Jibuutiin Qonsilaa Somaaliland biyya ishee keessa jiru cufte

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasa
Somaalilandi waajjira qonsilaa Jibuutii Hargeessaa jiru cufuuf murteessuu hordofee, Jibuutiinis tarkaaanfii walfakaataa fudhachuu qondaaltonni mirkaneessan
Akkasumas hojiin dippilomaasii waajjirichaan walqabatu hundi akka addaan cite himaniiru.
Dippilomaatonni qonsilaa sana keessa hojjataa turanis ergasii gara Jibuutiitti deebi'aniiru.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo waldhabdeen dippilomaasii Jibuutii fi Somaaleelaand gidduutti dabalaa dhufeetti.
Waldhabdeen gama lameenii kan uumame erga pirezidaantonni Jibuutii fi Somaaliyaa guyyoota muraasa dura Jibuutiitti wal arganii mari'atanii booda Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee mormuun ejjennoo cimaa qabatanii booda.
Halli kun dhimma Somaaliyaa fi Somaalilaandii akkasumas Gaanfa Afrikaa caalatti kan hammeessu ta'uun ibsamaa jira







