Israa'el erga waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga'amee kaasee gamoowwan 1500 ol diigdeetti
Israa’el erga Onkoloolessa 10, 2025 Hamaas waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuurra ga’anii as gamoowwan 1,500 ol diiguu ishee suuraan saatalaayitii BBC Verify arge ni mul’isa.
Suuraaleen yeroo dhiyoo Sadaasa 8 kaafaman akka agarsiisanitti, IDFn gamoowwan naannoo Israa’el to’atu hunda ji’a tokko hin guunne keessatti diiguu isaati.
BBC Verify qorannoo taaiseen naannoo sanaa suuraa adda ta'e argachuun rakkisaa ta'uu waan hubateef, lakkoofsi gamoo Israa'el barbadeesse baay'ee ol ta'uu danda'a.
Ogeeyyiin tokko tokko gamoowwan kunneen diigamuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Ameerikaa, Masrii, Qaataar fi Turkiin jaarsummaa taa’uun akka dhufu taasisan cabsuu akka danda’u himaniiru.
Garuu dubbi-himaan ittisa Israa'el BBC Verify'tti akka himanitti ''bu'uura dhukaasa dhaabuu keessatti'' socho'aa akka jiran himaniiru.
Karoorri nagaa qabxii 20 qabu Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Gaazaaf baasan ''haleellaa qilleensaa fi meeshaa waraanaa dabalatee sochiin waraanaa hundi ni dhaabata'' jedha.
Ergasii pirezidaantichi irra deddeebiin ''waraanni xumurameera'' jechuun dubbataniiru.
Suuraan saatalaayitii BBC Verified arge akka agarsiisutti humnoonni Israa’el Gaazaa irratti miidhaa guddaa geessisuu itti fufaniiru.