Filannoo Niwu Yorki, Musliimni yeroo jalqabaa kantiibaa ta'uuf eegamu
Ameerikaatti har'i guyyaa filannoo Kantiibaa haaraa Niw Yoorki. Varjiiniyaa fi Niiw Jeersii ammoo bulchitoota isaanii ni filatu. Kaalifoorniyaatti filattootni hoggansa mana maree isaanii jijjiiruu fi dhiisuu isaanii murteessu.
Dorgommii kantiibaa magaalaa Niiw Yoorki irratti, Zohiraan Mamdani, sooshaalistii sagalee filannoo caalmaa paartii Dimookiraatotaa irratti bulchaa duraanii Andireew Kuumoo argachuun garee demokiraatotaa rifachiisedha.
Andrew Kawumo manguddoon waggaa 67 yeroo sadiif kantiiba ta'ee wagga 10'f bulchaa ture osoo abdii hin kutatin, filannoo itti fufeera.
Gama biraatiin ammoo paartiin Rippabilikaa irraa Kurtis Sliwaan Kuwomoof haala ,miijessuuf dorgommiicha keessa bahe
Miseensi mana maree kutaa biyyattii ganna 34 Zohran Mamdani kantiibaa magaalaa Niwu Yoorki yoo ta'e, dhimmoota baasii jireenyaa kanneen akka kiraa manaa, gatii nyaataa irratti tasgabbii fiduuf akka hojjatu himeera. Ummata birattilee fudhatama guddaa argataa jira.
Filannoo kana yoo injifatemmoo jaarraa tokkoo asitti umurii dargaagummaan nama Kantiiba magaalichaa ta'e ta'a.
Kana malees kantiibaa muslimaa magaalattii isa jalqabaa ta'a.
Virginia fi New Jersey keessatti bu’aan dorgommii bulchitootaa filannoo walakkeessa kongireesii bara dhufuuf agarsiiftuu ta’uu danda’a. Lammiileen Kaalifoorniyaa walakkeessa waggoota kurnanii keessatti irra deebiin naannoolee jijjiiruu kan hin baramne irratti sagalee kennaa jiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp yoo filattootni Mamdani filatan magaalattii akka adabu akeekkachiisaniiru.