Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse

Gareen hidhattootaa Somaaliyaa al-Shabaab, beekamtii biyyummaa Israa'el Somaalilaandiif kennite mormuun, lammiileen Somaaliyaa Israa'elirratti waraana akka eegalan waamicha dhiheesse.

Guduunfaa

  • Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa
  • Sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalaa guddoo Venezuweelaa keessatti dhagahame
  • Iraan akeekkachiisa Tiraamp hiriira mormii biyyattii ilaalchisuun dabarse kuffiste
  • Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an
  • Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse
  • Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan
  • Turkiin handaara galaaaa Somaaliyaatii hojii boba'aa baasuu eegaluuf
  • Israa'el gartuuwwan gargaarsaa 37 Gaazaa keessaa ugguruuf
  • Maallaqni biyyattii gatii dhabnaan mormiin Iraanitti cime
  • Tiraamp mariin nagaa Gaazaa marsaan lammataa ''hatattamaan hojiirra oola'' jedhe
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Obbo Taayyee Danda'aa har'a akkamiin harki hidhamee dhihaatan?

    Obbo Taayyee Danda'aa
    Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Taayyee Danda'aa dhihoo hidhaan waggaa torbaa itti murameera

    Beellama har'aatiin Obbo Taayyeen harkisaanii kaateenaa (cancalaan) hidhamee gara dhaddachaa seenan.

    Kaleessa ALI Mudde 22, 2018 cancalaan hidhamee mana murtiitti hin dhiyaadhu akka jedhan kan himame Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyeen, har'a Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhiyaataniiru.

    Gara dhaddachaa yeroo seenanis harkisaanii cancalaan hidhamee, uffata halluu diimaa dugdarraa barreeffamni 'Sirreeffamaa Federaalaa' jedhu irratti barraa'e uffatanii ture.

  2. MM Abiy fi Maakroon waa'ee naannichaa wal hubachiisuuf waliigalan

    Maakroon waggaa dura Finfinnee daawwataniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon waggaa dura Finfinnee daawwataniiru

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Faransaay Imaanu'el Maakroon waliin mari'achuu beeksisan.

    Marii bilbilaan taasisan kanas ''hiriyyaakoo gaarii'' jedhan waliin taasisuu himan.

    Marii kanarras fuula duratti karaatti hariiroo waloo isaanii cimsan mari'atuu dubbatan.

    ''Dhimmoota waloo naannichaafi idil-addunyaa irratti wal hubataa adeemuuf walii galleerra,'' jedhaniiru.

    Itoophiyaafi Faransaay hariiroo jabaa waliin qabu.

    Faransaay kana dura masaraawwan mootummaa haaromsuu keessatti qooda akka qabdu MM Abiy ibsanii galateeffatanii ture.

    Maakroon kana dura carraaqqii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasistu akka deeggaraniifi biyyi isaanii gumaacha ofii akka gootu beeksisaniiru.

  3. UKn lamummaa dubartii loltuu Islaamiik Isteetitti heerumterraa mulqe akka hin deebifne ibsite

    Shamimaa Begaam

    Madda suuraa, Sam Tarling/Getty Images

    Ministirri nageenya biyya keessaa UK abbootiin seeraa Awurooppaa murtee kana jijjiirsiisuuf dhiibba uumaniis murtee lammummaa Shamimaa Begaam kaasuuf muurtaahe akka hin jijjiirre ibse.

    Manni murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa qorannoon akka gaggeeffamu gaafateera.

    Begaam osoo shamarree ganna 15 taatee jirtuu Landanirraa gara Giidduugala Bahaa imalte. Iddoo to'annoo hidhattoota Islaamiik Isteet ta'ees deemte. Achittis loltuu tokkotti heerumte.

    Amma dubartii ganna 26ti. Lamummaanshee kan biyya UK irraa mulqamee jira. Sababni ammoo nageenyaa biyyaalessaaf yaaddoo taati kan jedhuudha. Abukaatoonshee ammoo diqriin heerumsiifamuu akka maltu Manni Murtii hubachuuf hin yaalle jedheera.

    Manni Murtii Awurooppaa mootummaan UK akkaataa heeruma dubartii kanaa qulqulleeffachuufi dhiisuu gaafateera.

    Ministeerri nageenya Biyya keessaa garuu hunda dura nageenya biyyaalessaaf dursa kennina jedheera.

  4. Leenjisaan Cheelsii Enzoo Mareeskaa aangoo gadhiise

    Enzoo Mareeskaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan kilaba Chelsii Eenzoo Mareeskaa waancaa kilaboota addunyaa Chelsii wajjin injifachuu ji'oota jaha booda aangoorraa kaafame.

    Namni ganna 45 kun kilabnisaa sadarkaa shanaffaarra osoo jiruu kilabicha gadhiisuuf dirqame.

    Ammoo haalli garee kanaa tibbanaa gaarii miti. Tpahoota walitti aanan darban torba keessaa tokko qofa injifate.Taphoota jaha keessaas qabxii jaha qofa argachuu danda'e.

    Gahumsa gadaanaa ji'a Muddee keessa agarsiserraa kan ka'es qabxii 15n Arsenaalirraa fagaateera.

    Garee leenjistootaa Enzoo Mareeskaa erga Cheelsii qabatanii Konfireensi Liigiifi Waancaa Kilaboota addunyaa injifataniiru.

    Qabxii dhabuu tibba kanaan walqabatee Mareeskaan hooggansa kilabichaa ewajjin dhibdee seenuun gabaafamaa ture. Mareeskaanis ifatti muddamni jiraachuu himeera.

    Mareeskaan bara 2024 Leester Siitii gadhiisee Cheelsii waliin waliigaltee waggoota shanii mallatteesse.

    Eenzoo fi kilabichi lamaanuu waliigalteen adda bahan jedhameera.

  5. Kantiibaan Niwu Yoork jalqaba bara haaraatti Qur'aanaan kakuu seenan

    Zoohiraan Mamdaanii Qur'aana qabachuun kakuu seenuun kantiibaa jalqabaa Niwu Yoork ta'an

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Zoohiraan Mamdaanii Qur'aana qabachuun kakuu seenuun kantiibaa jalqabaa Niwu Yoork ta'an

    Muslima yeroo jalqabaaf kantiibaa magaalaa Niwu Yoork ta'uun filataman kan ta'an Zoohiraan Mamdaanii jalqaba bara haaraa irratti Qur'aana qulqulluu qabachuun waadaa seenan.

    Mamdaaniin Qur'aana qabachuun waadaa seenuun kantiibaa jalqabaa Niwu Yoork ta'aniiru.

    Ga'eessi umrii waggaa 34 kun buufata baaburaa gamoo bulchiinsa magaalaa kan Dimokiraatotaa ta'e cinaatti argamutti halkan walakkaa akkuma barri haaraan [2026] eegaleen kakuu seenuun kantiibaa Niwu Yoork ta'an.

    Mamdaaniin kantiibota duraan Macaafa Quluqulluu qabachuun kakuu seenan irraa haala adda ta'een Quraanaan kakuu seenuun qondaala jalqabaa yoo ta'an, nama yeroo jalqabaaf qaccee Kibba Eeshiyaa fi Afrikaa qabaachuun kantiibaa Niwu Yoork ta'aniidhas.

    Naamni siyaasaa garee Sooshaal Dimokiraat keessaa ta'anii fi haasaan isaanii namoota hedduu dubbachiisuun beekamu kun magaalaa akkaan guddoo taate Niwu Yoorkitti kantiibaa ta'uuf wayita kaadhimaman namoota hedduu biratti mata duree oduu ta'anii turan.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo Mamdaaniin kaadhimamaa ta'uun dhihaatanitti filattoonni sagalee akka hin kennineef gaafatanis, erga kantiibaan kun filatamanii garuu Waayit Haawusitti waamuun dubbisanii turan.

  6. Al-Shabaab lammiileen Somaaliyaa Israa’el akka lolan waamicha godhe.

    Dubbi himaa al-Shabaab Alii Mohmuud Raagee ykn Alii Daahiir

    Madda suuraa, al-Kataib

    Gareen hidhattootaa Al-Shabaab beekkamtii biyyummaa Israa’el Somaalilaandif kennite mormuun lammiileen Somaaliyaa akka Israa’el lolan waamicha dhiyeesse.

    Dubbii himaan garichaa ergaa viidiyoo dabarseen lammiileen Somaaliyaa biyya isaanii Israa’elirraa tiksuuf hidhatanii akka ka’an waamicha ergaa dabarse.

    Dubbii himaan Al-Shabaab Sheek Alii Mohaammad Raagee yookiin Alii Daahir waamicha dhiyeesseen hoggantoota Somaalilaand “gantoota” jechuun uummata Somaaliyaa “gita bittummaaf saaxilan” jedhee himate.

    “Namni leenji’ee fi hidhannoo qabu kamuu keessumaa dargaggoonni bakkuma jiranii Israa’el irratti waraana banuu qabu” jedhuun Yihuudoota irratti akka xiyyeeffatan waamicha godhe.

    Hidhannoo fi leenjii warra hin qabneef immoo garichi waan barbaachisu dhiyeessuf qophii ta’uu eeruun akka itti makaman waamicha godhe.

    Biyyoota hedduudhaan shororkeessummaan kan farrajame garee Al-qaayidaa waliin hidhata qabaachuun isaa kan himamu Al-Shabaab Moqaadishoo dabalatee Somaaliyaa fi biyyoota baha Afrikaa garaagaraa keessatti shororkeessummaa raawwachuun beekama.

    Mootummaa Somaaliyaa kuffisuuf kan lolu gareen kun mootummaa biyyattii malees Ameerikaa dabalatee biyyoota ollaa Somaaliyaatin garee shororkeessaa jedhamuun adamfama.

    Beekkamtii Israa’el kennite kan morme dubbii himaan Al-Shabaab uummanni Somaaliilaand beekkamtii biyyummaa Israa’el kennite akka mormu waamicha dhiyeesse.

    Haa ta’uu malee waggoota 30 caalan darbaniif akka bulchiinsa of dandeessetti kan labsatte Somaalilaand magaalaa Hargeessaa keessa beekkamtii Israa’el torbee dabre laatte hordofee uummanni adda babayiitti bahee gammachuu isaa ibsachaa ture.

    Gama kaaniin mootummaan giddu-galeessaa Somaaliyaa tarkaanfii Israa’el kana cimsitee mormuun dubbicha gara mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti iyyatte.

    Lammiileen Somaaliyaas kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hiriira bahuun beekkamtii Somaalilaandif laatame kana mormanii jiru.

  7. Dho'iinsa mana dhugaatii tokko keessatti mudateen yoo xiqqate namootni 10 du'an

    Bakka dhoyiinsi itta raawwate

    Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

    Siwiizerlaandi mana dhugaatii tokko keessatti dhowiinsa uumameen, kanneen bara haaraa sababeeffachuun bashanna turan keessaa gariin yoo du’an, hedduun madaawan.

    Balaan kun riizoortii Iskaay magaalaa Kiraans-Montaanaa kan kibba lixa Siwiizarlaand turetti kamisa Amajjii 01 mudachuu poolisiin himera.

    Sky News akka gabaasetti balaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 10 du’aniru.Miidiyaalee biyya keessaa baay’inni namoota dhumanii sanaa ol ta’uu gabaasan. Dubbii himaan poolisiin hamma namoota dhumanii hin himne.

    Hedduun garuu qaamni isaanii gubachuun waldhaansa fayyaarra jiru jedhe.

    Battala dhowinsi mudatetti mana dhugaatii kana keessa namoonni 100 caalan akka turan dubbii himaan poolisii kun himeera.

    Kana hordofee tuutni ittisa balaa fi baraarsaa kan bobbaafame yoo ta’u, naannichatti uggurri sochii kaayameera.

    Kiraans-Montaanaa keessatti uggurri balalliis kaayamuu poolisiin hime. Ka’umsi balaa kanaa hin baramne.

  8. Uggurri imala US Ertiraa dabalatee biyyootarra keesse har’arra eegalee hojiirra oola

    Tiraamp

    Madda suuraa, AFP

    Uggurri viizaa fi imala guutuun Ameerikaan biyyoota Afriikaa gara afurtama ta’aniif kanneen biroo heddu irra keesse har'a Amajjii 1, bara 20026 irraa kaasee hojiirra oola.

    Mootummaan Ameerikaa lammiilee Eertiraa fi Somaaliyaa dabalatee lammiilee biyyoota hedduu irratti ji’oota dura uggura imalaa kan kaa’e.

    Biyyoota sana keessatti biyyootni akkaataan ragaa lammiilee fi bulchiinsi daataa gaarii hin qabne jedhaman, akkasumas lammilee hedduun erga US seenanii booda irra deebi’anii yakka raawwatu jedhaman uggura kana keessatti hammatamaniiru.

    Tarkaanfiin kun nageenya Ameerikaa eeguuf akka ta’e kan ibse Waayit Haawus biyyoota Afrikaa 54 keessaa gara 40 irratti uggura kana kaa'era.

    Akka qondaaltonni Ameerikaa jedhanitti, uggurri viizaa fi imala biyyoota addunyaa irratti kaa’ame kun hanga biyyoonni kunneen foyya'iinsa amansiisaa agarsiisanitti kan itti fufan ta’a.

    Biyyoonni Afrikaa tokko tokkos murtee Ameerikaa kana mormuun lammiileen Ameerikaa gara biyya isaaniitti akka hin seenne uggura wal fakkaataa labsaa jiru

    Kanneen keessa biyyoonni Afrikaa Dhihaa Maalii fi Burkina Faasoo Ameerikaa haloo ba’uuf lammiileen Ameerikaa gara biyya isaanii akka hin seenne kaleessa uggura kaa'uu isaanii lbsaniiru.

  9. Waliigalteen nagaa hojiirra ooluuf dhibbeentaa 90 qophiidha- Zeleniskii

    Pirezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Reuters/Ukrainian Presidential Press Service

    Zelenskiin waliigalteen nagaa 90% qophii ta’uu hime. Preezidaantiin Yukireen Volodimir Zeleniskii bara haaraa kanatti waliigalteen nagaa parsantii 90ni qophii ta’uu haasawa bara haaraa ilaalchisuun taasiseen ibse.

    Haasaa isaa kan irra caalaa diddaa weerara babal’aa Raashiyaarratti xiyyeeffatuun, waliigalteen nagaa Parsantiin 10 hafe “hiree nagaa fi hiree Yukireenii fi Awurooppaa” kan murteessu jedhe Zeleniskiin.

    Gama kaaniin, Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin haasawa waggaa haaraa sababeeffachuun tolcheen loltoota isaatiin, “Isinii fi injifannoo keenyatti abdanna” jedhe.

    Mooskoon, Roobii ragaa Yukreen diroonii fayyadamuun haleellaa mana dhuunfaa Puutiin kan kaaba lixa haroo Vaaldaayi jirurratti qiyyaafachuun goote jettuunis gad lakkiftee jirti.

    Yukreen haleellaa diroonii kana haaltee turte. Haleellaan diroonii kun kutaalee Yukreen Saamii fi Charniiv jedhamanirraa akka raawwatame ragaaleen kaartaan akka mul’isu ibsiti Mooskoon.

    Dirooniin tun iddoo cabbii fi mukkeenii keessatti kiphamee kufe. Diroonichis kan Yukreen ta’uu ogeeyyiin Raashiyaa ni himu.

    BBC’n ofii adda hin baafanne. Sababa haleellaa diroonii kanaa Raashiyaan ejjennoo adeemsa nagaa irratti qabdu keessa deebiin akka ilaaltu Kireemliin ibsite.

    Dippiloomaatiin Awurooppaa Kaajaa Kaalaas, Roobii himannaa Raashiyaa kana “Itti yaadanii adeemsa nagaa gufachiisuu” fi karaarraa maqsuu jedheen.

    Zeleniskiin, nagaa kan barbaannu kasaaraadhaan miti, Yukreen akka dhabamtu osoo hiun taane waraanni akka dhaabbatu feene jedhe.

    Raashiyaan baha Yukreen Doonbaas keessaa baanan hunduu ni xumurama jedhe Zeleniskiin.

  10. Biyyoonni addunyaa bara haaraa 2026 simatan

    Barri haaraan 2026 biyyoota garaa garaa keessatti "richiitii" fa'aa samiitti ol dhukaasuun haala hoo'an kabajamaa jira. Akkaataadhuma fageenyafi dhiyeenya handhuura lafaarraa qabaniin biyyoonni sa'aatii garaa garaatti bara haaraa kan simatan.

    Biyyoonni naannoo Paasific jiran kanneen akka Awustiraaliyaa, Niwu Ziilaand, Paappuwaa Niwu Giinii fa'aa kanneen dursanii bara haaraa 2026 simataniidha.

    Barri haaran biyyoota garaa garaa keessatti akkamitti akka kabajamaa jiru suuran mee haa ilaallu.

    Magaalaa Riyoo Dejeneeroo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa guddoo Biraaziil kan taate Riyoo Dejeneeroo keessatti richiitii samiitti dhukaasuun bara haraa yeroo simatan
    Sirna simannaa bara haaraa 2026 magaalaa Barliinitti

    Madda suuraa, Hannibal Hanschke/EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Jarman magaalaan Barliin ifaadhaan faayamtee bara haaraa 2026 yeroo simatti kan agarsiisu
    Magaalaa Landan

    Madda suuraa, Tolga Akmen/EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan guddoon UK, Landan bara haaraa yeroo simattu kan agarsiisu
    Simannaa bara haaraa magaalaa Landan keessatti

    Madda suuraa, Jonathan Brady/PA

    Kooriyaan Kibbaa agarsiisa dirooniin bara haaraa yeroo simattu

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Simannaa bara haaraa Kooriyaa Kibbaa magaalaa Buusaan keessatti taasifame yoo ta'u, dirooniin dabaalamuun fakkii bineensa farda fakkaatuu kan itti agarsiifameedha
    Bara haaraa Filippiinsitti yeroo kabajamau

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Filiippiins magaalaa Maniilaa keessatti simannaan bara haraa ifaa garaa garaa ibsuun yeroo gaggeffamu kan agarsiisu
  11. Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan

    Hiriirtonni Iraan gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan

    Madda suuraa, Telegram

    Ka'umsi mormii kanaa gaafa Dilbataa namoonni suuqii qaban duula hojii lagachuu eegaluusaanii yoo ta'u sababni ijoon mormichaa gatiin maallaqa Iraan gad cabuu fi qaala'insi gatii hammaachuudha.

    Haala kanaan mormiin magaalaa guddoo Tehiraanitti eegale, magaalota kaanittis babal'ateera.

    Inumaa kibba Iraan bulchiinsa Fars keessatti hiriirtonni waajjira mootummaa humnaan seenuuf yaalaniiru.

    Hookkara magaalaa Fasa jedhamu keessatti uumame kanaan poolisoonni sadi miidhamuu fi namoonni afur hidhamuu aanga'oonni ibsaniiru.

    Bulchiinsota lixa biyyattii Hamedan fi Lorestan jedhaman keessattis humnoota nageenyaa fi hiriirtota gidduutti walitti bu'iinsi mudateera.

    Wayita hiriirri kun hammaatee jirutti mootummaan biyyattii Roobii kaleessaa guyyaa ayyaana biyyaalessaa ta'uu labse.

    Mootummaan maaliif labsii kana akka dabarse sirriitti beekamuu baatus lammiileen biyyattii hedduun hiriira kana tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhatamedha jedhan.

    Sababa kanatti manneen barnootaa, dhaabbileen hawaasaa fi yuniversitiiwwan akka cufaman mootummaan labseera.

    Bara 2022 dubartiin Mahsa Amini jedhamtu mana hidhaatti du'uushee mormuun erga hiriiri biyyattii keessatti gaggeeffamee as hiriirri mormiin guddaan akkanaa gaggeeffamee hin beeku.

    Poolisiin biyyattii dubartiin kun hijaaba qixa sirrii ta'een uffachuu didde jechuun hidhan.

    Muddama mudate kana tasgabbeessuuf humnoonni nageenyaa baayyinaan ramadamaniiru. Keessattuu iddoo hiriirri kun irraa eegale, magaalaa Tehraan keessatti eegumsi akkaan cimeera.

    Pirezidantiin biyyattii Mas'uud Pezeshkiyaan ''gaaffii fi fedhii seera qabeessa'' hiriirtonni dhiheessan kabajuun akka deebii kennan ibsaniiru.

    Abbaan alangaa biyyattii Mohammad Movahedi-Azad ammoo qaama biyyattii tasgabbii dhorkuuf socho'u kamiifuu deebii ga'aa akka kennan dhaadatan.

  12. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Hiriira mormii Iraan, waa'ee bara haaraa, dhimmoota baha giddugaleessaa fi addunyaa mara irratti mudatan gaggabaabsinee karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu.

    Bakka nagaa oolaa!