Jaalalleewwan mana barumsaa waggaa 40 booda yeroo wal argan maaltu ta'e?

Obbo Kaarol fi Aadde Weebar waggoota 40'f adda bahan, amma erga walitti dhufanii bultii ijaarratan waggaa kudhan caala

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Kaarol fi Aadde Weebar waggoota 40'f adda bahan, amma erga walitti dhufanii bultii ijaarratan waggaa kudhan caala

Kaaroolii di Deben yeroo jalqaba walargan lamaan isaanituu ijoollee turan. Yeroos lamaan isaanituu mana barumsaa isaaniirraa miseensa gumii tiyaatiraa kan turan yoo ta'u argaa jalqabaatin jaalalaan kufan.

"Ani mana barumsaa dhiirotni qofti itti baratan irraa yoon ta'u Deben ammoo mana barumsaa dubartoonni qofa itti baratan irraayi."

"Eegasii yeroo nulachuu bakka tokkotti walargine hiriyaa kiyya tokkoon 'Intala sana ilaalin' jedheen. Gara shubbisa mana barumsaatti ishee fudhachuun qaban jedheen" jedha.

Weber gamasheen "Ani qofaakoo galma keessa taa'aan ture. Sababni isaas dubartoota bakka kana dhufan keessaa naman beeku hin qabun ture. Nan yaadadha yeroon isa arge mucaa baayyee bareedudha jedheen yaade" jechuun haala yerosii yaadatti.

Jaalalleewwan lamaan gaafas gara mana shubbisaa waliin deemuu qofa osoo hin taane eegasii warra adda bahanii hin mul'anne ta'an.

Inumaa walfuudhanii waliin jiraachuuf akka mijatuuf gara Meeriilaanditti walfudhatanii baduufuu karoorsanii ture.

Haa ta'u malee booda wanti hundi nijijjiirame. Oduun Weber ulfa ta'uushee dhagahame waggoota afurtamaaf akka adda badaniif ka'umsa ta'e.

Har'a lamaan isaanii waggaa dheeraan booda walarganii jaalala dargaggummaa isaaniitti dhaban waliin dhandhamaa jiru. Daandiin jaalala isaanii garuu silaa waan fiilmii Hooliwuudiin hojjetamuu male.

'Oduu hin eegamne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala jireenya hawaasummaa yeroo sana tureen yoo ilaalamu maatiin weber ulfaa'uushee erga baraniin booda ishee deeggaraa turan.

"Maatii jaalatamoodha. Kevin baayyee jaalatu. Mucaa cimaa akka ta'e nibeeku kana malees akka baayyee waljaalannus beeku. Garuu eegasii dubartii ulfoofte tokkoof haalli akka duraa ta'uu dide" jetti.

Haadha daa'imashee qofaa guddistu akka taatuuf gara biyya biraatti ishee erguuf haalli mijeeffamuu jalqabe. "Harmeenkoo Kevin akka dhufee na arguu fi waliin baanee irbaata nyaannu heeyyamte" jetti.

Yeroo sana jaalalleewan lamaan kuni akka walfuudhanii waliin jireenya jalqabanii mucaa isaaniis waliin guddisan yaadaa turan.

Karol umriisaa waggaa 17tti harmeen isaa humna galaanaarratti akka isa galmeessituuf amansiisaa ture."Yoon humna kana keesatti hammatame tarii yooma walfuudhuu baannellee maallaqa Deebif erguu nan danda'a. kana malees humni galaanaa ishee fi mucaa keenyaf deeggarsa yaalaa ni godha"

"Karoorri kiyya ergan leenjii xumuree baheen booda ishee waliin walfuuuna kan jedhu yaadaan ture" jedha.

Garuu wanti hunduu hawwii ta'ee hafe.

Yeroo inni leenjii loltummaa irra ture weber irraa xalayaan ergameef. Xalayaa kanarrattis mucaashee kana warra guddisuuf kennuuf akka jirtu eerte.

"Miira yeroo sana natti dhagahame nan yaadadha. Ani yeroo sana loltoota galaanarraa hedduu waliin leenjirran ture. Yeroo sana miirakee ibsuu hin dandeessu. Garuu keessa kiyyatti addunyaan natti dukkanaa'e" jedha miira sagalee kirkiruun.

Jireenyi finqilaachoodha

Karol, kan boodarra waraanaaf gara Veetinaamitti ergamuuf jedhuu waliin hariirooshee erga adda kutteen booda waa'een mucaashee guddifachaaf kennuu kuni miirashee baayyee jeeqe.

Eegasii doktarrishee maatiinsaa mucaashee guddifachuuf fedhii akka qaban itti himee jennaan aara galfatte.

"Ani maatii ijoollee afur qabuu fi haadha kana booda daa'ima godhachuu hin dandeenye keessaan bahe. Yoo ati dubartii deesse maatiinkoo guddifachuu barbaadu" jechuun doktarrishee kuni itti hime.

Weber mucaa dubaraa, kan isheen Karol fakkaatti jettuun deesse. Mucaashee kanas maatii doktarashee kan baayyee waa'eesaanii hin beekne kanaaf guddifachaan kennite.

Booda yeroo maatiinshee jireenya haaraa jalqabuuf jedhan Karol ammoo Veetinaam ture.

"Hojiin kiyya paayileetota hidhattootaan xiyyaarri isaanii rukutame baraaruudha. Onkololeessa 10, bara 2069 Helikooptara meeshaa nuuf dhiheessitu tokko baraaruufan bobba'e" jedha.

Obbo Kaarol intala isaanii arguu barbaaduu isaanii yeroo gaafataman ija hin sukkuummanne

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Kaarol intala isaanii arguu barbaaduu isaanii yeroo gaafataman ija hin sukkuummanne

Yeroo dirqama kanaaf bahettis Karol haleellaan isa mudatee miilaa fi dugda isaarra rukutame.

"lubbuudhaan haala sana keessaa nan hafa jedhee hin yaanne. Waaqan akkanan jedheen, lafa onaa kana keessatti akkan du'u hin heeyyamtu, maayila kuma 18 manakoorraa fagaadheen jira. Osoon debi fi mucaakoo hin argin nan ajjeesinin jedheen" jedha.

Eegasii humni galaanaa biraa dhufee isa baraaruun gara Filiipiinsitti, eegasii gara Jaappaan booda Ameerikaatti gale.

"Baqaqsanii yaaluu 18 hojjetadhe. Eegasiis si'a 20. Wiilcherii irraa suutuma suuta gara dhadhaabbataan deemuu danda'uuttin gahe. Eegasii gara boodaa hin deebine" jedha.

Haala kana hunda keessa osoo darbuu karol weberiin barbaaduu hin dhaabne.

Faallaa isaa Weber ammoo isa irraanfachuuf yaalaa turte. Yeroo hedduu heerumtee ijoollee dubaraa sadii deesse. Lamaan isaanitu garuu waa'ee mucaa isaanii odeessa dhagahanii hin beekan.

Walargaa

Adeemsa keessa Weber waan ture hunda ijoolleeshee boodarra deessetti himuuf murteessite.

"Guyyaansaa guyyaa haadholii ture. Lamaan keenya kutaa nyaatni itti bilchaatu keessa turre. 'Waanan sitti himun qaban' jedheen. Yeroon dargaggeetti ture mucaa godhadheen ture. Haala itti anii fi Kevin jaalala keessa itti seenne dabalatee waan hundasaan itti hime" jetti Weber.

Intallishee tokko obboleettii isaanii kana barbaadanii argachuuf odeeffannoo gadi fagoo gaafatte.

"Maqaa abbaa nan beeka. Nan yaadadha isaan ijoollee afur qabu. Naannoo isaan jiraatanis nan beeka" jette.

Ijoon isheen kennite gahaa ture. Intalli Weber maatii sana barbaaddee argattee ijoollee dhiiraa isaanii keessaa tokko qunnamte. Deebiin kan argame Val, Intalli Weber yeroo bilbiltudha.

"Ganama sa'aatii lamattin bilbileef. Waan dubbannu baayyeetu jira, tattaaffii goote nan dinqisiifadha jedheeni" jetti Val.

Weberiif deebiin Val, intalasheerraa argatte kuni miira addaa itti uume. Miirri balleessummaa isheetti dhagahamaa ture hundi nibade.

Galgala sana qaamaan walargan. Erga walarganii gaaffiin hin deebine biraa gaafatame. Abbaan Val eessa jira? Kan jedhu.

Barbaachi karaa olaayinii nama haati warraasaa dhihoo jalaa boqottetti baase. Weber xalayaa ergiteef.

"Gadda dhihoo simudateef nan gadda. Waa'ee jaalala keenya mana barumsaa waliin akka haasofnun barbaada. Akka nagaa taate nan amana" jechuun lakkoofsa bilbilaashees irratti barreesitee ergiteef.

Karoliif xalayaan kuni raajii itti ta'e. "Yeroo xalayaa suni naqaqqabu miira natti dhagame yoomiyyuu hin dagadhu. Kallattumaan gara bilbila bilbiluun deeme. Anaafi situ waliin dubbachaa jira jedhee amanuun natti ulfaata jedheen" jedha Karol.

Oduu gammachuutan siifqaban jedheen. Intala keenya argadheera. Arguu ni barbaaddaa? Jedheeni jechuun wal dubbii isaanii guyyaa sanaa yaadatti Weber.

Erga walarguuf waliigalanii booda mana Weberitti walargan. Yeroo Karol mana gahu Val miira haadhasheetti kolfitee 'Oh baayyee bareeda' jetteen.

Val fi abbaanshee sa'aatii dheeraadhaaf waliin haasa'an. Eegasii jaalalli haadha Val ammayyuu akka hin baaneef itti hime.

Walfudhatanii baduuf karoorsanii erga milkii dhabanii waggoota 40 booda akka haaraatti walfuudhan. Amma umriisaanii torbaatamoota keessa ta'anii walkunuunfachaa jiru.

"Umrii keenya kanarra taanee waljaalachuu fi walkunuunfachaa jirra. dhugaa dubbachuuf waan biraa waanan hawwu hin qabu" jetti Weeber.