangaa kabajuurratti ejjennoo walfakkaataa akka qaban ibsaniiru.
Ibsa waloo kana keessatti Itoophiyaan ''Taayiwaan yoomiyyuu qaama Chaayinaati,'' jechuun ejjennooshee mul'isteetti.
Itoophiyaan walabummaa bulchiinsa Taayiwaan akka mormituu fi tattaaffii mootummaan Chaayinaa bulchiinsattii of jalatti tiksuuf taasisu akka tumsitu ibsiteetti.
Biyyoonni lameen hariiroo gidduusaanii gama diinagdee, daldala, misoomaawwan bu'uuraa, inarjii, geejjibaa fi haqaan jiru akka cimsan ibsaniiru.
IbsiTajaajila Ministeera Kominikeeshinii akka mul'isutti daldalli Chaayinaa fi Itoophiyaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 13 caaleera.
Kun ammoo Itpoophiyaan michuu diinagdee cimtuu ta'uun Chaayiinaan filatamuu mul'isa jedha ibsi kun.
Akka ibsa kanaatti meeshaaleen Itoophiyaan Chaayinaarraa gara biyyaatti galchitu dabalaa jira. Hanga Bitootessa 2026tti doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.57 ni ga'a jedha ibsi kun.
Kun ammoo kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu dhibbeentaa 22n caala.
Daawwannaasaanii biyyoota Afrikaa kana Itoophiyaarraa kan eegalan Waang Yi ittaansuun Somaaliyaa, Taanzaaniyaa fi Lesuutoo daawwatu.