Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Raashiyaan Nato haleeluu akka dandeessu hoogganaan jaarmiyaa kanaa akeekkachiisan

Raashiyaan waggoota shanan dhufan keessatti jaarmiyaa waraanaa biyyoota lixaa- Nato haleeluu akka dandeessu hoogganaan jaarmiya kanaa akeekkachiisan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Bineensi suuqii alkooliitti machooftee qabamte ammas yakka biraan shakkamte

    Ameerikaa bulchiinsa Varjiiniyaatti bineensi raakuun jedhamtu suuqii alkoolii keessa seentee dhugdee machooftee argamte, amma yakka bal'aa biraan shakkamte jedhe poolisiin.

    To'annoon bineensotaa naannoo Haanoovar, bineensi hoosiftuu eegee sarara qabu qabdu istuudiyoo kaaraatee cabsitee seenuun nyaata barbaadaa turte.

    Poolisiin naannichaa Samaantaa Maartiin akka jettutti, ''raakuuniin kuni yeroo sadaffaaf mana namaa cabsitee kan seenaa jirtu.''

    Bineensi kuni yeroo darbe kuusaa alkoolii seentee dhuguun booda machooftee of wallaaltee gaafa dammaqxu gara daggalaatti gadhiifamte.

    Gosti bineensaa kuni qodaa kosii namootaa keessa seenuun nyaata argachuuf yaalu.

    Samaantaan bineensi kuni ammas qabamtee gara daggalaatti gadhiifamuu himuun ''ammas hanna biraaf dhufuun hin oolu,'' jette.

  2. Loltoonni Afrikaa Lixaa 200 mootummaa Beenin fonqolchi irratti yaalame deeggaraniiru

    Loltoonni Naayijeeriyaafi Ayivoorii Koost mootummaa Beeniin Dilbata darbe fonqolchi irratti yaalame deeggaruudhaaf garas deemuu ministeerri dhimma alaa Beeniin beeksise.

    Yaalii fonqolcha mootummaa raawwachuuf taasifameen loltoota diddaan buufata waraanaafi TV qabatanii mootummaa to'achuu labsan jeettii loltuu Naayijeeriyaatu baase.

    Loltoonni biyya alaa biyyattii keessatti bobba'uu Beeniin yeroo jalqabaaf ibsite, tahus erga gaafa Dilbataa fonqolchi fashalee loltoonni biyya alaa kunneen bahuu hin dubbanne.

    Ministirri Hajaa Alaa Olusheguun Adjaadii Baakaari loltoonni biyya alaarraa gargaarsaaf garas deeman muraasni achumatti hafuu himan. Kunis, ''haala fonqolchaan booda jiru qulqulleessuufi,'' jedhaniiru.

  3. Waayit Haawus garee hambaa seenaa kunuunsuun himatame

    Dhaabbanni miti-mootummaaa iddoowwan seena qabeessa akka tiksuuf Koongireesii Ameerikaan gaheen kennameef ijaarsa galma shubbisaa Tiraamp Waayit Haawus keessatti ijaarsisaa jiran akka dhaabbatu himateera.

    Dhaabbanni The National Trust for Historic Preservation galmee himannaa Jimaata kaleessaa bane.

    Onkololeessa darbe Waayit Haawus gamoo East Wing otoo hin diigiin dura haal-duree barbaachisu keessa hin dabarre jedhe.

    ''Pireezidantiin kamiyyuu haalduree barbaachisu otoo hin taasisiin Waayit Haawusin hamma tahellee diiguu hin danda'u- Tiraamp, Baayidan, eenyuyyuu,'' jedha himannaan seeraa kuni.

    Waayit Haawus ijaarsa haaraa kana ''baayyee kan barbaachsisuu fi miidhagina dabalu,'' jedheen.

    Dhaabbatichi mootummaan federaalaa Waayit Haawus hamma adeemsa seeraa hordofutti ijaarsa akka dhaabsisu gaafateera.

  4. ASHAMAA!

    Tamsaasni keenya kallattii har'aa jalqabeera. Odeessaalee biyya keessaa fi biyya alaa faana buunee isin biraan geenya. Nu hordofaa!

    Guyyaa gaarii.

  5. Amma nu gahe, Jarmaniin haleellaa saayibarii narratti gaggeessite jechuun Raashiyaa himmatte

    Jarmaniin haleellaa saayibariifi odeeffannoo sobaa burjaajjii uumuu narratti raawwatte jechuun Raashiya ahimatte.

    Jarmaniin to'annoo tiraafikaa qilleensaasheerratti haleellaa saayibarii gaggeessuufi dhimma filannoo gidduu seenuun burjaajii uumtee jechuun ambaasaaddara Raashiyaa waamtee gaafatteetti.

    Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Raashiyaa akka jedhetti, "haleellaa saayibarii sirna to'annaa tiraafika qilleensaa Hagayya 2024 mudate duuba" basaasaan humna waraanaa Raashiyaatu jira.

    Dubbi-himaan kun itti dabaluun, Raashiyaan filannoo federaalaa biyyattii Guraandhala keessa gaggeeffame keessa seenuun dhiibbaa gochuu, akkasumas booressuuf barbaaddee turte jedheera.

    Jarmaniin, michootashee Awurooppaa waliin tumsuun "Raashiyaan gatii hojii harkasheetiif gatii akka baastu gochuuf" deebii malu ni kenninaaf jedhe dubbi-himaan kun.

    Gama Raashiyaatiin dhimma kanarratti deebiin kenname hin jiru.

  6. Pireezidantiin Ertiraa gara Saa'udii yeroo imalan suuraan agarsiisu 'footooshoop' taheeraa?

    Daawwannaa hojiif Riyaad kan jiran Pireezidantiin Eritiraa Isaayyaas Afawarqii ilma mootii Mohaammad Biin Salmaan naannoo Gaanfa Afrikaa irratti marii'achuun ibsameera.

    Jilli mootummaa Ertiraa gara Riyaada kan imale Mudde 1/2018 A.L.I yoo tahu, Pireezidant Isaayyaas gara Sa'udii kan imalan affeerraa mootii Salmaan Biin Aduullaaziiz al Saa''udiidhaan akka tahes ibsameera.

    Pireezidant Isaayyaas gara Saa'udii deemuusaanii kan agarsiisu suuraan ministeerri beeksisaa Ertiraa Yamaan Gabiramasiqal miidiyaa hawaasaa irratti qoodan dubbii ijoo miidiyaa hawaasaa tahee jira. Suuraan kuni sirrii tahuusaafis gaaffileen ka'aa jiru.

  7. Ostiriyaan ijoolleen waggaa 14 gad mataa akka hin haguugganne dhorkite

    Ostiriyaan seera mana barumsaa keessatti barattoonni waggaa 14 gadii haguuggii mataa akka hin uffanne dhorku baaste.

    Waloomni paartilee sadii OVP, SPO fi Za Niwoos jedhaman seerri kuni ''cichooma wal-qixxummaa koorniyaaf,'' qaban akka agarsiisu himanillee, miira farra Musliimaa jabeessuu akka danda'uufi heeraan ala akka tahuu malu qeeqxonni dubbatu.

    Tarkaanfiin kuni shamarran mana barumsaa dhuunfaa fi mootummaa jiran irratti hojiirra oola.

    Bara 2020ttis dhorkaan haguuggii mataa ijoollee ganna 10 heeraan ala jedhamuun manni murtii kaase, kunis Musliimota irratti addatti qiyyaafate jedhameeti.

    Dhorkaa kanaan barattoonni Musliimaa waggaa 14 gad tahan hijaabaafi burqaa uffachuu hin danda'an jechuu dha.

  8. Raashiyaan waggaa shan keessatti NATO haleeluu dandeessi - Maark Ruuta

    Raashiyaan waggoota shanan dhufan keessatti jaarmiyaa waraanaa biyyoota lixaa- NATO haleeluu akka dandeessu hoogganaan jarmiyaa kanaa Maark Ruuta akeekkachiisan.

    Qondaalli NATO kun Jarmanii keessatti wayita dubbatan Raashiyaan ammallee miseensota keenya irratti duula eegalteetti jechuun himatan.

    ''Falmii waraanaa abbootiin keenya gaggeessaa turan gaggeessuuf of qopheessuun dirqama ta'a,'' jedhan.

    Yaadi Maark Ruuta kun wayita Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Yukireen dhaabsisuuf tattaaffii gochaa jiranitti dhagahame.

    Jalqaba ji'a kanaa Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin biyyisaanii Awurooppaa waliin waraana keessa galuuf karoora akka hin qabne ibsanii turan.

    Amma garuu yoo warri Awurooppaa barbaadan ykn waraana eegalan deebii kennuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

    Bara 2022 wayita loltoonni Raashiyaa kuma 200 ta'an daangaa ce'uun Yukireen weeraranis Putiin waraana Awurooppaaf akka qophii ta'an ibsanii turan.

    Puutin tattaaffiin Tiraamp nageenya buusuuf taasisaa jiran akka hin milkoofne kan gufachiisan aanga'oota biyyoota Awurooppaati jechuun himatu.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduu biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya. Isinis WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Nagaan oolaa!