Namoonni 59 mana shubbisaa halkaniitti balaa abiddaan dhuman

Madda suuraa, Social media
Qondaalonni Kaaba Maqdooniyaa akka jedhanitti balaa abiddaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 59 du'uun alatti 155 kan caalan miidhamaniiru.
Balaan kun mana shubbisaa Pulse club kan Kokaanii keessatti argamutti halkan qixxee mudate.
Iddoon kun magaalaa guddoo biyyattii Skopje irraa kiilomeetira 100 fagaata.
Wayita balaan abiddaa mudatu namoonni 1,500 ta'an sagantaa konsartii weellistoota lamaan baandii DNK jalatti dhihaate irratti hirmaachuun bashannanaa turan.
Balaan kun agarsiisa dhukaasa abidda baasu (fire work) bal'inaan turerraa akka mudate miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.
Wayita laboobni abiddaa waltajjiirraa agarsiifamaa ture akka malee hammaachuun baaxii manaatti qabatu viidiyoo fi suuraan mul'isaniiru.
Sababa kanaan namoonni to'ataman jiraachuu ministirri dhimma biyya keessaa Pance Toskovski himan.
Ministirri Muummee biyyattii Hristijan Mickoski ''mootummaan humna qabu hundaan waan danda'u hojjechaa akka jiruu fi sababa balaa kanaa fi miidhaa qaqqabe hatattamaan akka adda baasu,'' Facebook isaaniirratti ibsan.
Taateen kun baayyee hamaa fi guyyaa gaddaa kan dargaggoota biyyattii hedduu galaafateedha jechuun ibsan.
Namoonni 90 ta'an abiddaan gubatanii hospitaala Kokaanii keessatti yaalamaa jiru.
Hedduunsaanii qaamnisaanii guddoo gubatee du'aa fi jireenya gidduu jiru.
Kanneen gubatan kaan gara hospitaala Skopje keessa jiruutti dabarfamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
















