Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Lammileen Israa'el sadii ulaa Weest Baankii gara Yordaanos geessurratti ajjeefaman

Waraanni Israa’el akka beeksisetti, lammilee Israa’el namoota nagaatu dhukaasa naannoo riqicha Aliinbiyi jedhamutti banameen ajjeefaman.

Guduunfaa

  • Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa Wiixata ifa ta'a - Ministeera Barnootaa
  • UN Sudaanitti 'humni walabaa' idil-addunyaa akka bobba'u gaafate
  • Raayyaan 'warra dibbee waraanaa dhahaniifi daangaa dhiiban' qolachuuf qophiidha - F/M Birhaanu
  • Pirezidantiin Masrii waggoota 12 keessatti yeroo jalqabaaf gara Turkii imalan
  • Kaadhimamtoonni Ballon d'Or baraman; Mesiinis ta'e Ronaaldoon hinjiran
  • Ameerikaan filannoo keessatti gidduu seenuun Raashiyaatiin himachuufi
  • Taphni Itoophiyaafi Tanzaaniyaa galchii malee xumurame
  • Maayik Hamar walitti bu'iinsaafi waliigalteerratti mariyachuuf Itoophiyaatti imalu
  • Wayita Chaayinaan walga'iif biyyoota Afrikaa simataa jirtutti MM Abiy Beejiing seenan
  • Misaa'ela Raashiyaatiin 51 ajjeefaman keessa loltoonnis jiru jette Yukireen
  • Mootummaan Naannoo Amaaraa daa'ima Gondaritti ugguramtee ajjeefamteef hidhattoota himate

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Baayidan aangawoota qoqqobuuf ajaja yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa baasan dheeressan

  2. MM Abiy kan Itoophiyaa weeraruuf abjotu 'si'a 10 yaaduu qaba' jedhan

  3. Ajajaan waraana Itoophiyaa Masriin 'duruu diina Itoophiyaatii' jedhan

  4. Toorri Addunyaa 'erga waraana ololaatii balaa guddaarra bu'e'

    Toorri Haaraa Addunyaa (New World Order) erga waraana ololaatiin asitti haala kanaan dura argamee hin beekneen yaaddoo keessa jiraachuu hoggantoonni tajaajila tikaa UK fi Ameerikaa akeekkachiisan.

    Hoggantoonni MI6 fi CIA biyyoonni lachuu waloon hiriiranii weerara Raashiyaan Yuukireenitti bante akka qorataa jira himan.

    Sar Riichaard Muur fi Wiiliyaam Barnis barreeffama waliinii Faayinaanshiyaal Taayimsirratti yeroo jalqabaaf barreessan keessatti Yukireen keessa waraanni akka ka'uu malu dursanii hubatuun hawaasa addunyaa akeekkachiisuufi Kiyiiv gargaaruuf yaalusaanii barreessan.

  5. Lammileen Israa’el sadii ulaa Weest Baankii gara Jordan geessurratti ajjeefaman

    Namoonni sadan kan ajjeeffaman haleellaa daangaa Weest Baankii fi Joordan gidduutti qaqqabeeni.

    Waraanni Israa’el akka beeksisetti, lammilee Israa’el namoota nagaatu dhukaasa naannoo riqicha Aliinbiyi jedhamutti banameen ajjeefame.

    Namni dhukaasa bane kun Joordaanirraa konkolaataa fe’iisaatiin bakka sana qaqqabe, dhukaasa bane.

  6. Attam ooltan?

    Tamsaasa kallattii har'aa eegalle.

    Waan haaraafi ijoo ta'e isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa.

  7. Turkiin lammiilee Ertiraa biyyaa ari'uu irraa akka of qusattu Aminestii Interenashinaal gaafate

    Dhaabbanni mirga namoomaaf falmuAmnestii Internaashinaal lammiileen Ertiraa dhibbaan lakkaa'aman humnaan Turkii keessaa ari'amuun balaa keessa jiru jedhe.

    Ibsa kaleessa mata uree ’Balaa Lammilee Ertiraa dirqiin deebisuu’ jedhuu Amnestii Internaashinaal baaseen lammiileen Ertiraa Turkii keessa jiran fedhii isaanii malee yoo biyyaa ari’aman dararaafi hidhaa isaan mudachuu akka danda’u yaaddoo qabu ibseera.

    Yeroo darbe mootummaan Turkii lammiilee Ertiraa gara 300 ta’an gorsa seeraa maleefi firoota isaanii waliin bilbilaan osoo hin qunnamin humnaan biyyaa ari’ee ture.

    Amnestii Internaashinaal aangawoonni Turkii lammiilee Ertiraa humnaan biyyaa ari’uu irraa akka of qusachuu qabanii fi mirga kooluu galtummaa seera addunyaatiin qaban akka kabajan gaafateera.

    Torbeewwan darban keessa baqattoonni gara 180 ta’an humnaan biyyaa ari’amuu isaanii ragaa qaba jedheera dhaabbanni mirga namoomaaf falmukun

    Dhabbatichi lammiileen Eertiraa kana dura humnaan Turkii irraa deebifaman manneen hidhaa naannawa magaalaa Asmaraatti hidhamanii jiraachuun isaanii daran yaaddessa jedhe.

    Ji’oota darban keessas Turkiyaan baqattoota Eertiraa biroo gara 100 ta’an humnaan gara Eertiraatti deebisuu ishee Aministiin yaadachiisera

    Baqattoonni Eertiraa kunneen biyyaa ari’amuu mormuuf carraan seera qabeessa ta’e kan hin kennamne ta’uu ibsuun, hanqina bishaanii, nyaataa fi wal’aansa fayyaatiin haala hammaataa keessa akka jiran himaniiru.

    Mootummaan Eertiraa baqattoota kanaan dura biyyoota adda addaa irraa gara Eertiraa galan seeraan ala biyyaa ba’an jechuun murtii malee to’annoo jala oolchuu isaa Amnestii Internaashinaal gabaasa isaan ereera.

  8. UKn misaa'ela dabalataa dhibbaan lakkaa'aman gara Yukireenitti erguuf

    Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenaskiin Jimaata darbe buufatamarii Jarmaan buufata xiyyaaraa Raamstaayiinitti taa’ame irratti waraana Raashiyaa waliin taasisaaa jiraaniif ammalee meeshaan deeggarsa warra dhihaa akka isaan barbaachisu gaafachuu hordofeeti UK’n misaayiloota kanneen Yukireeniif akka kennitu kan ibsite.

    Akka Zelenaskiin jedhetti keessattuu naannoon bahaa Donetaski, bakka humnoonni Kiiv haleellaa Raashiyaa waliin taasisa jiranitti, gargaarsa saffisaan warra dhihaa haalan murteessa ta’uu eeran

    KanaafisUK’n dhiyeessii misaa’ela fageenya gabaabaa (LMM) 650 dabalataan, paakeejii deeggarsa meeshaalee waraanaa paawundii miiliyoona 162 ta’u mirkaneessuu ishee Ministirri Ittisaa UK Joon Heelii kan ibsan.

    Paakeejiin haaraan kun ittisa qilleensaa Yukireeniif ''jajjabina barbaachisaa'' kan kennu yoo ta'u, mootummaan isaanii deeggarsa isaa ''cimsuu'' kan agarsiisu ta'uu dubbataniiru.

    Yukireen cimina tarkaanfii fihaleellaa boombii Raashiyaa ilaalcha keessa galchuun ''yeroo ammaa kana waan hunda caalaa'' deehggarsa meehsaalee waaraanaa akka barbaaddu ibsameera. Baatii Adoolessaa keessa Ministirri Muummee UK kunwaggaatti paawundii biliyoona 3 Yukireeniif erguuf waadaa galaniiru. Erga waraannni Raashiyaa fi Yuukireen eehgalee UK’n paawundii biliyoon 12.7 waadaa galteetti

    Gama biraatiin Ameerikaan deeggartuu guddoo Yuukireenkan taate, gargaarsa waraanaa dabalataa doolaara miliyoona 250 (£189.9m) akka kennitu ibsiteetti.

    Yuukireen michoota isheeidil-addunyaatiif waamicha dhiheessiteenmeeshaaleen waraanaa waadaa galaman hunda hatattamaan dirree waraanaa irratti arguu barbaanna jetterti. Waraana kana xumuruuf karaan jiru kana qofa ta’uus ibsite

    Haa ta'u malee, kannen naannoo daangaa Yukireen sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabuun alatti misaa'ela fageenya dheeraaRaashiyaa keessatti haleella geessisu akka fayyadamtu biyyootni kunneen Yukireenif hin eeyyamne

  9. Taphataan Xaaliyaan dhiyoo Arsenaal gale tapha biyyisaa Firaansaayiin mo’atterratti miidhame

    Taphataan Arsenaal dhiheenya kana sarara ittisaaf mallatteesifate Rikkaardoo Kaaliyaafoorii tapha biyyisaa Xaaliyaan Faransaayiin 3-1 mo’atterratti miidhame.

    Kaaliyaafooriin taphataan Faransaay Osmaan Dembeleen taphataa biraatiin takaalamee yeroo kufutti duubaan miilasaarratti kufee miidhame.

    Taphataan warra Gaaners kun erga miidhamee daqiiqaa xiqqoof taphachuu yaalus waan itti cimeef taphataa birootiin jijjiiramee dirree keessaa bahuuf dirqameera.

    Tapha Liigii Biyyootaa gaggeeffamaa ture biroon kan Beeljiyeem Israa’eliin 3-1n mo’atterratti Keevin De Biruuneen goolii lama galcheera.

    Waraana Israa’el fi Gaaza walin walqabateen yaaddoo nageenyaaf jecha magaalonni Beeljiyeem tapha biyyattiin Israa’el waliin qabdu keessummeessuuf hayyamamoo hin turre.

    Sababa kanaan taphni kun Hangaarii keessatti karra cufame keessatti gaggeefame.

    Ji’a Onkoloolessaa 2024 wayita Beeljiyeem tapha calallii waancaa Awurooppaa Siwiidin waliin Biraasels keessatti taphataa turetti, hidhataan tokko Istaadiyeemii Kiing Baawudoowiin keessatti lammilee Siwiidin lama ajjeesee ture.

  10. Bilbilli harkaa Londanitti hatame, ji'a tokko booda Chaayinaatti argame

  11. Ayyaana shamarran qarreetiif bakka guddaa qabu, Shinooyyee Finfinneetti

  12. Rookeetiin Booying Starliner Dacheetti deebitee qubatte, namoonni ishee geessite garuu hawaa keessatti hafan

    Rookeetiin Booying Starliner imalahee gara Dacheetti taasiftu xumurtee qubatteetti garuu astiroonoomeroota fudhattee deemte qabattee deebiyuunis isheerra ture dhiistee qullaa deebite.

    Ogeessonni (astiroonoomerooonni) kunneen amma Buufata Hawaa Idil-addunyaa keessa jiru.

    Xiyyaar-samiin (rookeetiin) kun erga laaboraatoorii hawaarra marmaarturraa buqqaafattee of dandeesseedhuma qullaashee gara Dacheetti imalaa turte.

    Xiyyaar-samiin kun hojjetoota NASA Baach Wilmoor fi Sunii Wiliyaams qabattee deemtee booda hawaarratti rakkoon tekinikaa ishee mudateera. Kanaaf, astironoomeroota kanaaf xiyyaari-samii kanaan deebiyuun balaa waan qabuuf hawaa keessatti hafuufi dirqamaniiru.

    Ogeeyyonni kun SpaceX Crew Dragon fayyadamuun deebiyu jedhameera. Haata’u malee, hanga Guraandhalaatti turuun dirqama itti ta’eera.

    Ogeeyyonni kun ergama guyyaa saddetiif deemanii Buufata Hawaa Idil-addunyaa keessa ji’a saddetiif turu dirqamaniiru.

    Kana jechuun Booying Starliner kun achitti isaan dhiisee dhufnaan kan gara fuula duraatti ergamaaf deemtu SpaceX Crew Dragon isaaniif deemtutti eeggatu jechuudha.

    NASAn akka jedhetti, Baach Wilmoor fi Sunii Wiliyaams hamilee gaarii keessa jiru, maatii isaaniis yeroo yerootti qunnamaa jiru.

  13. Seliinaa Gomez Biliyeeneroota addunyaa keessaa tokko taate

    Weellistuun beekamtuu Seliinaa Gomez beekamtii kan horatte ijoollee yeroo turte karaa chaanaalii Baarniifi Diizinii ture.

    Amma ammoo baayyeen mqaashee kan kaasan wallee isheetiin qofa osoo hin taane Biliyeenera ta’uusheetiinidha.

    Seliinaan walleetiin, fiilmii keessatti taatummaan qooda fudhachuutiin, akkasumas hojii uumuudhaan milkaa’ina argamsiisteen umurii dargaggummaatiin biliyeenara taateetti.

    Akka barruun Biluumbard gabaasetti, dubartiin umuriin ishee wagga 32 taate kun qabeenya dolaara biliyoona 1.3 horachuun maqaan ishee Jimaatarraa kaasee tarree Biliyeeneroota bebbeekamoo keessa galeera.

    Maddi qabeenyaashee ammoo irra caalaan kampaanii wagga shan dura hundeessite meeshaalee miidhagina omishu waliin wal qabata.

    Kampaaniin meeshaaleen miidhaginaa omishu kun akkuma kan Teeyilar Iswiiftiifi Rihaanaa “dubartoota dargaggoo ta’an dhamaatii mataa isaaniitiin milkaa’an” keessaa ishee taasiseera.

    Biraandiin ‘Fair Beauty’ jedhamu kun miidiyaa hawaasaarratti omishoota milkaa’ina olaana miidhaginaa galmeessisan dhiyeessa.

    Hanga ji’a Guraandhalaa darbe qofaatti gurgurtaarraa callaa dolaara miliyoona 400 akka argate eerameera.

  14. Fooliin afaanii badaa rakkoo namoota baayyee maalirraa madda?

  15. Ashamaa! Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Bakka jirtanitti akkam jirtu? Tamsaasa kallattii kan Fulbaana 07, 2024 jalqabneerra.

    Nu hordofaa!

  16. Hayyuun maqaa guddaa, Pirof Andiriyaas, akkamiin yaadatamu?

  17. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Jimaata galgalaa xumurame.

    Sambata ganama walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  18. Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa Wiixata ifa ta'a - Ministeera Barnootaa

    Qabxiin qormaata barattoota kutaa 12ffaa Wiixata dhufu ALI Wiixata Qaam’ee 04, 2016 akka ifa ta’u Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksise.

    Qormaata baranaarratti barattoota galmaa’an 701,749 keessaa 97.5% jechuunis 684,205 qoramaniiru jedhameera.

    Qormaanni baranaa wanti adda taasisu keessaa qormaanni yeroo duraaf onlaayiniidhaanis kennamu isaati.

    Haa ta’u malee, lakkoofsi isaanii 29,000 qofaadha.

    Waggoota lamaan darban qormaanni yeroo duraaf yunivarsitii keessatti keennamuu erga eegalee booda hammi barattoota darban akkaan xiqqaateera.

    ALI Bara 2014 qormaata kutaa 12ffaa kan qoraman keessaa kan darban 3.3% qofaa turan.

    ALI Bara 2015 keessa kan qoraman keessaammoo kan darban 3.2% qofaadha.

    Kaayyoon yunivarsitiitti qoruu saamicha qormaataa hammaate xiqqeessuufi.

  19. Goobeefi Shinooyyee Finfinneetti

    Goobeen sirba wayita birraan bari'u sirbamu yoo ta'u jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta'a.

    Shinooyyeen immoo sirba shamarran hin heerumne sirbanidha.

  20. Amma nu gahe, Rogeettiin Ameerikaa West Baankitti ajjeefamte

    Dubartiin ganna 26 lammii Ameerikaa taate lafa qubannaa humnaan qabame Weest Baankitti itti dhukaafame ajjeefamte.

    Hidda Turki ikan qabdu Ayisenur Ezgi Eyigii jedhamtu mormii lafa babal’ifannaa warraa Yihuudotaa mormaa akka turte gabaasonni mul’isu.

    Loltoota Israa’eliin akka ajjeefamte gabaafameera. Waraanni Israa’el dhimmicha akka dhagaheefi akka qoratu ibse.

    Dubartiin kuni mataa keessa erga rukutamte booda atattamaan gara hospitaalaa geeffamtus boodarra du’uu ishee AFP’n gabaaseera.

    Akka miidiyaaleen Filisxeem gabaasanitti, dubartiin kuni duula qonnaan bultoota qubattoota Israa’elirraa eeguuf taasifamu keessatti hirmaataa turte.

    Waggoota 50 darban, West Baank fi Baha Iyyerusaalemitti qubsuma ijaarteetti.

    Yeroo ammaas Yihuudonni 700,000 ol keessa jiraatu.

    Seera idil-addunyaa jalatti qubsumni seeraan aladha. Israa’el garuu kana ni mormiti.