Filannoon kantiibaa Niw Yoork falmisiisaa tahe jalqabeera

Filannoon kantiibaa Niw Yoork falmisiisaa tahe jalqabeera, uummanni miliyoonaan bahuun Virjiniyaa, Niw Jersii fi Kaalifoorniyaattis filataa jira

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Filannoo Niwu Yorki, Musliimni yeroo jalqabaa kantiibaa ta'uuf eegamu

    Naanno sagalee itti kennamu

    Madda suuraa, EPA

    Ameerikaatti har'i guyyaa filannoo Kantiibaa haaraa Niw Yoorki. Varjiiniyaa fi Niiw Jeersii ammoo bulchitoota isaanii ni filatu. Kaalifoorniyaatti filattootni hoggansa mana maree isaanii jijjiiruu fi dhiisuu isaanii murteessu.

    Dorgommii kantiibaa magaalaa Niiw Yoorki irratti, Zohiraan Mamdani, sooshaalistii sagalee filannoo caalmaa paartii Dimookiraatotaa irratti bulchaa duraanii Andireew Kuumoo argachuun garee demokiraatotaa rifachiisedha.

    Andrew Kawumo manguddoon waggaa 67 yeroo sadiif kantiiba ta'ee wagga 10'f bulchaa ture osoo abdii hin kutatin, filannoo itti fufeera.

    Gama biraatiin ammoo paartiin Rippabilikaa irraa Kurtis Sliwaan Kuwomoof haala ,miijessuuf dorgommiicha keessa bahe

    Miseensi mana maree kutaa biyyattii ganna 34 Zohran Mamdani kantiibaa magaalaa Niwu Yoorki yoo ta'e, dhimmoota baasii jireenyaa kanneen akka kiraa manaa, gatii nyaataa irratti tasgabbii fiduuf akka hojjatu himeera. Ummata birattilee fudhatama guddaa argataa jira.

    Filannoo kana yoo injifatemmoo jaarraa tokkoo asitti umurii dargaagummaan nama Kantiiba magaalichaa ta'e ta'a.

    Kana malees kantiibaa muslimaa magaalattii isa jalqabaa ta'a.

    Virginia fi New Jersey keessatti bu’aan dorgommii bulchitootaa filannoo walakkeessa kongireesii bara dhufuuf agarsiiftuu ta’uu danda’a. Lammiileen Kaalifoorniyaa walakkeessa waggoota kurnanii keessatti irra deebiin naannoolee jijjiiruu kan hin baramne irratti sagalee kennaa jiru.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp yoo filattootni Mamdani filatan magaalattii akka adabu akeekkachiisaniiru.

  2. Finfinneetti namootni nama fayyaa dhukkubsataa fakkeessuun konkolaataan kadhataa turan to'ataman

    Namoota nama fayyaa dhukkubsataa fakkeessuun ittin kadhataa turan

    Madda suuraa, Poolisiin magaalaa Finfinnee

    Poolisiin magaalaa Finfinnee Shakkamtoonnta dhukkubsataa fakkeessanii nama fayyaa qabu konkolaataa keessa akka ciisu gochuun hawaasa irraa maallaqa kadhachaa turan to'annoo jala oolchuu fi qorannoo irratti gaggeessa jiraachuu beeksise

    Shakkamtoonni kunneen naannoo magaalattii bakka gara garaa keessa konkolaataa minibaasii kireeffchuun socho'uun dargageessa fayya qabu dhukkubsataa Tiruu fakkeessanii ragaa sobaan hawaasa irraa maallaqa walitti qabaa turan.

    Hordoffii irratti taasifameenis naannoo Addabaabayii Ayyaat jedhamutti harkaaf harkatti to'atamaniiru.

    Sakatta’iinsa konkolaataa kanarratti taasifameenis birrii kuma 23 ol maqaa gargaarsaatiin kan argame yoo ta’u, sanadni wal'aansa sobaa fi xalayaan deeggarsaas argameera.

    Sanadoonni kunneen erga poolisiin qoratee booda soba ta’uun isaanii kan mirkanaa’e.

    Namoota dhuunfaa maallaqa walitti qabuu keessatti hirmaatan guyyaatti birrii 300, konkolaataan ammoo guyyaatti birrii kuma 3'n akka kireeffame, konkolaachisaaf ammoo birrii kuma tokko akka kaffalamu poolisiin mirkaneeffachuu ibse.

    Akka ibsa poolisichaatti walumaa galatti shakkamtoonni kallattiin yakka kana keessatti hirmaatan fi tumsa taasisan 9 qoratamaa akka jiran ibseera.

  3. Lammiileen Itoophiyaa lama Sawuditti Hindii tokko ajjeesan jedhaman hidhaman.

    Suuraa godaantotaa

    Madda suuraa, AS

    Angawoonni Sa’uudii Arabiyaa namoota lammii Itoophiyaa lama Jiddaatti lammii Hindii tokko itti dhukaasuun ajjeesuun irratti hirmaatan jedhaman to’annaa jala oolchuu ibsan

    Taatee kunis kan mudate yeroo daldala seeraa jijjirraa sharafaa irratti walitti bu'uu hordofee ta'uu Gulf News gabaaseera.

    Poolisiin Jiddaa akka ibsetti haalli kun kan eegale waldhabdee maallaqaa namoota kanneen gidduutti muudateeni. Shakkamtoota keessaa tokko lammii Hindii kanatti yoo dhukaasuun miidhaa irraan gahe. Namni kun gara hospitaala dhiyoo jirutti kan geeffame ta'ullee bodarraa lubbun darbeera.

    Qorannoo poolisiin gaggeeffame akka agarsiisutti shakkamtoonni lamaan naannichatti sochii qoricha sammuu namaa hadoochuu fi daddabarsa seeraan alaa irratti hirmaatu jedha.

    Shakkamtootni kun seera fi nageenya biyyatti cabsuu fi badii ajjeechaa rawwataniif to'atamuun, tarkaanfii seeraa dabalataaf gara mana murtiitti kan dhiyeeffaman ta'uu ibsi poolisichaa eerera.

    Dhiheenya kana aanga’oonni Sa’uudii daddabarsa daangaa ce’anii fi godaansa seeraan alaa kan yeroo baay’ee namoota biyyoota Baha Afrikaa kan akka Itoophiyaa irraa dhufan ittisuuf tattaaffii taasisaa jiran cimsuu ibsan.

    Baatii Waxabajji bara 2025 keessa, yoo xiqqaate dhiironni Itoophiyaa 37 yakka qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatan Sa’uudii Arabiyaa keessatti murteen ajjeechaa akka itti murtaa'e gabaasaleen kan mul'isan.

    Gamtaan waldaalee siivikii fi gareewwan mirga namoomaa 31 biyyattiin lammiilee biyya alaa heddu haala walfakkataan ajjeessuu ishee akeekkachiisan.

    Lammileen Ioophiyaa haala kanaan murteen itti murtaa'ee ajjeechaa eeggachaa jiran kan yeroo adda addaa BBC'n dubbise, yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu keessaa ga'ee omaatu akka hin qabnee haalaa turan

  4. Sigiga lafaa daangaa Keeniyaa fi Yugaandaatti mudateen namoonni 40 ol lubbuu dhaban

    Dargaggeessa bo'aa bilbila haasa'aa jiru

    Madda suuraa, Duncan Wanga

    Daangaa gaarreenii Yugaandaafi Keeniyaatti sigiga lafaa mudateen namoonni 40 ol lubbuu dhaban.

    Jiraataan Keeniyaa Feeliks jedhamu, ''akkoo koo, adaadaafi eessuma akkasumas obbolaa lamaafi durbii koo dhabeera. Ganda Kaaptuul jedhamu keessa jiraatu ture jechuun haala ture BBCtti himeera.

    Feeliks nama ganna 30 yoo tahu waan mudate jechaan ibsuuf rakkatee imimmaaniin haasa'a ture.

    Gama biyyoota lamaaniin namni baayyeen ammallee achi buuteensaa kan hin beekamne yoo tahu, sigigi biraanis uumamuu danda'a sodaan jedhu jira.

    Namoota du'an keessaa daa'imman 14 kan jiran yoo tahu namni lama ammoo mucucaan dhoqqeen lubbuu isaanii dhabaniiru. Sigigi lafaa kuni Sulula Qiinxamaa haleele jechuun ministeerri barnootaa Keeniyaa ibseera.

    Hojjettoonni Fannoo Diimaa Yugaandaa baha biyyattiitti namoonni 18 du'uu himuun tola ooltonnisaanii 20 achi buuteensaanii ammallee hin baramne barbaadamaa jiru jedhan.

  5. Israa'el lammii Ertiraa mootummaa Ertiraa deeggaru waggaa 14 booda biyyaa ariite

    Dhiirota sadii digdi isaanii qofti mul'atu

    Madda suuraa, Population and Immigration Authority

    Lammiin Eriitiraa seeraan ala Israa'el galee waggaa 14f jiraachaa tureefi mootummaa Ertiraa deeggaru Wiixata kaleessaa biyyasaatti akka deebi'u taasifame.

    Lammiin Eritiraa Israa'el irrraa gara biyyaatti deebifamuun kan jalqabaa tahuu miidiyaan Israa'el The Israel Post gabaaseera.

    Namni kuni haadha warraan kan wal hiikeefi daa'ima takko kan qabu yoo tahu bara 2011 ture Israa'el galee, hamma guyyaa arii'ametti achuma jiraachaa ture.

    Ebla 2025 poolisiin gorodee wajjin isa qabee dhaddachatti isa dhiyeessuun booda maatiisaafis yaaddoo dha jedhamee biyyattii deebifameera.

  6. Marsariitii saal-quunnamtii irratti nama hudhuu agarsiisuun seeraan dhorkamuuf

    Koompiitara banamee ibsaan keessaa mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubartoota haleellaa saalaa irraa eeguuf jecha marsariitiiwwan viidiyoo saal-quunnamtii nama hudhuufi ukkaamsuu akka hin agarsiifne mootummaan UK dhorke.

    Qo'annoon akka agarsiisutti marsariitiiwwan saal-quunnamtii 'baay'inaan' hudhamuu agarsiisuun isaa dargaggoonni akkuma laayyootti akka ilaalna taasiseera.

    Viidiyoo akkasii namni qabateefi argameefi maxxanse seera wixinee amma paarlaamaatti geeffamaa jiruun gaafatama.

    Miidiyaaleen kaanis qabiyyeewwan akkasii akka si'aa'inaan hordofaniifi tarkaanfii fudhatan kan gaafataman yoo tahu, kana hojiirra yoo hin oolchine dhabbata miidiyaa to'atuun gaafatamu.

  7. Ashamaa! Tamsaasa kallattii Kibxataa eegalle

    Dhimmoota addunyaa fi biyyi itti jiran jala,jalaan hordofnee isin biraan geenya.

    Nu faana bu'aa!

  8. Tiraamp humna lafoofi qilleensaa Naayijeeriyaatti bobbaasuu akka danda'u dubbate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Naayikeeriyaatti amantoonni Kiristaanaa heddu ajjeefamaa jiru jechuun humna lafoo bobbaasifi haleellaa qilleensarra gaggeessuu ajajuu akka malu beeksise.

    Loltoonni Ameerikaa Naayijeeriyaa keessaa buufachuu maluu jedhamee kan gaafatame Tiraamp, kun ta'uu akka malu dubbachuusaa Rooyitars gabaase.

    "Ta'uu danda'a, kan biraas ta'uu mala. Waan baay'een yaadaa jira. Naayijeeriyaa keessatti Kiristaanota heddu ajjeesaa jiru. Kiristaanota lakkoofsaan guddaa ta'e ajjeesaa jiru," jechuun qaamolee kana rawwatan irratti tarkaanfii akka fudhatu ibse.

    Dabaluunis, "Kuni [ajjeechan] akka itti fufee gaggeefamu hin hayyamnu" jedhe.

    Tiraamp kana kan dubbate Dilbata kaleessaa yeroo mana isaa Filooriidaa jiru irraa xayyaara Air Force One yaabee gara Waashingtan deebi'utti.

    Sambata darbes Tiraamp akeekkachiisa wal-fakkaataa dubbatee ture. Naayijeeriyaan qaamolee hidhatanii Kiritaanota ajjeesan hin dhaabsistu taanan tarkaanfii waraanaa akka fudhatu ibsee ture.

  9. Sagantaa risoortii Tiraampitti dubartiin shubbiftu argamuun maaf dubbii kaase

    Suuraa qoodamaa ture

    Sagantaa paartii Halowiin jedhamu risoortii Tiraamp Mar A Lago jedhamutti gaggeeffamerratti dubartiin shubbistu argamte jedhamee miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuun dubbii ijoo ta'eera.

    Suuraan miidiyaa hawaasaa irratti qoodame dubartiin qodaa dhugaatii itti dhugan fakkaatu miidhaginaaf hojjetame keessa teessee agarsiisa.

    Haa ta'u malee, suuran dubartii qamisii qullaa agarsiisu godhattee burcuqqoo dhugaatii alkoolii fakkaatu keessa teessee shubbistu agarsiisu risoortii Tiraamp keessatti osoo hin taane suura bakka biraatii fudhatameedha.

    Shubbisi kookteel daanser jedhamu bara 1920 fa'aa keessa shubbisa baramaa akka ta'etu himama.

    Haalli uffata dubartii kanaa faashinii bara 1920 keessaa fakkaata.

    Suuraan kun X ykn Tiwiiter irratti namoota miliyoona 18 tahaniin ilaalameera.

    BBC'n suuraa fi viiidyoo jedhame kana xiinxaleera. Kaan suuraan kun sagantaa Met Gaalaa jedhamu bara 2023 irraa fudhatame jedhan.

    Sagantaa paartii Halowiin risoortii Tiraampitti qophaa'erratti qondaalonni olaanoon argamaniiru. Garuu dubartiin qullaa agarsiisun shubbiste akka hin jirre BBCn mirkaneeffateera.

    Sagantaa paartii Halowiin qophaa'e irratti Tiraamp dabalatee qondaalonni siyaasaa heddu argamanii ture.

  10. Obbo Taayyee Danda'aa haqni saffisaa akka kennamuuf mana murtii gaafatan

    Minister Deetaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa

    Madda suuraa, Fesbkuu/ Obbo Taayyee

    Ibsa waa'ee suuraa, Minister Deetaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa

    Obbo Taayyee Danda'aa Mana Sirreessaa Qilinxootii deddeebi'uun himatasaanii hordofaa jiru.

    Himatawwan sadiin kan himataman Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda'aa, haqni saffisaan akka kennamuuf mana murtii gaafachuusaanii abukaatoonsaanii himan.

    Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta'an Abarraa Nigus, Obbo Taayyeen "Ani nama hidhaarra jiru waanan ta'eef haqni saffisaa (naaf yaa kennamu), mirgi heeraakoo naaf yaa eegamu" jechuun iyyata dhiyeeffachuusaanii BBC'tti himaniiru.

  11. Modeliin Xaaliyaanii maqaan ishee Lamin Yamaal waliin ka'e eenyu?

    Lamiin Yamaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Lamiin Yamaal

    Lamiin Yamaal jaalallee isaa waliin adda bahuu himeera.

    Garuu maqaan dubartii beekamtuu tokkoo dhimma isaafi jaalallee isaa duraanii Niikii Niikol waliin ka’eera.

    Akka gabaasaalee miidiyaa Ispeenitti, Yaamaal gara Xaaliyaaniitti imaluun dubartii miiidiyaa hawwaasaa irratti dhiibbaa uumuun beekamtu qunnameera.

    Dubartiin kun maqaan ishee Aanaa Geenosoo jedhamti. Modelii fi taatoo beekamtuudha.

    Yaamaal eessuma isaa fi hiriyyaa isaa tokko waliin gara Miilaan imaleera.

    Modelii kanas qunnameera jedhame. Niikii Niikol, Yaamaal ana irratti dubartii biraa waliin tureera jedhee hin yaadu jette.

    Yaamaal kana booda kubba miilaa irratti xiyyeeffachuu barbaada jedhe. Amanamuu dhabuu waliin wal hin qabatus jedhe. Miilaan yeroo deeme dursinee adda baaneerra jedhe. Garuu jaalallee biraa qabachuu hin ibsine.

    Ergasii tapha Eelchee irratti Baarseloonaan taphatee mo’ate irratti galchii lakkoofsiseera.

    Inistaagiraamii isaa irratti ‘’Cichoomina’’ jedhee maxxanse. Jaalallee isaa irraa adda bahuu tahee erga Riyaal Maadiridiin mo’amanii dubbiin waan irratti ka’eef tahee hin ibsine.

    Ammas Yaamaal naannoo qaama saalaa isaa irratti dhukkubbii akka qabu himameera.

    Miidhama ykn dhukkubbii kana irraa guutummaatti hin fayyine jedhame.

  12. Gaggeessaa Olaanan Iraan Ayaatolaa Kameenii US hanga Israa'eel deeggaruu hin dhiisnetti waliin hojjachuun hin danda'amu jedhan

    Ayaatolaa Kameenii

    Madda suuraa, EPA

    Gageessaa Olaanaa Iraan kan ta'an Ayaatolaa Kameenii, US Israa'el deeggaruu hanga hin dhaabnetti waliin hojjachuun akka hin danda'amne dubbatan.

    Israa'el deeggaruu dhiisuu qofa osoo hin taane buufataalee waraanaa Baha Guddu Galeessaa keessaa qabdus osoo jiruu waliin hin hojjannu jechuusaanii maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Ayaatolaan haasaa har'a taasisaniin US waliin hojjachuun rakkisaa ta'uu kan dubbatan yoo ta'u, Tiraamp ammoo Iraan irratti dhiibbaa cimsuu barbaada jedhame.

    "Warri Ameerikaa yeroo tokko tokko Iraan waliin hojjachuu barbaanna jedhu. US motummaa Zayaanistii gargaaruu, buufataalee waraanaa itti fufee qabaachufi dhimma naannichaa [Baha Giddu Galaa] keessa galuu itti fuftee osoo jirtuu Iraan waliin hojjachuun hin danda'amu," jedhan Ayaatolaan.

    Iraan yeroo qophii taatetti waliin hojjachuuf US boqonnaa haaraa banuu akka barbaaddu Tiraamp ji'a Onkoloolessaa keessa dubbatee ture.

    Israa'eliifi Iraan ji'a Waxabajjii keessa lola guyyaa 12 fudhatetti osoo hin seenin dura US fi Iraan marsaa shaniif dhimma nikulara Iraan irratti mariyatanii turan.

    Marsaa jahaffaa osoo wal-gahuuf guyyoonni hafanuu Israa'el Iraanirratti haleellaa tasaa bantee turte.

  13. Viidiyoon haleellaa sarbama mirgaa mana hidhaatti Filisxeemota irratti gaggeeffamu miliqee bahuu hordofee qondaalli waraanaa Israa'el to'annaa jala oolte

    Meejaar Jeneraal Yifaat Tomeer

    Madda suuraa, IDF

    Namni Filisxee to'annaa seeraa jala jiru tokko loltoota Israa'eliin osoo tumamuu viidiyoon agarsiisu miliqee bahuu hordofee ogeettiin seeraa Humna Waraana Israa'el aangoo gadi dhiisuun to'annaa jala oolte.

    Meejar Jeneraal Yifaat Tomeer Yerushalmi viidiyichi gadi lakkifamuu hordofee torbee darbe aangoo gadi lakkiftee turte.

    Sarbama mirgaa nama Fisliseem to'annaa seeraa jala jirurratti raawwateefiis itti gaafatamummaa akka fudhattu beeksiufte qondaalli waraanaa olaanan Israa'el kun.

    Viidicharratti loltuun Israa'el nama to'annaa seeraa jala jiru qophaatti baasuun uleen reebee waan qara qabuun yeroo waraanu agarsiisa.

    Loltoonni Israa'el shan sarbama mirga namoomaa Filisxeemota irratti raawwachuun himanni irratti banamee ture.

  14. Ameerikaan Raashiyafi Chaayinaan morkuuf niwukilaraa dhukaastii?

    Donald Tiraamp

    Madda suuraa, AP

    Erga Tiraampi Ameerikaa dhohinsa niwukilaraa gaggeessuuf karoora akka qabdu ifoomsanii as addunyaa irratti yaaddoon balaa Nikularaa dabaleera.

    Prezidaantichi dhimma kana irratti miidiyaa CBS waliin gaafiif deebii taasisaniin, ''Raashiyaa fi Chaayinaan niwukilaraa dhoksaan yaalaniiru. Ameerikaanis kanuma gochuuf jirti, umtuu waanti haaraan hin jiru'' jedhan.

    Tiraamp Raashiyaa fi Chaayinaan lafa jalatti nikulera yaalaniiru, garuu waa'ee kanaa hin dubbatan,Kooriyaa Kaabaa fi Paakistaanillee akkasuma, nuti qofaan biyya yaalii kana hin gaggeessine ta'uu hin barbaannu''jedhan.

    Tiraampi torban darbe keessa Raashiyaan misaa'ela kiruuzii haaraa humna niwukilaraan hojjetu Burevestnik fi doonii bishaan jalaa humna niwukilaraa dhukaasu yaaluu ishee hordofeeti kan Ameerikaan akka yaaltu ibsan.

    Kooriyaa Kaabaa irra kan hafe biyyi Nikulara yaaluu ishee ifatti mirkaneessite hin jirtu. Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa waa'ee yaada kanaa gaafatamanii yaalii meeshaa niwukilaraa gaggeessuu haalaniiru.

  15. Nama ilma koo wajjin mana hidha turerraan daa'ima godhadhe

    Andriyaa Kaasaamentoon

    Madda suuraa, Andrea Casamento

    Ibsa waa'ee suuraa, Andriyaa Kaasaamentoon

    Dubartiin kun ilma ishee mana hidhaa gale gaafachuuf torbanitti guyyaa afurii ol deddeebi'aa turte.

    Achitti garuu akka tasaa guyyaa tokko nama ilma ishee wlaiin hidhame tokko waliin wal barte.

  16. Waltajjiin tumsa Galaana Diimaa kan eenyuuti?

    Masriin bulchiinsa Galaana Diimaa keessatti Itoophiyaan akka hammatamtu hin barbaaddu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Masriin bulchiinsa Galaana Diimaa keessatti Itoophiyaan akka hammatamtu hin barbaaddu

    Biyyoota ollaa Itoophiyaa ta'an kanneen akka Eertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Jibuutii, Joordaanii fi Yaman faa of keessatti hammata.

    Gamtaan kun biyyoota Baha Giddu Galeessaa fi Gaanfa Afrikaa walitti hidha. Gareeen biyyootaa kunis sababa Galaana Diimaatiin walitti hidhamaniiru.

    Dhugaadha, naannoon kun naannoo biyyoota guddatan kamuu fedhii irraa qabaniidha. Sababni isaa wirtuu daldalaa cimaa bakka doolaarri bishaan irra yaa'udha.

    Garuu Masirii fi Sawud Arabiyaan maaliif Itoophiyaa Galaana Diimaa irraa dhiibuu barbaadu? Waltajjiin Masirii fi Sawudiin durfamu Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageessuuf jiruu laata?

  17. Wayinii Ruunii Liiverpuul dursaa cimaa hin qabu jennaan Vaan Daayik deebii kenne

    Dursaa taphaoota Liiverpuul Vaan Daayik

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dursaa taphaoota Liiverpuul Vaan Daayik

    Dursaan taphattoota Liiverpuul Vaan Daayik xiinxala Wayinii Ruunii kilebichi dursaa jabaa hin qabu jedheef deebii kenne.

    Ruunii Liiverpuul yeroo afur walitti aansee mo'amnaan akka malee qeeqe.

    Rakkoon rakkoo gaggeessummaa dirree keessati jechuun Vaan Daayikitti quba qabe.

    Garuu Liiverpuul gaggeessummaa cimaa Vaan daayik jalatti waancaa Piriimer Liigii injifateera.

    Liiverpuul Aston Viilaa erga mo'atee deebii kan kenne Vaan Daayik ''xiinxala dadhabaadha'' jechuun Runiif deebii kenne.

    Ruuniin Mohaammad Saalaa fi Vaan Daayik garee isaanii haala gaariin dursaa hin jiran jedhe. Vaan daayik bara darbe maaliif akkas hin dubbane, yeroo akkas odeessu isa hin dhageenye'' jedhe.

    Ruuniin taphataa jabaa haa turuyyuu malee leenjisummaan bakka deeme hundatti nama kufedha.

  18. Tiraamp waa'ee Venezuweelaa irratti waraana banuuf yaaduu dubbate

    Doonaald Tiraamp waraana Venezuwela irratt banuu kan jedhu kuffiisan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp waraana Venezuwela irratt banuu kan jedhu kuffiisan

    Doonaald Tiraamp Venezuweelaa irratti waraana banuu keenya nan shakka garuu guyyoonni Nikoolas Maduuroo aangoorra turuuf qabu kan qubaan lakkaa'aman jedhan.

    CBS 60 Minutes' sagantaa jedhamu irratti yoo Venezuweelaa irratti waraana bantuu jedhamuun gaafataman ''natti hin fakkaatu. Garuu akka hin taanetti nu ilaalu'' jedhan.

    Ameerikaan bidiruuwwan qoricha sammuu hadoochu deddeebisu jette irratti galaana Kaaribiyaan keessatti haleelaa turte.

    Tiraamp qoricha sammuu hadoochu caalaa Maduuroo addatti aangoo irraa kaasuuf kana raawwata isa jedhu kuffiisan. Garuu dhimma baay'ee waliin wal qabata jedhan.

    Nikoolas Maduuroon Tiraampiin akka diinaatti ilaala. Xiinxaltoonni ammoo Tiraamp Maduuroo aangoo irraa buusuuf kana godha jechuun tarkaanfii Tiraamp ibsu.