Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraanitti wayita hookkarri hammaatetti biyyattiin mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsite, Tiraamp qoqqobbii cimse

Hiriirri mormii Iraan erga eegalee torban sadi ta'uuf deema, amma hiriirri kun gara hookkaraatti jijjiirameera. Mootummaan tarkaanfii humnaa fudhataa jira. Biyyattiin mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsiteetti. Tiraamp ammoo qoqqobbii cimse.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxala BBC'f WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya hordofaa
  • Iraanitti wayita hookkarri hammaatetti biyyattiin mariifis waraanaafis qophii ta'uu ibsite
  • Tiraamp biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa dabalataa dhibbeentaa 25 kaa'e
  • Jawaar waa'ee ulaa galaanaa maaltu fala jedhe?
  • Bulchiinsi Tiraamp humna dabalataa gara Minesotaa erguufi
  • Ispeeshaalistii Indiyaatti kaansariirraa tiruu obboleessi arjoomefiin fayye
  • Tiraamp dafii walii gali jechuun Kuubaaf dhaaman

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US haleellaa waraanan Iraan sodaachisuun tasuma fudhatama hin qabu- Raashiyaa

    US haleellaa waraanaa Iraanirratti gaggeessuu akka maltu mootummaa Iraan akeekkachiisuu hordofee Raashiyaan mormii dhageessiste.

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa ibsa kenneen, akeekkachiisi bulchiinsi Tiraamp Iraan humnaan haleeluf taasisu "tasumaa fudhatama kan hin qabneedha" jechuun cimsee morme.

    Tiraamp mormii Iraanitti gaggeeffamuun wal-qabatee Iraan haleeluu akka danda'uufi biyyoota Iraan waliin daldalan irra taariga %25 akka kaa'u beeksiseera.

    Raashiyaan waa'ee akeekkachiisa haleellaa waraanaa Tiraamp qofa osoo hin taane, taarifa dabalataa kaa'un fudhatama akka hin qabne ibsite.

    Dubbi Himtuu Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa kan ta'an Maariyaa Zakaroovaa ibsa kennaniin, US hokkara Iraanitti uumame sababa godhachuun Iraan humnaan haleeluun sirrii akka hin taane ejjannoo Raashiyaa akka ta'e ibsan.

  2. Loltuun US odeeffannoo icciitii doonii waraanaa Ameerikaa Chaayinatti gurgure jedhame hidhaa waggaa 16n adabame

    Loltuun duraanii Human Galaanaa US odeeffannoo icciitii waa'ee dooniwwan waraanaa US dabarsee Chaayinaatti gurgurachuun himatame hidhaa waggaa 16'n adabamuu Asooshiyeetid Pirees gabaase.

    Jiinchaawoo Weeyi loltuu duraanii US yoo ta'u, odeeffannoo teeknikaafi qajeelfama waa'ee oppireshinii dooniwwan waraanaa tika Chaayinaaf qooduni kan himatamee yakkamaa jedhamuun hidhaan itti murame.

    Odeeffannoo icciitii dooniwwan galaanaa US dabarsee kennuuf tika Chaayinaarraa dolaara 12,000 fudhachuu Biiroon Haqaa US ibsa baasen beeksisuu gabaasee Asooshiyeetid Pirees.

    Jiinchaawoo odeeffannoo icciitii olaanaa dabarsee Chaayinaaf kennuun shakkamee himanni Hagayya, 2023 irratti banamee ture.

  3. Tiraamp "gargaarsi isinii dhufaa jira! Jabaadhaa!" jechuun hiriirtota Iraaniif ergaa dhaame

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp namoota Iraanitti hiriira mormii gaggeessaa jiraniif ergaa dhaame- "deeggarsi isinii dhufaa jira, jabaadhaa!" jedhe.

    Egaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa Truth irratti barreesseni namoonni Iraanitti hiriira mormii gaggeessaa jiran jabaatanii mormii akka itti fufan kan ibse.

    "Gootota Iraan, mormii keessan itti fufaa. Dhaabbilee keessan to'achuun of harka galchaa!" jechuunis barreesse.

    Dabaluunis kanneen namoota hiriira nagaa bahan ajjeesan maqaasaanii akka qabataniif ergaa dhaameef.

    "Warra nama ajjeesaniifi dararaa qaqqabsiisan maqaasaanii galmeeffadhaa. Gatii guddaa kaffaluuf jiru.

    "Ajjeechaafi dararaan hanga dhaabbatutti walgahii hundumaa qondaalota Iraan waliin adda kuteen jira" jechuun "deeggarsi isinii dhufaa jira" jedhe.

    Lammiilee Iraan hiriira mormii gaggeessaa jiraniin "deeggarsi isinii dhufaa jira" jechuunsaa haleellaa waraanaa ta'uufi dhiisuu garuu Tiraamp odeeffannoo bal'aa hin kennine.

  4. US eegumsa seeraa baqattoota Somaaliyaa adda kutuuf akka jirtu beeksifte

    Bulchiinsi Tiraamp eegumsa seeraa Somaalotaa adda kutuuf akka jiru US miidiyaan US Fox News gabaase.

    Karoora Tiraamp kanaan Somaalonni kumaatamaan lakkaa'aman keessumaa bulchiinsa Minesootaa keessa jiraatan biyyattii gadi lakkisuuf dirqamu.

    Gabaasi Fox News akka agarsiisutti Somaalonni eegumsi seera baqattootaa jalaa adda cite hanga gaafa Bitootessa 17, 2026tti US keessaa akka bahan dirqamu.

    Tiraamp Sadaasa darbe eeguumsa seeraa baqatttoota Somaalotaa kan bara 1991tti eegale akka addaan kutu beeksisee ture.

    Minesootaan buufata "warra maallaqa seeran ala daddabarsanii taatetti" jechuun qeequun tarkaanfii akka fudhatus dubbachuunsaa ni yaadatama.

  5. Wallagga Lixaatti 'hidhattoonni WBO' hojjettoota Itiyoo Telekoomii fi ZTE 11 butan

    Tibbana Wallagga Lixaatti hidhattoonni 'WBO' hojjettoota dhaabbata Itiyoo Telekoom jalatti babal'ina neetwoorkii 4G irra turan 11 butuu BBCn madda amanamaarraa odeeffateera.

    Taateen kun akkamiin mudate?

    Mootummaan maal jedha? Daawwadhaa!

  6. Iraan tarkaanfii Ameerikaa kamiifuu kan yeroo kamiyyuu caalaa qophiidhaa jette

    Pirezidaantin Ameeikaa Donaald Tiraamp tarkaanfii Iraan irratti fudhataan ilaalchisee yeroo mari'ataa jiraniitti, Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araagachi biyyi isaanii ''tarkaanfii Ameerikaa kamiifuu qophiidha'' jedhan.

    Ministirichi, sadarkaan qophii Iraan amma qabdu kan yeroo Ameerikaan Baatii Waxabajjii darbe haleeltee caalaa ''baay'ee guddaa'' ta'uu ibsan.

    Kanaaf Ameerikaan ''filannoo ishee baasu'' akka gootu abdii qaban ibsaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa kun yaada Chaansilarri Jarman Firiidrich Merzi mormii Iraan keessatti geggeeffamaa jiru ilaalchisee mootummaan Iraaniif ''guyyoota ykn torban dhumaa keessa jirra'' jechuun yaada kennaniif aariidhaan deebii kennaniiru.

    Jarman mirga namoomaa ilaalchisee yaada kennuuf biyya fakkenya hin taanedha kan jedhan Aragchi, dabalataan waggoota darban keessatti ejjennoo madaalawaa ta’uu dhabuu isheetiin amanamummaa dhabdeetti jechuun qeeqan.

    ''Yoo dandeessaan mee afaan keessan qabachuun oolmaa nuuf oolaa'' jechuun Ministirri dhimma alaa Iraan KUN mootummaa Jarmanii dubbiin xuqan.

    Gareen nageenya biyyaalessaa Pirezidaanti Tiraampi waliin filannoowwan tarkaanfii Iraan irratti fudhatamu irratti mari’ataa jiru

    Pirezidaantichi tarkaanfiiwwan waraanaa al-kallatti fi kallattiin Ameerikaan Iraan irratti fudhachuu dandeessu irratti ibsi kennameefii ture.

    Kunis haleellaa misaa’elaa fi saayibarii fageenya dheeraa dabalatee ta’uu qondaaltonni Ministeera Ittisaa Ameerikaa CBS News’tti himaniiru.

  7. Ameerikaan akkamitti Iraan akka haleeltu filannoowwaan adda addaa irratti mari’ataa jirti

    Bulchiinsi Tiraamp dhimma Iraan ilaalchisee filannoowwan jiran irratti kan mari'ate yoo ta’u, qondaaltonni nageenyaa lama humna qilleensaa akka fayyadaman yaada dhiyeessan.

    Qondaaltonni Ministeera Ittisaa Ameerikaa lama michuu BBC Ameerikaa kan ta’e CBS News’tti akka himanitti, Pirezidaanti Doonaald Tiraamp meeshaalee dhoksaa fi waraanaa bal’aa Iraan keessatti fayyadamuuf jiran irratti ibsi kennameefiira.

    Maddoonni lamaan haleellaan misaa’ela fageenya dheeraa filannoo gaarii ta'uu akka danda'u maricha irratti dhiyaate.

    Garuu qondaaltonni Peentaagoon hojii haleellaa saayibarii fi duula saayikoloojiis dhiyeessaniiru.

    Maddoonni lamaan tarkaanfii humni waraanaa Ameerikaa Iraan keessatti fudhatu kamiyyuu humna qilleensaa fayyadamuu kan of keessaa qabu ta’uu kan mirkaneessan yoo ta’u, bulchiinsi Ameerikaa garuu caasaa ajajaa fi qunnamtii Iraan ugguruuf filannoowwan jiran ilaalaa jiru jedhan.

    Tiraamp biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa %25 kaa'era.

    Kana boodas haleellaa humna waraanaa fi qoqqobbii dabalataa kaa'amuu akka malulleee aanga'oonni US himaniiru.

  8. Iranitti sababa mormiin namoonni 2,000 ta'an du'an

    Mormii Iraanitti gaggeeffameen humnoota nageenyaa dabalatee namoonni 2,000 ta'an ajjeefamuu qondaala biyyattii waabeffachuun Royitars gabaase.

    Qondaalli Iraan Rooyitarsitti dubbate akka jedhetti, hiriira mormii mootummaan biyyattii "shororkeessitootatu" duuba jira jedhu kanarratti humnoota nageenyaa dabalatee namoonni hiriira bahan heddu ajjeefamaniiru.

    Mormiin torban lamaaf biyyattii keesatti gaggeeffame kanaan tarkaanfii mootummaan Iraan fudhaturraa kan ka'e USfi bulchiinsa Ayaatolaa gidduu muddamni cimaan uumameera.

    Tiraamp tarkaanfii waraanaa akka fudhatu akeekkachiisee ture. Iraan ammoo, mormii biyyattii keessatti gaggeeffame harka biyyoota alaatu keessa jira jetti.

    Tiraamp tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka malu beeksisuun cinaatti, biyyoota Iraan waliin daldalan irratti taarifa parsantii 25 beeksiseera.

  9. Ameerikaan lammiileen ishee hundi hatattamaan Iraan keessaa akka bahan ajajje

    Imbaasiin Ameerikaa Iraan jiru lammileen Ameerikaa Iraan keessa jiran hatattamaan Iraan gadi dhiisanii akka ba'an akeekkachiise.

    Imbaasichi ibsa marsariitii isaa irratti kennee, “Amma Iraan gadhiisaa ba'aa jechuun lammiileen isaa gargaarsa mootummaa Ameerikaa malee Iraan gadhiisuuf karoorfachuu akka qaban gaafateera.

    Sababa hokkora guutuu biyyattii keessatti deemaa jiruuf, itti fayyadamni interneetii adda ciccituu akka danda'uu akka isaan muudatu fi maloota qunnamtii filannoo biroo karoorfachuu akka qaban ibseera.

    Yoo bahu hin dandeenye mana jireenyaa ykn gamoo nageenya qabu keessa da'achuuf of qopheessa jedhe.

    Yoo halli gama daangaan nama baasuu nageenyaa qabu jiraatees gama daangaaa Armeeniyaa ykn Turkiin biyyatti keessaa bahuu akka yaalaanis jedheera.

    Dabalataanis lammiileen lammummaa Ameerikaa fi Iraan qaban mootummaan Iraan lammummaa lamaaf beekamtii waan hin kennineef paaspoortii Iraaniin biyyattii keessaa bahuu akka qaban ibseera.

    “Iraan keessatti lammiileen Ameerikaa balaa fi yaaddoo guddaa keessa jiru” jedha ibsichi.

    Akka ibsichaatti, daandiiwwan qilleensaa balalli gara Iraan fi Iraan irraa ka'u hir’isuu ykn haquu itti fufaniiru, tajaajiloonni hedduunis, addaan citeera.

    Bulchiinsi pireezidaantii Ameerikaa Doonald Traamp irra deddeebiin aangawoonni mormii ummtaa kana ukkaamsuuf yoo nama ajjeesan Iraan irratti tarjkaanfii akka fudhata doorsisa turan.

    Haa ta'uu malee lakkoofsi namoota mormii Iraan kana irratti ajjeefamanii gara 200 akka ta'an qondaaltootni kan himan.

  10. Lakkoofsi namoota mormii Iraaniin ajjeefamanii 650 qaqqabe

    Mormii ummataa Iraan torban sadaffaa qabateen lakkoofsi namoota humnoota nageenyaan ajjeefamanii 650 qaqqabuu gareen mirgoota namoomaaf quuqamu tokko beeksise.

    Mormii kana to'achuudhaaf mootummaan Iraan guutumma abiyyattii keessatti interneetiin akka addaan citu erga taasisee guyyoota afurii ol ta'eera.

    Jimaata darberraa kaasee hanga Kibxata har'aatti Iraan keessatti interneetiin kan addana cite yoo ta'u, kun ammoo biyyattiin interneetii malee sa'atii 108 ol dabarsuu dhaabbanni addunyaarratti dhiyeessii interneetii hordofu Netblocks beeksiseera.

    Dhaabbileen mirgoota namaaf falman akka Aministii Internaashinaal interneetiin addaan cituun, hacuuccaafi tarkaanfii mootummaan fudhatamu caala ahammeessa jechuun yaaddoo qaban ibsacha ajiru.

    Sababa mormii kutaalee biyya Iraan gara garaa keessatti gaggeeffamaa jiruun namoonni kumaan lakkaa'aman hidhamuun ibsama ajira.

    Ameerikaan tarkaanfii mootummaan Iraan mormitoota ukkaamsuuf taasiftu dhaabsisuuf fudhatu maal akka ta'u qorachaa jiraachuu ibsiteetti.

  11. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa 2028 akka Morookootti qopheessuuf qophii qabdii?

    Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 qopheessuuf ifatti gaaffii dhiyeessuushee torban tokko dura Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksisera.

    Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) bara 2028 irraa kaasee Waancaan Afrikaa bara 2028 irraa kaasee waggaa afur afuriin akka gaggeeffamu murtee dabarsuu isaa hordofee, Waancaan Afrikaa bara 2029 gaggeeffamuuf ture waggaa tokko dursee bara 2018 akka gaggeeffamuuf murtaa'eera.

    Waancaa Afrikaa 2029 qopheessuuf fedhii kan agarsiifte Itoophiyaan, qophiin ardicharratti guddicha ta'e kun waggaa tokko dursee waan gaggeeffamuuf gaaffiishee akka fooyyeessitu ishee taasiseera.

    Akka biyya miseensa Konfedereeshinichaatokkotti, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa mootummaa waliin dubbachuun ifatti gaaffii CAFf dhiyeessuu hoji-gaggeessaan Federeeshinichaa Obo Baahiruu Xilaahun ETVtti himeera.

    Itoophiyaan Waancaa Afrikaa ofiin hundeessite kana carraa qopheessuu deebitee argattee qopheessuuf qophii qabdii?

    Yaada MM Abiy Ahimed maddisiisaniin, Itoophiyaan bu'uraaleen misoomaa istaadiyeemiirratti xiyyeeffachuun pirojektoota dorgommichaaf malan xumuruuf hojjechaa akka jirtus himameera.

    Waancaaan Afrikaa 2027 zoonii Afrikaa Bahaa keessatti Yugaandaa, Taanzaaniyaa fi Keeniyaatu walin ta'un kan qopheessan yoo ta'u, Itoophiyaan ammoo kan bara 2028 qopheessuuf ifatti gaafachuun ishee ifoomeera.

    Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa biyya Waancaa Afrikaa bara 2028 qopheessu filachuudhaaf caal-baasii banee kan dorgomsiisu ta'a.

  12. Israa'el Itoophiyaan 'michuu jabduu yeroo dheeraa' jechuun ibsite

    Itoophiyaan ''michuu jabduu yeroo dheeraa'' goonee waan ilaalluuf hariiroo waliin cimsachuu barbaanna jedhan Ministirri Dhimma Alaa Israa'el Gide'on Sa'aar.

    Aangawaan Israa'el kuni Ministir Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Hadaraa Abarraa waliin mari'achuu ibsaniiru.

    Aangawaan Itoophiyaa gama isaaniin, ''marii bu'aa qabeessa'' waliin taasisuu himan.

    Mariin siyaasaa Itiyoo-Israa'el 4ffaa Kibxata har'aa eegalee akka taasifamuu aangawaan Itoophiyaa ibsaniiru.

    Qondaalonni lamaan marii isaanii Jerusaalemitti akka taasisan Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.

    Israa'el biyya jalqabaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettef kennite ta'un ni yaadatama.

  13. Godina Lixa Oomootti lammileen Turkii daawwannaarra turan lamaafi shufeerri tokko hidhattootaan ajjeefaman

    Naannoo Kibba-lixa Itoohiyaa, godina Lixa Oomoo, bakka Aangaa Surrii jedhamutti lammileen Turkii lama daawwannaarra turaniifi shofeerri lammii Itoophiyaa ta'e hidhattoota 'shiftoota' jedhamanii ajjeefamuu naannichi beeksiseera.

    Mootummaan naannichaa ibsa har'a baaseen, namoota nagaa daawwannaarra turan irratti 'shiftoota horsiise-bultoota' haleellaa raawwatan jedherratti duula seera kabachiisuu qindaa'aa jalqabuu himeera.

    Wixata ganama sa'aati 2:20 irratti haleellaa lammileen Turkii lamaa fi lammiin Itoophiyaa konkolachisaa ta'e tokko, walumaagalatti namoonni sadii shiftoota horsiise bulaa eenyummaan isaanii hin baramiiniin raawwatameen lubbuun isaanii darbeera jedhe Komunikeeshiniin naannichaa ibsa baaseen.

    Mootummaa fi ummanni naannichaa lubbuu haleellaa gaggeeffame kanaan darbeef gadda guddaa itti dhaga'ame ibsachuun, maatiifi firoota namoota du'anii kanaafis jajjabina hawweera.

    Mootummaan naannichaa shiftoota gocha gara-jabeenyaa kana raawwatan adamsee seeratti dhiyeessuuf humnoota nageenyaa abobbaasee hojii seera kabachiisuu gaggeessaa jira jedheera.

    Shiftoonni safaraa saamichaaf jecha gochi raawwatan kun lubbuu dhala namaa akka darbu taasiseera kan jedhe ibsi naannichaa kun, yaalii mootummaan naannichaa seera kabachiisuuf taasisu kana hawaasni naannichaa sochii shiftoota kanaa hordofee, eenyummaa isaanii saaxiluun humnoota nageenyaatiif eeruu kennuun akka tumsuuf gaafateera.

  14. Tiraamp biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa %25 kaa'e

    Wayita addunyaan tarkaanfii US Iraan irratti fudhachuu dandeessu xiyyeeffannaan eegaa jirtutti Tiraamp tarkaanfiisaa taarifa dabaluun eegaleera.

    Tiraamp haleellaa humna waraanaan alatti tarkaanfiin fudhachuu danda'u: yaada faallaa mootummaa Iraan kan onlaayinii jiru cimsuu, haleellaa saayibarii waraana Iraan irratti raawwachuu ykn qoqqobbii dabalataa irra kaa'uu akka ta'e aanga'oonni US himanii turan.

    Amma Tiraamp taarifa dhibbeentaa 25 biyyoota Iraan waliin hariiroo diinagdee qabanirra kaa'uu ibseera.

    Akka tarkaanfii Tiraamp kanaatti biyyi Iraan waliin daldalu kamuu meeshaalee gara US galchu irratti taarifa kana kaffaluuf dirqamu.

    Taarifni kun ''ammarraa hojiirra oola'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse Tiraamp.

    ''Tarkaanfiin kun isa dhumaati.''

    Iraan duraanuu qoqqobbii hamaa Tiraamp jala jirti. Sababa kanatti humni maallaqaa ishee akkaan gadi bu'eera.

    Kanarratti dabalataan qaala'iinsi jireenyaa hammaatee gatiin nyaataa dhibbeentaa 70 ga'eera.

    Meeshaalee Iraan gara biyyaa galchitu keessaa midhaan nyaataa harka tokko sadaffaa ta'a.

    Kanaafuu oomishaalee gara biyyattii seenan irra qoqqobbiin kaa'amu hanqinni midhaan nyaataa akka mudatu taasise. Gatiin meeshaalee akkaan dabale.

    Addunyaarraa kan akka Chaayinaa Iraan waliin hariiroo qabu hin jiru. Iraaq, Yunaayitid Arab Imireetis, Turkii fi Indiyaan itti aanu.

    Tarkaanfiin Tiraamp kun muddama US fi Chaayinaa gidduu ture daran hammeesseera.

    Boba'aa Iraan kan US qoqqobbii jabaa irra keesse baay'inaan bituun kan beekamtu Chaayinaan tarkaanfii Tiraamp kanaan mufachuu ibsiteetti.

  15. Mufii ummataa dhalateef jecha sagantaa Ameerikaatti qabame dhiiseen deebiyee - Paaster Henook

    Paastar Heenook Yeroo dubbiin isaanii barsiisa amantaa gidduutti 'Salaale biyya falfaltootaati' jedhanii dubbatan biyya keessatti ijoo dubbii ta'e isaan Ameerikaa turan.

    Tajaajilaaf gara Ameerikaa deemuu kan dubbatan paastariin kun, sababa dubbii isaanii hawaasa Salaalee mufachiiseen tajaajilla hafuuraa deemaniifuu yeroo biraatti dabarsuu himan.

    "Sagantaan kiyya Origonitti qabamee ture. Keessummoonni hedduunis bakka adda addaatii dhufaa turan. Garuu sababa dubbii sanaatiin hawaasni waan gaddeef, asittis kan tajaajilu uummatuma kana waan ta'eef sagantaa suni akka darbu goone," jedhan.

    Muffiin uummataa kun garaa qulqulluun akka furamuuf Abbootiin Gadaa Oromoo araara kana akka nuuf buusan gaafadheeras jechuun dubbatan.

    "Adeemsa araaraa kana Abbootii Gadaa Oromoo gaafanneerra. Adeemsa gaarirra akka jiru quban qaba. Waan kuni bu'uurarraa furamee garaa qulqulluun araarrii fi dhiifamni akka nuuf godhamu nan amanas," jedhan.

    Adeemsa araaraa kana Abbootii Gadaatu adeemsasaa beeka, ani amma duras uummata dhiifama gaafadheera. Araara fulla'aa ta'e akka buusnus fedhii guddaan qaba jechuun itti dabalan Paastar Heenook.

    Erga dubbiin kun ka'ee muffii guddaan uumamee booda waan ta'etti gadduun dhiifama gaafachuu isaaniin namoota hedduurraa fuula gaarii fi dhiifamaa argachuus himan.

    Dhibdee dubbiin isaanii uume kana hordofee garuu miidhaan addaa isaanirra gahe akka hin jirres eeraniiru.

  16. Eegdoonni Warraaqsa Islaamummaa Iraan abdattu eenyu, hangam cimaadha?

    Iraan mormii ummataa jabaa torbanootaaf itti fufeen raafamaa jirti. Tarkaanfii humnoonni nageneyaa fudhachaa jiraniin namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, kumaan kan lakkaa'aman ammoo hidhamaniiru.

    Tarkaanfii mormii kana to'achuudhaaf mootummaan Iraan fudhachaa jiru akka Ameerikaan gidduu seentu gochuu danda'a Pirezidant Tiraamp akeekkachiisaa jira.

    Iraanis mariif qophii ta'uushee garuu qaama dhimma keessooshee keessa seenu waliin waraanatti seenuuf qophii ta'uu beeksifteetti.

    Iraan humna waraanaafi nageenyaa cimaa qabaattullee haleellaa yeroo darbe Israa'el fi Ameerikaatii irratti raawwatameen baayyee jalaa miidhameera.

    Haata'u malee, ammas taanaan humna biyya keessaafi alarraa isheeti dhufuuf akka humna ittisaatti kan itti gargaaramtuufi abdattu humna Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa Iraanidha. Haleellaa Ameerikaarras ta'e qaama kamirraayyu itti aggaamamuuf Eegduun kun humna biyyattiin abdattu isa guddaadha.

  17. Somaalilaand fi Puuntilaand Somaaliyaan hariiroo UAE waliin qabdu adda kutuu morman

    Mootummaan Rippaabilika Federaalaa Somaaliyaa hariiroo UAE waliin qabdu hunda adda kutuu booda Somaalilaand fi Puuntilaand mormaniiru.

    Somaaliyaarraa adda baatee ofiin kan of bulchitu Somaalilaand murtee Somaaliyaa kana balaaleffachuun ibsa baasteen dhimma buufata Barbaraa irratti xiyyeeffatteetti.

    Somaalilaand buufati Barbaraa ''biyya walabaa keessatti kan argamuu fi aangoo bulchiinsaa fi seeraa mootummaa Somaaliyaa jala kan hin jirre,'' ta'uu ibsite.

    Waliigalteewwan Somaalilaand fi UAE gidduu jiran ammallee seera qabeessa, kan hojiirra ooluu fi cimee kan itti fufu ta'uu ibsite.

    Bulchiinsi Puuntilaandis gamasheen ejjennoo Somaalilaand kana tumsuun ibsa baasteetti. Ibsi Puuntilaand mootummaan Somaaliyaa UAE waliin hariiroo adda kutuu balaaleffachuun baase ''Puuntilaand waliigaltee uumuuf, hojiirra oolchuu fi yoo barbaachise adda kutuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa qabdi,'' jedha.

  18. Somaaliyaan waliigaltee UAE waliin qabdu guutummaatti adda kutuu ibsite

    Waliigalteewwan adda citan kunneen misooma buufata handaara galaanaa, jaarmiyaalee mootummaa, nageenyaa fi ittisa irratti kanneen turanidha.

    Manni maree ministeerotaa Somaaliyaa tarkaanfiin kun birmadummaa, walabummaa daangaa fi tokkummaa biyyaalessaa Somaaliyaa tiksuuf fudhatame jedhe.

    Tarkaanfiin kun sochii misooma buufata handaara galaanaa Barbaraa, Bosaasoo fi Kismaayyoo kan miidhuudha.

    Mootummaan Somaaliyaa Yunaayitid Arab Emireetis rakkoo nageenyaaf sababa taateetti jechuun himate. Akkasumas naannochi tasgabbii akka hin qabaanne gochaa jirti jedhe.

    Kun ammoo walabummaa somaaliyaa kan qoruu fi siyaasa biyyattiis akka jeeqamu kan taasisuudha jedha mootummaan Somaaliyaa.

    Akka Somaaliyaan himattutti UAEn seerotaa fi qajeeltoowwan UN, Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Qindoomina Islaamaa fi Liigii Arabaa sarbuun dhimma biyya birmadummaa qabdutti humnaan seenaa jirti.

    UAEn Somaaliyaa keessatti gama daldalaa, nageenyaa, gargaarsa namoomaan sochii guddaa taasisti.

    Gama siyaasaanis bulchiinsa mootummaa giddugaleessaa biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa uumuum beekamti.

    Gama daldalaa fi buufata handaara galaanaan UAEn Somaaliyaa keessatti maallaqa guddaa invest gooti.

    Buufata Barbaraa irratti jaarmiyaa guddichi addunyaa DP World jedhamu doolaara miiliyoona 442 baasuun hojii investimantii hojjeta.

    Kana malees UAEn loltoota Somaaliyaaf leenjii waraanaa fi gargaarsa adda addaa ni kenniti.

    Somaaliyaa keessattis iddoowwan uummanni balaa hongee, lolaa fi waraanaan miidhamanitti UAEn gargaarsa namoomaa kennuun beekamti. Hospitaalota, manneen barnootaa fi bishaan dhugaatii baasuudhaanis uummata Somaalee gargaaraa turte.

  19. 'Ajjeesuu itti fufaniiru': Namoonni tarkaanfii mootummaa ijaan argan waan Tehraan keessatti ta'aa jiru ibsan

    Hiriirri mormii Iraan erga eegalee torban lama caaleera. Mormiin kun amma gara hookkaraatti jijjiirameera. Mootummaanis tarkaanfii humnaa fudhachuu itti fufeera.

    Keessattuu magaalaa guddoo biyyattii Tehraan keessatti humnoonni mootummaa hiriirtota ajjeesuu itti fufaniiru.

    ''Ija kootiinan arge. Kallattiidhaan hiriirtota irratti dhukaasaa turan. Namoonni hedduun bakkuma dhaabatanii kukkufaa turan,'' jedha namni Iraan irraa BBCtti dubbate.

    Namni umriinsaa waggaa 40oota keessa ta'e Omid (nageenyasaaf jecha maqaan jijjiirameera) wayita yaada kana kennu ''mootummaan na hordofa'' sodaa jedhuun rifannaa hamaa keessa ture.

    ''Nuti harka duwwaa mootummaa hamaa kanaan lolaa jirra,'' jedhe.

    Humnoonni nageenyaa Iraan hiriirtota humnaan cabsuuf yaalaa akka jiran BBCnis ofiisaan mirkaneeffateera.

    Ta'us garuu mootummaan interneetii waan cufeef waan Iraan keessatti ta'aa jiru mirkaneessuun rakkisaadha.

    Jiraattuun magaalaa Tehraan kan biraan hiriira kana wayita ibsitu ''guyaa dhumaa (bara dhumaa) fakkaata,'' jette.

    ''Magaalaa Tehraan qofa osoo hin taanee guutummaan biyyattii hiriirtotaan weerarameera. Bakki hiriirri itti hin ba'amne hin jiru.''

    Humnoonni mootummaa nama kana hundarratti dhukaasa banuun ajjeesaa jiraachuu ibsite.

    Aanga'oonni Iraan hookkaraa fi muddama biyyattii keessatti dhalateef US fi Israa'el himateera.

    Hiriirri mormii kun erga warraaqsa bara 1979 as isa guddaadha jedhameera.

    Ilma mootii (Shah) warraaqsa sanaan aangoorraa ari'amee kan ta'ee fi amma Ameerikaa kan jiraatu Reezaa Pahlaavii lammiileen Iraan mormiisaanii akka itti fufan jajjbeesseera.

    Erga namni kun waamicha dhiheessee hiriirri akkaan hammaatee gara hookkaraatti geeddarame.

    Hiriira Iraan irratti hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 648 ajjeefamuu jaarmiyaan dhimma mirga namoomaa hordofuu fi teessoon isaa Norway ta'e gabaaseera.

    Miidiyaan Iraan ammoo qaamoleen nageenyaa 100 ta'an du'uu gabaase.

  20. AKkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Hiriira Iraanitti hammaate ilaalchisee odeeffannoo jiran akkasumas tarkaanfii US hordofnee isin biraan geenya.

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gabaabinaan karaa kana argattu.

    Ni hordofaa!

    Tamsaasi kallattii kan kaleessaa kunooti