MM Abiy Ahmad daawwannaaf Jibuutii seenan

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/FB
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad daawwannaa hojiif Jibuutii seenaniiru.
MM Abiy wayita Jibuutii seenan Pirezidantiin biyyattii akka gaariitti simachuu miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti ibsaniiru.
Akkasumas mariin isaan Pirezidant Ismaa'el Omaar Giilee waliin taasisan dhimmoota Ji'oopolitiikaa irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru MM Abiy.
Keessattuu dhimmoota akka nageenya naannawa kanaa, tasgabbii akkasumas hariiroo qindaawaa biyyoota lameenii cimsuu irratti akka xiyyeeffatan ibsan.
MM Abiy kun ''nagaa fi tasgabbii, hariiroo diinagdee fi badhaadhina waloo irratti ejjannoo qabnu kan mul'isudha,'' jedhan.
Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuu booda biyyoota ollaa Somaaliyaa tarkaanfii kana morman keessaa Jibuutiin tokko.
Itoophiyaan garuu hanga yoonaa murtee Israa'el kanarratti homaa hin jenne.
MM Abiy dhihoo kana wayita Korporeeshinii Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii daawwatan ''daandiin baaburaa guddina Itoophiyaan karoorfattee jirtuuf murteessaadha,'' jedhanii turan.






