Balaa ibidda Hoong Koongitti yoo xiqqaate namoota 128 galaafateen namoonni 8 dabalataan to'ataman

Madda suuraa, Reuters
Balaa ibidda hamaa gamoolee olka'oo hedduu Hoong Koong keessatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 128 du'uun isaanii beekameera.
Hojii haaromsaa gamooiwwan kunneen osoo balaa ibiddaa kanaan hin barbadaa'iin dura ittiin haaromfamaa turan irratti malaammaltummaadhaan shakkamuun namoonni saddeet to'annoo jala oolaniiru.
Namoonni biroo sadii ammoo kanaan dura himannaa ajjeechaa hamaatiin to'annoo jala oolaniiru.
Sababni ka'umsa ibiddaa kanaa ammallee ifa miti, qondaaltonni ammoo meeshaalee poolistaayirinii fi toora ittisaa foddaa alaa irratti kaa'ame babal'ina isaaf haala mijeesse jedhu.
Balaa ibidda kanaan namoonni 79 dabalataan kan madaa'an yoo ta'u, waggoota 70 oliif balaan kunis isa magaalattii keessatti lubbuu namaa baayyee galaafateedha. Namoonni hedduun ammallee achi buuteen isaanii hin baramne.
Erga qondaaltonni torban sadii hanga afur itti aanan keessatti qorannoon akka gaggeeffamu himanii booda poolisiin ragaa walitti qabuu jalqabuuf gamoolee gubatan keessa seeneera.
Komishiniin Walaba Malaammaltummaa (ICAC) akka jedhetti, kanneen qorannoo malaammaltummaatiin gaafa Jimaata darbe gaggeeffameen to'annoo jala oolanis daayreektaroota dhaabbata injinariingii fi kontiraaktaroota xiqqaa iskaafooldii kan dabalatuudha.









