Masrii fi Sudaan Hidhi Haaromsaa 'yaaddoo yeroo dheeraa' itti ta'uu ibsan

Masrii fi Sudaan Hidhi Haaromsa Ityoophiyaa guddichi laga Abbayyaa irratti ijaarameefi dhiyootti eebbifamuuf jiru biyyoota yaa'aa gadii irratti yaaddo itti fufaa ta'u himatan.

Itoophiyaan ijaarsa hidhichaa xumurtee eebbisuuf yeroo qophooftutti, ministiroonni dhimma alaa fi jallisii biyyoota lamaanii walga'ii Kaayirootti geggeeffameen booda ibsa baasaniin yaaddoo qaban beeksisan.

Ibsa waloo ministiroonni lameen Roobii kaleessa Fulbaana 03, 2025 kennaniin, hidhichi "seera addunyaa jalatti tasgabbii bishaanii yaa'a gadiirratti balaa itti fufaa qaba" jedha.

Ministiroonni biyyoota lamaanii walga'ii Kaayirootti gaggeeffame irratti hidhichi seera addunyaa kan cabsuu fi biyyoota yaa'a gadii jiraniif balaa guddaa kan fidu ta'uu ibsaniiru.

Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuuf tarkaanfii qofaa ishee fudhatte kan morman yoo ta'u, dhimmi nageenyafi bishaanii isaanii kan adda baafamee hin ilaalamne ta'uu ibsa isaanii keessatti cimsanii dubbataniiru.

Ibsichi itti dabaluunis, "Itoophiyaan tumsa isaani deebitee cimsuuf imaammata biyyoota yaa'aa gadii irratti qabdu jijjiiruu qabdi" jedhan.

Masrii fi Sudaan ibsicha keessatti, waligalteen biyyota yaa'a gadii akka hin turre haaluun dhimmichi Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduutti qofa furmaata argachuu qaba jedha.

Ijaarsi hidha Haaromsaa kun bara 2011 erga eegale booda biyyoota sadeen gidduutti waliigaltee dhabuu uumera. Mariin gaggeeffamaa tures bu'aa tokko malee addaan citee jira.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa obbo Habtaamuu Ittafaa guyyoota muraasa dura BBC Afrikaatti akka himanitti, Itoophiyaan ammallee waa'ee hidha kanaa mari'achuuf qophii ta'uu ishee ibsaniiru.

Haa ta'u malee, Masrii fi Sudaan Itiyoophiyaan guutinsa hidhichaa fi hojii itti fufuu ilaalchisee waliigaltee bara kolonii irratti hundaa'uun waliigaltee dirqamaa akka mallatteessitu barbaadu.

Itiyoophiyaan garuu kun fudhatama kan hin qabnee fi waliigaltee biyyoota yaa bishaanichaa hunda fayyadu akka umamu barbaaddi.

Hidhichi waggootaa 14 darbaniif ijaaramaa kan ture yoo ta'u, tibbana bakka hoggantoonni Afrikaa affeeraman argamanitti guutummaatti xumuramee eebbifama jedhamee eegama.

Walgahii biyyoota lamaanii Kaayirootti gaggeeffame irratti Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badr Abdelaatii, Ministira Bishaanii fi Jallisii Hani Sweilem, Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Omar Siddiq, Ministirri Qonnaa fi Jallisii Ismat Qureshii hirmaataniiru.

Masrii fi Sudaan Itiyoophiyaan waliigaltee dirqisiisaa malee of dandeessee hidha kana akka hin guunne irra deddeebiin akeekkachiisaniiru.

Masriin hidhi kun dhiyeessii bishaanii akka hir'isu irra deddeebitee yaaddoo kan ibsite yoo ta'u, pirezidaanti al-Siisiin dhiheenya kana qoodni bishaanii biyya isaanii akka miidhamu gonkumaa akka hin hayyamne ibsaniiru.

Dhiyeenya kana xumura hidhichaa ilaalchisee televijiinii biyyaalesaarratti marii Ministirri Muummee Abiy taasisan keessatti hammi bishaanii gara Masriitti yaa'u akka hin hir'anne fi bishaan yeroo biraa caalaa fooyya'aan hidha Masrii seeneera jedhan.

Itti dabaluunis, biyyoonni Hidha Haaromsaa daangessuun bishaan laga Abbayyaa ni hir'isa yaada jedhuun atakaaroo dippilomaasii keessa biyyoonni seenan gara fuulduraatti bishaan isaanii akka hin hir'anne yeroo argan waldhabdee akka salphisu abdii qabna jedhan.

Ministiroonni Masrii fi Sudaan ibsa Roobii darbe kennaniin barbaachisummaa wabiin bishaanii biyyoota lamaaniif qabu irratti waliigaltee irra gahuu isaanii beeksisaniiru.

Biyyoonni lamaan mirga guutuu bishaanicharratti qaban kabachiisuuf waliigaltee bara 1959 gahameefi seera addunyaatiin qajeeltoowwan dantaa waliinii fi mirga walqixxummaa kabajuuf waliin hojjechuuf fedhii qaban ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan nageenyi bishaanii tokko fi kan adda hin baane ta'uu kan ibsan yoo ta'u, murtee gama tokkoon fedhii bishaanii isaanii biyyoota yaa'a gadii Abbayyaa irratti dhiibbaa geessisu kamiyyuu mormaniiru.

Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddaa Itiyoophiyaa kan Afrikaa keessatti isa guddaadha jedhame waggoota 14 booda xumuramee eebbifamuuf jedha.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Ityoophiyaa obbo Habtaamuu Ittafaa yeroo hidhichi doolaara biiliyoona 5 oliin ijaarame kun eegalamu Masrii fi Sudaan ''qaama haasawa'' ta'uu ibsuun, ''Itoophiyaan ammallee hidhichi miidhaa akka hin geessisne haasa'uu fi ibsuuf qophii ta'uu ibsaniiru.

Masriin waliigaltee bara kolonii bara 1959 mallattaa'ee bishaan laga kanaa keessaa harka caalu akka isheef kennu wabeeffachuun bishaan laga kanaa guutummaatti to'achuu akka barbaaddu irra deddeebitee ibsitee jirti.

Waliigaltichi Itoophiyaa kan hin hirmaachifne ta'uu bira darbee Masriin bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 55.5, Sudaan ammoo bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 18.5 akka argatan taasisuudhaan madda bishaanii laga Abbayyaa dhibbeentaa 86 kan taate Itoophiyaa bishaan dhabsiisuun, hirmaachisaa kan hin taaneefi haqa kan hin qabne ta'uu Itoophiyaan irra deddeebiin ibisiti.

Bishaan waggaatti meetir kiyuubii biiliyoona 84 dhangala'u keessaa dhibbeentaan 12 hurkaan bada. Waliigalteen kun adda durummaan Biriteen kan Masrii bitaa turteefi omisha suufii bal'aa qabdu daran gargaareera.

Itoophiyaan itti fayyadama laga Abbayyaa haqa qabeessaa fi madaalawaa ta'e irratti walii galteen akka irra ga'amu, qooda laga Abbayyaa kanarraa qabdu mirkaneessuuf, ijaarsi kun nageenya bishaanii Masrii balaadhaaf akka hin saaxillee gochuuf akka hojjettu cimsitee dubbachaa turte.

Hidhichi waggaa shan walitti aansuun kan guutame yoo ta'u, Masriin guutinsa hidhichaa fi hamma bishaan hidhicha keessaa gadi lakkifamu irratti waliigaltee qaama sadii seeraan dirqama ta'e yoo mallattaa'e malee Ityoophiyaan guutinsa hidhichaa itti fufuu akka hin qabne irra deddeebitee akeekkachiiftee ture.