Deelsii Roodriigeez ammaan tana pirezidantii kan yeroo Veenzuweelaati. Maduuroofis amanamtuudha jedhamti.
Wal tajJiiwwan Maaduuroofi haati warraasaanii argaman irratti isaan cinaatii hin dhabamtu.
Ogeettii seeraafi dippiloomaatiidha. Bulchiinsa Maaduuroo keessatti hooggansa adda addaarratti hojjetteetti.
Pireezidantii Itti aantuu Maaduuroo kan taate dubartiin ganna 56, Maaduuroof nama dhiyoo ta'uusheerraa kan ka'e ''Pireezidantii tokkicha qabnu gadhiisaa'' jetteetti.
Dilbata darbe ammoo Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo ishee waliin mariyatee wanta US barbaaddu ''hunda gochuuf tole'' jetteetti jechuu isa Tiraamp dubbateera.
Yaadni kun ejjennoo Rodriigeez ifatti baate Veenzuweelaan ''kolonii impaayera'' kamuu hin taatu jechuun dubbatte waliin wal dhiita.
Marii kaabineeshee isa jalqabaa irratti ammoo US irratti ejjennoo laafaa kan waliin hojjechuurratti xiyyeeffate calaqqifteetti.
US waliin nagaa akka barbaadduufi hariiroonsaanii madaala kan eegeefi walkabajuurratti kan hundaa'e akka ta'u fedhii qabdus ibsiteetti.
Ibsa baasteenis uummatni Veenzuweelaafi naannichi nageenyaa fi marii malee waraana hin barbaadu jechuun Tiraampitti dhaamteetti.
Dhumarrattis ''Veenzuweelaan mirga nagaa qabaachuu, misoomuu, walabummaafi hegeree ifaa qabaachuu qabdi'' jetteetti.