Haadha warraa fi abbaa warraa Awustiraliyaatti hidhataa qawween namoota fixe harkatti qabuuf yaalan

Madda suuraa, GoFundMe
Awustiraaliyaa, qarqara qaama bishaanii Boondii jedhamu biratti abbaan warraa fi haati warraa tibbana nama qawween namoota ajjeese qawwee harkatti qabanii dhaabsisuuf yaalaa akka turan viidiyoon tokko mul’ise.
Namni kun Booris Gurmaan jedhamu, maanguddoo ganna 69ti, haatii warraan isaa Sofiyaa jedhamtu ammoo durbartii ganna 61ti.
Lamaanuu otoo hin ajjeefamiin dura namoota biroo rasaasaan akka hin ajjeefne dhaabsisuuf yaalaa akka turan maatiin isaanii ibsaniiru.
Viidiyoon taatee sana mul’isu tokko wayita Aab Gurman hidhataa qawween namoota ajjeesu wal’aansoo qabanii qawwee erga irraa fudhatan agarsiisa, booda isaan lachuu rasaasaan dhahamanii karaarratti kufan.
Aba Gurman loltuu soorama bahan yoo ta’an, iddoo rasaasaan rukutamanii ka’uun hidhataa qawween nama ajjeesu sana rasaasaan dhahan.
Hidhataa Awustiraaliyaatti namoota fixe sun qawwe biraa baafatee rasaasaan abbaa warraa fi haadha warraa kana ajjeese.
Namni taate sana arge tokko Booris Gurmaan''goota'' jedhee leellise.
Poolisiin Austiraaliyaa sirna ayyaaneeffannaa Jiwishootaarratti namoonni 15 ajjeefaman kana haleellaa shororkeessummaa ta'uu ibse. Abbaan warraa fi haatii warraan ajjeefaman kun Jiwishoota.














