Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad tibba kana hooggantoota qaamolee nageenyaa waliin mariin gaggeessaa turan xumuramuu ilaalchisee ibsa bahe irratti warra karaa miidiyaa hawaasaa shororkaa uuman irratti tarkanfiin akka fudhatamu qajeelfamni kaahamuun ibsame.
Ibsi Waajirri Ministira Muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaa maxxanse mata duree Nageenya mirkaneessuun ergama ijoo dhaabbilee nageenyaati jedha.
''Sochiin namaafi shaqaxaa badhaadhina keenyaaf murteessaadha'' kan jedhu ibsichi, bakka adda addaatti saamichiifi nama butuu raawwatamu haala qorannoorratti hundaa'een to'achuun barbaachisaadha'' jedha.
Qaamoleen nageenyaa uummata hirmaachisuun qaamolee gocha akkasii raawwatan dhaabsisuu qaba, seerattis dhiyeessuu qaba jechuun xiyyeeffannaan akka itti kenname ibseera.
Gama kaaniin karaa miidiyaa hawaasaa kanneen gochaa shororkeessummaa raawwatan xiyyeeffannaan hordofuun akka barbaachisu walgahii kanarratti ka'uunis gabaasameera.
''Imala badhaadhinaa gufachiisuuf yaaduun karaa miidiyaa hawaasaa warra gochaa shororkeessummaa raawwatan xiyyeeffannaa itti kennuun akka barbaachisu wayita marii kana ka'eera'' jedha ibsichi.
''Kara ateeknoolojii saayibarii hojiilee ittisaafi to'annoo hojjetamuu qaban jabeessuun akka barbaachisu ka'eera. Karaa biraa ammoo warra shororkaa uumu seeratti dhiyeessuuf qaamoleen nageenyaa jabaatanii akka hojjetan qajeelfamni kennameera.''
Gama kaaniin ''qaamoleen nageenyaa biyyattii walabummaa, birmadummaa, tokkummaa daangaa, nagaa fi tasgabbii biyyattii fi imala badhaadhinaa kabachiisuuf humnaafi haala dandeessisurra akka aragaman mirkanaa'eera'' jedha.
Haaluma kanaan ''humnoota biyya keessaa fi alaa rakkoo uuman adaba qabsiisee nageenya mirkaneessuuf haala isa dandeessisuun akka itti fufuf kallattiin kaahameera.''