Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp ''biyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun dureewwan yaa'ii UN hirmaataa jiran akeekkachiisan

Tiraamp 'biiyyi keessan si'ooliitti deemaa jirti'' jechuun hirmaattoota yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkiitti kaleessa eegale hirmaataa jiran dhimma baqattootaan akeekkachiisan.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube keenya hordofaa
  • Israa'el karoora nagaa Tiraamp Gaazaa irratti dhiyeesse fudhatte
  • Humni Israa'el Gaazaa keessaa hin ba'u- Neetaaniyaahuu
  • Kataar waraana Gaazaa dhaabsisuuf jaarsummaa akkatti fuftu himte
  • Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, UK'n beekamtii biyyummaa Filisxeemiif kennuu Istaarmar beeksisan

    Ministirri Muummee UK bulchiinsa Filisxeemiif beekamtii kennuu ifatti beeksisan.

    ''Gidiraa Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun, nagaafi furmaaati biyya lamaatti lubbuu horuuf dalagaa jirra,'' jechuun Kiir Istaarmar dubbatan.

    Yeroon Filisxeem beekkamtii kennan ''dhaqqabeera'' jedhan.

    ''Akka ministirra muummee biyya gyddii kanaatti Yunaayitid Kingidam ifatti bulchiinsa Filisxeemiif beekkamtii kenniti,'' jechuun dubbatan.

    Adeemsa kana Israa'el jalqabumaa mormaa turte. Adeemsi kuni Hamaas ''badhaasuudha'' jechuun Ministirri Muummee Israa'el dubbatanii turan.

    Istaarmar garuu ''biyyi lama haa jiraatu waamicha gochuun faallaa mul'ata jibbaa [Hamaas],'' dhaabachuudha jedhan.

    ''Furmaatni kuni Hamaasiif badhaasa miti,'' jechuun Hamaas mootummaafi nageenya keessatti qooda homaatuu hin qabaatu jedhan.

    Dabalata:

  2. Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennina jechuun Filisxeem bor ganama biyya taati jechuu miti - UK

    UKn biyyummaa Filisxeemiif beekamtii akka kennitu beeksifteetti. Kana jechuun garuu Filisxeem battalumatti biyyaa akka hin taane himu qondaalli olaanan UK.

    Ministiira Ittaanaa Biriteen kan ta'an Deeviid Laamii Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun adeemsa Israa'eliifi Filisxeem biyya of danda'an ta'anii jiraachuu kan deeggaru ta'uu dubbachuusaanii Rooyitars gabaase.

    Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuun Filisxeem bori ganama biyya taati jechuu akka hin taane ibsan.

    Beekamtii biyyummaa kennuun adeemsa yaada furmaataa biyya lamaa (two state solution) akka ta'ee himuun qaama adeemsa nagaa yeroo waraa UKn barbaaduu ta'uu dubbatan.

    UKn biyyoota michuu Israa'el bara kana Filisxeemiif beekamtii kennan keessaa tokko taati.

    Dhuma Fulbaana kanaa Walgahii Biyyoota Gamtoomanii Niwu Yoorkitti gaggeeffamu irratti UK dabalatee biyyoonni heddu Filisxeemif beekamtii ni kennu jedhamee eegama.

  3. Gaazexeessitoonni odeeffannoo icciitii hin eegan taanaan akka hin seenne ni dhorkamu- Peentaagoon

    Miidiyaaleen odeeffannoo akka gabaasaniif hin kennamneef gabaasu taanan, seenanii gabaasuu akka dhorkaman Peentaagoon akeekkachiise.

    Osoo waajjira Peentaagoon seenanii dura odeeffannoo icciitii ykn gabaasuun hin hayyamamneef eegudhaaf waliigaluu akka qabanis ibse.

    Biiroon Minisitiira Waraanaa kan duraan Ministiira Ittisaa ture kan keessatti argamu Peentaagoon, yero dhiyoo as icciitiin garaa garaa jalaa bahaa jira.

    Kanarraa ka'uun, sochii miidiyaaleen achi keessatti taasisan daangessuuf akka murteesses beeksise.

    Ministira Waraanaa US kan ta'an Peet Heegs miidiyaa hawaasaa gubbaatti, kana booda abbaan arge achi keessa hin fiigu jechuun barreessan.

    "Miidiyaan Peentaagoon keessa akka barbaade hin garmaamu kana booda. Baajii isinii kenname gochachuun qajeelfamoota jiran hordofaa," jechuun gaazexeessitoota akeekkachiisan.

    Qajeelfamni haaraan Peentaagon deemanii gabaasuu miidiyaaleef kan ergame yoo ta'u, miidiyaaleen seenanii gabaasuu barbaadu yoo ta'e, icciitii eeguuf mallatteessuu akka qaban ibsan.

    Akkaataa qajeelfama haaraa Peentaagoon miidiyaaf qopheesse kanaan, gaazexeessitoonni odeeffannoo icciitii nageenya biyyaalessaa, ykn akka gabaafamuuf hayyamni hin kennamne, ykn odeeffannoo gabaafamuu hin qabu jedhame gabaasuuf yaaluun hayyama miidiyaaleen Peentaagoon seenanii gabaasuf qaban kan irraa mulqu ta'uus ibsa.

  4. Afrikaan Kibbaa laaboraatoorii qoricha sammuu hadoochu dolaaraa miliyeena heddu baasu dhoksaan omishu mancaaste

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa laaboraatorii qoricha sammuu hadoochu Metaamfeetaamiin jedhamu dhoksaan oomishu arguun mancaasuu beeksise.

    Laaboraatooriin kun qoricha sammuu namaa hadoochu dhoksaan omishaa akka tureefi boodarra irra gahuun qoricha sammuu hadoochu dolaara miliyeena 20 baasu waliin mancaasuu ibse.

    Lammiileen biyyoota Afrikaa garaa garaa torba ta'anis to'amaniiru.

    Gabaasi dhaabbanni Global State of Harm Reduction jedhamu bara 2022 baase akka agarsiisutti, Afrikaan Kibbaa addunyaarraa biyya qorichi sammuu hadoochu Metaamfeetaamiin adda dureen itti gurguramuudha.

    Bakki Afrikaan Kibbaa itti argamtuufi daangaan isheen biyyoota kaan waliin qabdu daddabarsa qorichoota sammuu hadoochaniif seeraan ala ta'aniif haala mijataa uumuu ibse UN.

    Poolisiin akka beeksisetti, jiraattonni naannoo laaboraatooriin qoricha sammuu hadoochu omishu jiraatan, warshicha keessaa fooliin keemikaala kana dura isaan hin beekne bahaa akka jiru eeruu poolisiif kennan.

    Poolisiinis eeruu uummataa fayyadamuun sakkattaa gaggeessen, laaboraatoorii qoricha sammuu adoochu omishu arguu beeksise.

  5. Ministirri Muummee UK Filisxeemiif beekamtii kennuuf

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar Dilbata waaree booda bulchiinsa Filisxeemiif beekamtii kennuuf jedhu.

    Baatii Adoolessa keessa UK'n yoo Israa'eel Gaazaa keessa dhukaasni akka dhaabatu yoo waliigalte malee ejjennoo ishee akka jijjiiirtu beeksistee turte.

    UK'n Israa'el furmaata biyya lamaa kan Filisxeemiif beekamtii kennuu deeggarti.

    Ejjennoon mootummaa UK kuni ejjennoo mootummoonni UK kana durra hordofanirraa adda ta'eera.

    Ejjennoo kana garuu Israa'el cimsitee qeeqxe. Maatiin namoota Hamaasiin jalaa butaman fi kanneen siyaasa harbeessaniif cimsanii qeeqaniiru.

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaanayaahu adeemsi akkanaa ''shororkaa badhaasa'' jedhanii turan.

    Dabalata:

  6. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Dilbataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa ijoo ta'an jala jalaan isin biraan geenya.

    BBC Afaan Oromoo akka filmaata keessanitti: Facebook, WhatsApp akkasumas YouTube irratti nu argattu.

    Gara websaayitii keenyammoo yoo gortan waan baay'ee bakka tokko argattu.

    Lafa nagaa oolaa!

  7. NATOn qilleensarratti xiyyaara waraanaa Raashiyaa qolate

    Xiyyaaronni NATOn gidduu seenuun haleele kunneen sadi yoo ta'an, daangaa qilleensaa Estooniyaa keessa seeraan ala seenuutu gabaafame.

    Ministeerri dhimma alaa Estooniyaa xiyyaaronni Raashiyaa daangaasaatti seenuu balaaleffateera.

    Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa MiG-31 jedhaman sadi eeyyama tokko malee seeraan ala daangaa biyya miseensa Nato taatee seenuun daqiiqaawwan 12f turuu ibse ministeerri dhimma alaa Estooniyaa.

    Dubbi himaan Nato Aliisan Haart jaarmiyaan qidoomina waraanaa isaanii ''osoo yeroo hin gubin gidduu seenuun qolachuu,'' ibsan.

    Kun ''gocha maal na dhibdee Raashiyaa fi dandeettii saffisaan deebii kennu Nato,'' mul'isa jedhan.

    Kanaan ala ibsa bal'aa hin kennine.

    Humni waraanaa Raashiyaa hanga ammaatti dhimma kanarratti yaada hin kennine.

  8. Finfinnetti doktarri sobaan butameera jechuun haadha warraasaa birrii miiliyoona sadii gaafate qaratamaa jira- Poolisii

    Magaala Finfinneetti namni sobaan namoota biraatiin akka waan butame fakkeessuun haadha warraa birrii miiliyoona sadii gaafate to'annoo jala oolfamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachu Qajeelchi Waliigala Poolisii Finfinnee beeksiise.

    Poolisiin Finfinnee barreeffama har'a fuula Facebook isaarratti qoodeen akka beeksiiseetti, taateen kun Finfinnee kutaa magaalaa Yekka bakka addaa Kotabe aanaa 2 jedhamuun beekamuttidha.

    Namni Doktar Ababaawu Balaayineh jedhamuufi buufata fayyaa Kotobe hojjataa ture namoota hin beekamneen butame fudhatamu fakkeessuun bilbila mataasaarratti haati warraasaa yoo ''birrii miiliyoona sadii akka geessan, yoo ta'u baate lubbuun akka hin argane ibsuun erguu'' ibsa bareeffamni poolsiin qoode kun.

    Maatii nama kanaas haalichaan nahuudhaan dhimmicha pooiristti beeksisuu fi hordoofii poolisiin ka'umsa eeru kanaatiin taasiseen namni kun Magaala Dabra Birhaanitti hoteel tokko keessa jiraachu bira gahamu ibseera poolisiin.

    Qajeelchi qorannoo yakkoota garaa garaa hordofii taasiseen hotelich wayita gahaniitti Dr Ababaawu guyyaa sadiif hoteelicha keessa ture bahuun odeeffannoo argachu kaasa.

    Haata'u malee, poolisiin qorannoodhaaf akka gargaaruutti sochii baankii hordofaa jiraachu kan hubate shakkamaan Fulbaan 2, 2025 guyyaa keessaa sa'aatii 10 irratti qaamooleen ''na butan maallaqni waan hin ergamneef gadi na lakkiisaniiru'' jechuun turtii guyyaa sadiin booda manasaatti deebii'eera jedha odeeffannoon poolisii kun.

    Poolisin shakkamaa gara manaatti deebii'ee to'achuu qorannoo taasisen mallaqicha kan gaafate ofiidhumsaa malee yakki butamuu omaa akka irratti hin raawwatamneefi guyyaa sadii hoteela qabatee turuu dabalee dhugaa bahuunsaa himameera.

  9. MM Abiy bulchaa Baankii Biyyaalessaa fi Ministira Tajaajila Kominikeeshinii muudan

    Akkaataa muudama Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad kennaniin Dr Iyyoob Takkaalliny Bulchaa Baankii Biyyalessaa ta'uun tajaajilu.

    Aadde Innaataalem Mallasee ammoo Hooggantuu Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ta'uun tajaailu.

    Hooggantoonni kunneen hojiisaanii haaraa kana Fulbaana 09 irraa eegalanii itti fufu.

    Wayita Itoophiyaan rifoormii diinagdee irratti xiyyeeffattetti Bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun tajaajilaa kan turan Obbo Maammoo Mihratuu jalqaba ji'a kanaa bakkicha gadhiisuun dhagahame.

    Duraan Itti aanaa Ministira Maallaqaa kan turan Dr Iyyoob bakka Obbo Maammoo bu'uun tajaajilu.

    Dr Iyyoob hoogganaa Komishinii Pilaaniingii Biyyaalessaas turaniiru.

    Boordii Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Itiyoo Telekoom, Humna Ibsaa Itoophiyaa fi jaarmiyaa Ethiopian Investment Holdings(EIH) jedhamuu ta'uunis tajaajilaniiru.

    Dura taa'aa Boordii Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Itoophiyaa, Boordii Akkaawuntiingii fi Odiitii Itoophiyaa, Ejensii Bittaa Meeshaalee Uummataa ta'uunis tajaajilaniiru.

    Damee diinagdee fi hawaasaa Itoophiyaa soroorsuu fi taliiguudhaan muuxannoo waggaa 20 olii qabu.

    Jaarmiyaalee idiladdunyaas bulchaniiru, kaan keessaa hojjetaniiru.

    Imbasii Itoophiyaa Waashingitan DC jirutti gorsa aturan.

    Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) keessattis qooda mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun gorsaa ta'uun tajaajilaniiru.

    Baankii Addunyaa fi jaarmiyaalee idiladdunyaa hedduu keessatti tajaajila gorsaa kennaniiru.

    Ministeera dhimma alaa fi Ministeera Daldalaa dabalatee jaarmiyaalee mootummaa hedduu keessatti tajaajilaniiru.

  10. Taalibaan buufata humna qilleensaa US deebisee Tiraampitti akka hin kennine ibse

    Pirezidant Doonaald Tiraamp buufata humna qilleensaa US of harkatti deebisuu akka barbaadan erga gaazexeessitootatti himanii booda qondaalli Taalibaan yaada kana kuffisaniiru.

    Ministeera dhimma alaa Taalibaan keessa kan hojjetan Zaakir Jalaal humni waraanaa US kamiyyuu Afgaanistaan keessa jiraachuu akka hin dandeenye Taalibaan aangoo qabachuu dura marii ture irratti waliigalameera jedhan.

    Pirezidant Tiraamp buufata humna qilleensaa Bagram kan Afgaanistaan keessatti waggoota kurna lamaaf handhuura Nato ture, ''deebifachuun ni danda'ama. Sababni isaa isaanis waan nurraa eegan qabu waan ta'eef,'' jedhan.

    Buufati humna qilleensaa kun Taalibaan aangoo qabachuu yeroo muraasa dura humna waraanaa Afgaanistaanitti dabarfamee kennamee ture.

    Tiraamp Kamisa kaleessaa UK keessatti wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennan US ''sababa tokko malee akkanumaan kenniteefii teessi,'' jechuun waa'ee buufata kanaa dubbatan.

    Loltoonni US guutummaatti Afgaanistaan keessaa akka ba'an kan murtaa'e bara bulchiinsa Tiraamp marsaa jalqabaa (2020) ture, karoorri Tiraamp kun bara 2021 bara bulchiinsa Joo Baayidan hojiirra oole.

    Garuu Bitootessa darbe Tiraamp buufata Bagram ''Afgaanistaaniif jecha osoo hin taane Chaayinaaf jecha'' akka itti fayyadamuu eegalan ibsanii turan.

    Tiraamp ibsa Kamisa kaleessaa gaazexeessitootaaf kennan keessatti bakki kun akkaan murteessaa ta'uu cimsanii dubbatan.

    Sababni Bagram deebisanii fudhachuu barbaadaniif ''bakki kun buufata meeshaalee waraanaa nukilaraa Chaayinaarraa sa'atii muraasa fagaata,''jedhan.

    Tiraamp ammas dabaluun erga US Afgaanistaan keessaa baatee Chaayinaan kaaba magaalaa Kaabul keessatti humna dhaabbachaa jiraachuu dubbatan.

    Taalibaan himannaa kana ni haala.

    Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa ''Chaayinaan birmadummaa daangaa Afgaanistaan sirriitti kabajji. Egereen Afgaanistaan harka lammiilee biyyattii jira,'' jechuun yaada Tiraampiif deebii kenne.

    US fi Afgaanistaan dhiheenya kana mariitti jiru. Sambata mariin ministeera dhimma alaa Taalibaan waliin taasisan garuu waa'ee lammiilee Ameerikaa Afgaanistaan keessatti ugguramanii akka ta'e Raayitarsi gabaaseera.

  11. Poolisiin US reenfa nama daa'immansaa ajjeesee arguu ibse

    Reenfi kan nama daa'immansaa sadi ajjeesee ta'uun shakkamu Waashingitan keessatti argamuu kan ibse poolisiin, namni kun erga ijoolleesaa shamarranii ajjeesee hanga yoonaa barbaadamaa jiraachuu eere.

    Abbaan kun daa'immansaa waggaa sagal, saddeet fi shanii ajjeesee miliqe.

    Poolisiin erga Tiraaviis Deeker Waxabajjii 2, 2025 shamarransaa Paayitiin, Eviliin fi Oliiviyaa jedhaman ajjeesee hanga har'aa dhimma kana hordofaa jira.

    Namni kun ollaama sanatti miliqee akka ture odeeffannoosaa poolisiin argatee ture.

    Poolisiin bulchiinsa Chelan ''hanga yoonaa sirriitti adda ba'uu baatus bu'aan qorannoo jalqabaa qaamni argame kan Tiraaviis Deeker ta'uu mul'iseera,'' jedhe.

    Qaamni nama kanaa bulchiinsa Waashingitan keessatti handaara magaalaa Leavenworth bakka bosonaa keessaa argame.

    Ga'eessi umrii waggaa 32 Deeker yakka nama ukkaamsanii dhoksuu fi ajjeechaan barbaadamaa ture.

    Haati ijoollee dhumanii Caamsaa 30 irraa dhabamte. Erga daawwannaaf ba'anii booda Deeker daa'imman qabatee ba'e qe'eetti deebisuu didnaan manaa baate, ergasii hin deebine.

    Deeker daa'imman deebisuu dide, bilbilas irraa hin kaasu.

    Daa'immaan kunneen mudhiinsaanii hidhamee reenfisaanii argame. Miidiyaan US michuu BBC ta'e daa'imman kunneen qilleensa summaa'aadhaan dararamanii dhuman.

    Deeker loltuu ture.

  12. Cimdiiwwan lammiilee Biriteen ji'ootaaf mana hidhaa Taalibaan turan bilisa bahan

    Abbaa warraafi haatii warraa lammii Biriteen Afgaanistaan ​​keessatti Taalibaniin gara ji'a saddeetitti hidhamanii turan gadhiifamuun barame.

    Piitar Reenolds, kan ganna 80 fi haati warraasaa Aaddee Baarbii kan ganna 76 fi kan gara waggaa 20f biyyattii keessa jiraatan, osoo gara manasaaniitti imalaa jiranuu ture kan Guraandhala 1, 2025 to'ataman.

    Maanguddoonni kunneen karaa jiddu-seentummaa Kaataarii bilisa bahan. Qondaalli Kaataar tokko akka jedhanitti, jarreen gadhiifaman kunneen osoo gara UKtti hin imaliin dura qorannoo fayyaa gara Kaataar balali'uu isaanii ibsaniiru.

    Haata'u malee yeroo dheeraaf mana jireenyaa Afgaanistaan, ​​bulchiinsa Baamiyaan keessatti qabu turan.

    Taalibaan maanguddoonni kunneen seera Afgaanistaan ​​cabsuu isaanii fi adeemsa seeraatiin booda gadhiifamuu isaanii dubbateera, garuu ammoo sababa hidhaasaanii ibsee hin beeku.

    Piitar fi Baarbii Reenoolds bara 1970tti kan Kaabuul keessatti kan wal fuudhan yoo ta'u, waggoota 18 darban sagantaa leenjii tola ooltummaa kan qondaaltota Taalibaan naannichaatiin yeroo gareen hidhatootaa bara 2021tti aangoo deebifatetti raggaasifameef geggeessaa turan.

  13. Tikeetiin taphoota Piriimer Liigii Ingilaand gabaa gurraacha irratti gurguramaa jiraachuun saaxilame

    Qorannoon BBC akka saaxiletti tikeetiiwwan taphoota Piriimer Liigii kumaatamaan lakkaa'aman seeraan ala ykn gabaa gurraacha irratti gurguramaa jiru.

    Magaalaa Siwiiz dabalatee kubbaaniyyaan teessoo biyyoota alaa keessaa qaban kan namoota 4,000 hirmaachisan gocha kana duuba jiru.

    Waraqaa miseensummaa fi mosaajii kompiyuutaraa fayyadamuun karaa onlaayinii tikeetii baayyisanii kilaboota irraa bitu.

    UK keessatti tikeetii erga bitanii booda deebisanii gurguruun seeraan ala, Piriimer Liigiin marsariitiiwwan tikeetii gurguran kunneen ''tarree jaarmiyaalee eeyyama hin qabnee'' jalatti ramadeera.

    Piriimer Liigiin marsariitiiwwan 50 caalaniin seeraan ala jedheera.

    BBC Sport taphoota Piriimer Liigii torbanoota afran darban taphataman irratti gabaa gurraacha irraa tikeetii taphootaa biteera.

    Gochi kun kibbaa miillaa Ingilaand keessatti ''akkaan babal'ateera,'' jedhameera.

    Namoonni marsariitii kana fayyadamuun tikeetii bitatan hundi taphoota seenanii ilaaluu hin dandeenye.

    Jaallattoonni kubbaa miillaa hedduun tikeetii dursanii bitatanis tapha ilaaluu akka hin dandeenye BBC Sport'tti himaniiru.

    Marsariitiiwwan kunneen tikeetii taphoota maallaqa itti dabalanii gurguru, gariin bilbila UK fa'aan WhatsApp irratti maamiloota quunnamu.

    Qorannoon kun kilaboonni akkasumas mootummaan akka gocha kanarratti duula eegalu karaa saaqeera.

  14. Israa'el Kibba Libaanoos keessatti haleellaa qilleensaa raawwatte

    Israa'el bakka gareen hidhattoota Iraan deeggaramuu Hezbollaan buufate irrattin xiyyeeffadhe jechuudhaan, kibba Libaanos keessatti haleellaa qilleensaa guddaa raawwatte.

    Haleellaan kun kan raawwatame erga bakkewwan hedduu keessa akka bahamuuf akeekkachiisni kennamee booda ture. Haleellaa kanaan boda miidhaan lubbuu qaqabuusaarratti hammatti kan jedhame hin jiru.

    Israa'el waliigalteen waraana garee kana waliin dhaabuudhaaf Sadaasa keessa kan taasifame ta'ulleen, garuu guyyaa guyyaan jechuun haala danda'amuun namootaa fi iddoowwan Hezbollaa waliin hidhata qaban jettu hundarratti haleellaa qilleensaa raawwattee jirti.

    Ministirri mummee Libaanos Israa'el waan dorsiisaa fi haleellaawwan jechuun ibse akka dhaabduf akkasumas dirqama dhukaasa dhaabuu ishee akka ba'attu hawaasa addunyaatiif waamicha dhiyeessaniiru.

    Viidiyoowwan toora interneetii irratti maxxanfaman bakkeewwan haleellaan Israa'eliin irratti raawwatame keessaa tokko kan ta'e Mais al-Jabal keessaa aarri guddaan akka samiitti ol ka'ee agarsiisa.

    Dubbi himaan waraana Israa'el, xiyyeeffannaan bu'uuraalee misoomaa kan Hezbollaa ta'ee fi yaaliin gareen kun naannawa sanatti deebisee sochiicha hundeessuuf godheef deebii ta'uu ibsaniiru. Haata'u malee ragaa tokkollee hin dhiheessine.

    Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) Afaan Arabaa, Avichay Adraee, humnoonni isaanii manneen kuusaa meeshaa waraanaa Hezbollaa haleeluufi sakkata'u kaasuun, jiraachuun isaaniis "walitti dhufeenya Israa'elii fi Libaanos gidduu jiru kan cabsuudha" jedhan.

    Isaan dura ammoo jiraattonni gamoolee gandoota Mais al-Jabal, Kfar Tibnit fi Debbin keessaa akka bahaniif, boodarra ammoo gandoota dabalataa lama keessaa akka baqatan akeekkachiisee ture.

    Ministirri Mummee Libaanos Naawaaf Salaam toora X isaanii irratti biyyi isaanii gocha diinummaa dhaabuudhaaf kutannoo qabdi jedhanii, garuu "Israa'el malawwan kanaaf kutannoo qabdu eessa jira?" jechuun gaafataniiru.

  15. US murtee UN Gaazaatti nagaan akka bu'u gaafatu yeroo 6ffaaf mormite

    Ameerikaan aangoo sagalee sagaleen kuffisuu qabdu (veto power) ishee fayyadamuun wixinee murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan silaa Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaa, haal-duree tokko malee akka dhaabbatu gaafatu yeroo 6ffaa kuffifte

    Wixineen murtii miseensota mana maree nageenyaa 15 qabu kun dararaan waraanaa Gaazaa yeroo dhumaatif, akka xumuramu, lammileen butamanii jiran akka hiikamanii fi daa'immaanif haadholee Gaazaa beelaafi boombiin waxalamaa jiraniif furmaatni abdii tokko akka kennamu kan gaafatudha.

    Wixineen kana miseensota 15 keessaa 14 deggeruun sagalee kennaniiru.

    Ameerikaan garuu aangoo sagalee isheen sagalee 14 jiran kana kuffisuu qabdutti fayyadamuun yaada waraana Israa'elii fi Hamaas gidduutti gara waggaa lamaaf gaaga'ama guddaa geessisaa jiru kana dhaabuuf sagalee kennuu diddeetti.

    Waamichi kun kan dhiyaatee yeroo 6ffaaf yoo ta'u yeroo ja'anuu Ameerikaan deeggaruu didde. Guutummaa gabaasa kanaa asiin galtanii argachu dandeessu.

  16. Chaayinaan waliigalteen TikTok injifannoodha jechaa jirti, maaltu ta'e?

    TikTok irratti waliigaltee taasisuudhaaf pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi gitasaanii ChaayinaaShii Jinping jidduutti baay'ee eegamaa ture Jimaata har'aa irratti mari'achuuf akka jiran ibsameera.

    Qondaaltonni olaanoo gama lamaanu irraa torban kana waliigaltee "bu'uuraa" kan raawwatan yoo ta'u, gabaasaaleen ammoo hojiin Ameerikaan TikTok garee dhaabbilee Ameerikaa tokkotti gurguu danda'a jedhu.

    Akka oggeessi to jedhaniitti, waliigaltichi kun yoo kan hojjatu ta'e, waliigaltee daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa keessatti ''boqonnaa hin baramnedha'' jechuun waamamuu ta'a. Akkasumas dhimma waggootaaf mata duree oduu ta'ee ture kan furudha.

    Ogeeyyiinis, waliigaltee dhumaa kun waan inni fayyadamtoota TikTok Ameerikaa miiliyoona 170 ta'aniif maal fakkaachuu akka danda'u, akkasumas Beejiing deebisee maal argachuu akka dandeessu BBCtti himaa turaniiru.

    Miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa, kun biyyoota lamaaniifu ''fayyadamummaa walooti'' jechuun kan waamu yoo ta'u, Tiraamp ammoo ''ijoolleef hojjechuu nan barbaada'' jedhan.

    Haata'u malee, waa'ee "isa" baay'een ammallee ifa hin taane.

    Gabaasnaaleen akka agarsiisanitti, fayyadamtoota Ameerikaatiif appii haaraa US adda ta'e ni dhiyaata.

  17. Dubartii Itoophiyaatti 'yeroo jalqabaaf' ji'ooloojiin PhD baratte Dr Baksaa Amantee eenyu?

    Dr Baksaa Amantee jedhamti. Barnoota muummee ji'ooloojiin Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf dubartii PhD argattedha.

    Qofaa ishee barnoota PhD barachuun kan xumurte Dr Baksaa Amantee, yeroo digirii lammaffaa muummeedhuma ji'oolojii kanaan Yuunvarsiitii Finfinneetti barattes nama lama qofa tahuun akka baratanii xumuran BBCtti himte.

    Dr Baksaa Amantee Kumsaa eenyu? Eessaa kaatee damee barnoota dubartoonni hedduun hin baranne kanaan milkaa'uu dandeesse?

    Tibbana waraqaa qorannoo ishee yeroo dhiyeessitu dubbii ijoo miidiyaa hawwaasaa kan turte Dr Baksaa Amantee kophaa ishee barattee barnoota PhD Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Finfinnee irraa xumuruu himte.

    Mummee ji'ooloojiidhaan dubartii yeroo jalqabaaf PhD fudhatte tahuu BBCtti himte. Odeessa kanarratti dabalataan dubbifachuudhaaf karaa kanaan seenaa.

  18. Tiraamp miidiyaalee isaan morman cufuu akka danda'u dubbate

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp buufataaleen Televijiinii tokko tokko hayyamni isaanii “fudhatamuu” akka danda’u dubbataniiru.

    Pirezidantichi yaada kana kan kennan gazexxeessaan ABC Jimmy Kimmel hojii irraa ari’amuu deeggaruun.

    Miidiyaan kun yaada inni ajjeechaa konsarvaatiivii Chaarlii Kiirk irratti kenne irratti falmii uumameen booda sagantaa qoosaa kanaa “yeroo hin murtoofneef” addaan kutuu isaa beeksiseera.

    Gaazexeessichi garee faalla Tiraamp dhaabatan keessaa akka ta'eefi yaada Rippaabilikaanotaa akka mormutti yaadni irratti ka'e.

    ABC'n sagantaa isaa 'Jimmy Kimmel Live' jedhu erga Komishiniin Federaalaa yaada qoosaa kanaa hordofee tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisee booda haqee jira.

    Tiraamp daawwannaa mootummaa irraa gara Yunaayitid Kingidam osoo deebi'anii, "Bakka tokkotti buufataaleen TV dhibbeentaa 97 na mormuu isaanii hubadheera jedhan.

    Haata'uu malee, miidiyaalee kana dantaa ummataatiif itti gaafatamummaa jala galchuu itti fufna,jedhan. Miidiyaalee kana hin fudhanne ammoo hayyama isaanii haquuf akka dirqaman dubbatan.

  19. Waa'ee Tiraamp wantoota ajaa'iboo dhageessanii?

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp reefu UK daawwatanii xumuran.

  20. Tiraamp 'Putiin na gane' jechuun dubbatan

    Yunaayitid Kingidam daawwatanii reefu kan xumuran Tiraamp, Pirezidantiin Raashiyaa ''na gane'' jechuun dubbatan.

    Tiraamp erga aangootti dhufanii waraana torba ''hin furamne furuu'' dubbatan.

    Biyyoonni miseensa Nato ta'an Oomisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) isaanii keessaa 5% waraanarra yoo ramadan, waraana Yukireen keessaa xumura itti tolchuuf ni salphata jedhan.

    Kunis, kan ta'e hariiroon isaan Pirezidant Tiraamp waliin qaban laafuu isaatiin akka ta'e akeekan.

    Pirezidant Tiraamp Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimir Putiin waliin qaamaan wal arganii mari'atanii turan.

    Haa ta'u malee, ammalleen waraanni Yukireen keessaa dhaabatuu hin dandeenye.

    Dabalata: