Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Gaazaatti ijoolleen bishaan waraabdu haleellaa xiyyaaraa Israa'elin ajjeefaman'

Haleellaa xiyyaaraa Israa’eliin ijoollee ja’a dabalatee walumaagalatti namoonni kudhan walakkeessa Gaazaatti Dilbata har'aa otoo bishaan waraabanii ajjeefamuu qondaalonni yeroo balaa himan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo Facebook, WhatsApp akkaumas YouTube gubbaa hordofaa
  • Karoorri Israa'el Filisxeemota Gaazaa gara kibbaatti geessuf qabdu falmii kaase
  • Haleellaa Galaana Diimaatti dooniirratti raawwateen lubbuun darbe
  • Tiraamp fi Netaaniyaahuun dhimma dhukaasa dhaabuu Gaazaarratti walga'ii lammaffaa geggeessan
  • Hoggantoonni gurguddooTaalibaan lama akka hidhaman ajajni bahe
  • Haleellaa Galaana Diimaarratti raawwateen lubbuun darbeera
  • Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?
  • Qabsoo ummata Oromoo keessa qoodi Ertiraa akkami?
  • Jijjiirami sharafa alaa Itoophiyaa maal buuse?
  • Masiriin affeerraa eebba hidha haaromsaa irratti argamuu hin fudhanne jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Du'a Jootaa booda taphattooti Liivarpuul of ta'uu qabu- Isloot

    Leenjisaan Liivarpuul Arnee Isloot dhimma du'a Diyaagoo Jootaan walqabatee taphattoonni of ta'uu qabu jedhan.

    Jifataan Liivarpuuliifi Porchugaal akkasumas obboleessi isaa Andiree Silvaa torban dura balaa konkolaataan lubbuu dhabaniiru.

    Taphattoonni Liivarpuul erga du'a taphataa kanaa gaafa Dilbataa tapha qabu.

    Erga Jootaan du'e booda gaaffiifi deebii jalqabaa kan taasisan leenjisaan kilabichaa, Arnee Isloot, TV Liivarpuuliif akkana jedhan.

    ''Yoo kolfuu barbaanne, ni kolfina; yoo bo'uu barbaanne immoo ni boonya.

    ''Yoo leenji'uu barbaadan ni leenji'u, yoo leenji'uu hin barbaadan ta'e hin leenji'an.

    ''Garuu of ta'i, waan miirri kee sitti himurra faallaa hin dhaabatiin,'' jechuun dubbatan.

    Owwaalchi Jootaafi obboleessa isaa magaalaa keessa dhalate, Gondomaar keessatti Sambata darbe raawwatameera.

    Sirna owwaalcha kanarratti jilli kilaba Liivarpuul hedduun hirmaateera.

  2. Gaazaatti ijoolleen bishaan waraabdu haleellaa xiyyaaraa Israa’elin ajjeefaman - Qondaalota

    Haleellaa xiyyaaraa Israa’eliin ijoollee ja’a dabalatee walumaagalatti namoonni kudhan walakkeessa Gaazaatti Dilbata har'aa otoo bishaan waraabanii ajjeefamuu qondaalonni yeroo balaa himan.

    Reeffi namoota ajjeefaman kanaa hospitaala Al- Nusiraatis Al-Awdaa geeffame.

    Ijoollee ja’a dabalatee namoonni madaa’an walumatti namoonni 16 hospitaalichatti yaalamuu hakiimni tokko ibseera.

    Namni taate sana arge jedhu akka himetti, dirooniin namoota hiriiraan bishaan jarkanatti waraabbachuuf kaampii Al-Nusraat, kuusaa bishaanii cinatti hiriiranii dabaree eeggataa turanitti dhukaasu arguu hime.

    Waraanni Israa’el dhimma kanarratti deebii akka kennu gaafatameera.

  3. Ministeera Dhimma Alaa US keessaa hojjettooti 1,000 ol ari'aman

    Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet keessaa hojjettoonni 1,000 ol hojiirraa gaggeeffaman.

    Kunis, qaama karoora bulchiinsa Pirezidant Tiraamp hojjettoota federaalaa xiqqeessuuf yaadan keessaa tokkodha jedhameera.

    Hojjettoonni kuni fedha isaaniin osoo hin taane dirqamaan kan gaggeeffaman.

    Hojjettooti 1, 107 hojjettoota sivil sarvisii yoo ta'an 246 immoo kan biyyoota adda addaa keessa tajaajilaa turanidha.

    Ragaa hojjettoota ari'aman kanaa Ameerikaatti michuu BBC kan ta;e CBS argateera.

    Baranuma hojjettoonni Ministeera Dhimma Alaa US 1,500 ol ta'an fedha ofiin hojii gadhiisuun ni yaadatama.

    Qeeqxonni hojjettoota baay'inaan baasuun hojii waajjirichi dalagu miidhuu danda'a jedhu.

  4. Bakkee gargaarsa fudhatan bira 24 ajjeefaman - Hospitaala Gaazaa

    Hospitaalli Naasir kibba Gaazaatti argamu bakkee gargaarsi qoodamuutti namootni 24 ajjeefamuu beeksise.

    Filisxeemonni bakkicha turan waraana Israa'elitu dhukaasa itti bane jedhan.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el garuu bakkichatti dhukaasa kiyyaan ''namoonni miidhaman hin jiran'' jechuun ibse.

    Gama kaaniin, qondaalli waraanaa Israa'el akka jedhanitti waraanni Israa'el namoota yaaddoodha jedheerratti akeekkachiisaaf dhukaaseera.

    Yaadonni gama qaamolee lamaanii jiran addatti mirkaneessuun hin danda'amu.

    Israa'el BBC dabalatee miidiyaaleen idil-addunyaa Gaazaa keessa akka seenan hin eeyyamtu.

    Namoonni ijaan agarreerra jedhan namoonni mataa keessa rukutamuu dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

  5. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan fuula Facebook, Chaanaalii WhatsApp fi YouTube keenya hordofaa.

    Namoota kaanis affeeraa.

    Lafa nagaa oolaa!

  6. Manni murtii olaanaa Gambeellaa barattoota maqaa nama biraan qormaata kutaa 12 qoramuuf yaalan adabe

    Mana murtii olaanaa Gaambeellaatti dhaddachi ariifachiisaa taa'e barattoota 18 burjaajjii uumuun qormaata seensa yuunvarsiitii kutaa 12ffaa qoramuuf osoo jedhanii qabaman irratti adabbii dabarse.

    Miiidyaan mootummaa naannichaa akka gabaasetti, namoonni 18 tahan maqaa barataa biraan yuunvarsiitii Gambeellaa seenuun qormaaticha qoramuuf osoo jedhan sakatta'insa taasifameen to'ataman.

    Abbaan alangaa biiroo haqaa magaala Gambeellaa namoota maqaa nama biraan qoramuuf yaalan kanneen irratti himata baneera.

    Mana murtii olaanaa Gambeellaatti dhimmi isaanii ilaalamuun manni murtichaa adabbii dabarseera.

    Manni murtichaa tokko tokkoo isaanii irratti hidhaa waggaa tokkoo fi Birrii 3,000 dabarseera.

  7. Magaalli Finfinnee baajata bara 2018 Birrii biliyoona 350 ol raggaasise

    Bulchiinsi magaala Finfinnee baajata bara 2018 Birrii biliyoona 350 mana maree magaalicaaf dhiyeessee manni marichaa raggaasise.

    Baajanni bara 2018'f darbe kun isa bara darbee waliin yoo wal bira qabamu Birrii biliyoona 108 caalmaa qaba. Kana jechuun baajanni bara dhufuu %45'n guddateera jechuudha.

    Baajanni kun ammoo gibira irraa Birrii biliyoona 238, galii manneen mana qopheessaa irraa Birrii biliyoona 56, galii gibiraan alaa birrii biliyoona 46 ol, fandii daandiiwwanii irraa birrii biliyoona 1.8 deeggarsa biyyoota alaa fi fandii irraa birrii biliyoona 6.98 tahuu ibsameera.

    Baajata ragga'e keessaa %70.35 baajata kaappitaalaaf, %26.22 baajata idileef, akkasumas %3.43 of eeggannoof akka tahu ibsameera.

  8. Xiyyaarri Meeksikoo irraa gara Landan imalaa ture erga imaltoonni wal reebanii booda US qubate

    Xiyyaarri UK- Landan irraa gara Kankun imalaa ture tokko erga imaltoota lama gidduutti wal dhabdeen hammaatee booda gara US qajeluun Meeyin keessa qubachuuf dirqame.

    Sababa kanatti namoonni xiyyaaricha keessa turan 267 Meeyin, Bangor keessa bulan.

    Wayita xiyyaarri kun bulchiinsa US handaara galaanaa taate kana qubachuuf jedhu hojjettoonni xiyyaarichaa yeroon hojiisaanii boqonnaa malee walitti fufiinsaan akka hojjetan dirqamsiisu obba’eera.

    Sababa kanatti daandiin qilleensaa kun hojjettoota bakka bu’an kan fide yoo ta’u borumtaa taateen kun mudatetti xiyyaarichi imalasaa itti fufe.

    Imaltoota xiyyaaricha keessatti wal reebuun jeequmsa uumanirratti himati hin banamne.

    Haata’u malee lameen isaaniituu xiyyaarota adda addaan gara iddoo dhalootasaaniitti deebifamaniiru.

    Qabeenya kubbaaniyyaa daandii qilleensaa Biriteen TUI kan ta’e xiyyaarri 787 Dreamliner kun Roobii darbe nagaadhaan Landan, buufata xiyyaaraa Gaatiwiik qubateera.

  9. Ashamaa Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo asiin argattu.

    Oolmaa gaarii

  10. Tiraamp meeshaa waraanaa Yukireenif akka ergu beeksisan

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Yukireenif meeshaalee waraanaa akka ergan beekisan.

    Kunis sirna ittisa haleellaa qilleensarraa Paatiriyoots jedhamu dabalatee meeshaalee waraanaa garaa garaa Yukireenif akka ergan ifa godhan.

    Meeshaalee waraanaa kanneen ammoo karaa biyyoota miseensa NATO ta'aniin Yukireen akka qaqqabuudha kan ibsame.

    Tiraamp miidiyaa NBCtti akka himanitti, sirna ittisaa haleellaa qilleensarraa Yukireen akkaan barbaaddu kana NATOdhaaf erguun sana booda NATOn dabarsee Yukireenif kenna.

    Baasii meeshaalee waraanaa kanneen ammoo NATOn akka kaffalu himan Tiraamp.

    Tiraamp meeshaalee waraanaa Yukireen akka ergu kan dhagahame pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Tiraamp waliin marii gaarii gochuu ibsuu hordofeeti.

    Yeroo dhiyoo as Raashiyaan haleellaa qilleensarraa cimaa Yukireen irratti banuurraa kan ka'e Yukireen siran ittisa haleellaa qilleensarraa US irraa dhimmitee akka barbaaddu beeksisaa turte.

    Sirni ittisaa haleellaa qilleensarraa US Paatiriyoots misaa'eloota fageenyarraa adda baasun qolachuun beekama. Paatiriyoots addunyaaarratti sirna ittisaa ammayyaati jedhamee amanama .

  11. Qondaalli tikaa olaanaa Yukireen magaala guddoo keessatti guyyaa saafaa rasaasaan ajjeefaman

    Qondaalli tikaa olaanaan Yukireen magaalaa guddoo biyyattii Kiiv keessatti guyyaadhaan rasaasaan ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii beeksisan.

    Qondaalli olaanaan tajaajila tika dhimma biyya keessaa Yukireen bakka konkolaataan dhaabbatutti nama eenyummaansaa adda hin baaneen itti dhiyaachuun yeroo baayyee erga itti dhukaafamee booda lubbuun darbuutu himame.

    Namni ajjeechaa kana raawwate bakka sanaa baqachuun yeroo adeemu viidiyoon agarsiisu miidiyaa irratti qoodameera.

    Dhaabbanni tikaa ittigaafatamaa jalaa ajjeefame maqaadhaan ibsuu baatulleen, miidiyaaleen Yukireen garuu Koloneel Ivaan Vooronyich akka ta'an gabaasaniiru.

    Dhaabbanni tika biyya keessaa (SBU) jedhame nageenyaafi basaasa biyyattii adda durummaan kan gaggeessudha. Dabalataaf dubbiifachuuf karaa kana dhaqaa.

  12. Naayijeeriyaan dhiibbaa bulchiinsa Tiraampiif hin jilbeenfattu- Min. Dhimma Alaa Naayijeeriyaa

    Naayijeeriyaan dhiibbaa bulchiinsa Tiraampiif hin jilbeenfattu jedhan Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Yuusuuf Tuugaar.

    Naayijeeriyaan lammiilee Venezuweelaa Ameerikaan biyyaa baaste dirqamtee simachuun biyya ishee akka hin tursiifne himte.

    ''Nuyi amma uummata miliyoona 230 ol qabna',' jedhan.

    Ameerikaan biyyoota baqattoota biyyakoo keessaa baasee itti ergu fudhachuu didan irra qaraxa guddaa kaa'a, akkasumas dhorkaa viizaa irrattin dabarsa jettee doorsisuu hordofee deebii kennanidha.

    "Naayijeeriyaan baqattoota Venezuweelaa 300 simachuun haqa qabeessa miti,'' jedhan.

    Daangaan tibbana viizaa lammiilee Naayijeeriyaa irraa kaa'ame tarkaanfii kallattii fudhatame osoo hin taane ''tooftaa dhiibbaa uumuuf fayyadamanidha'' jedhan.

    Sirreefama imaammata immigireeshinii irratti taasifte hordofee Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaa, Kaameeruunii fi Itoophiyaaf viizaa ji'a sadiif qofa turuufi al takkaa qofa seenanii bahuuf gargaaru akka kennitu himte.

    Kana dura lammiilee Itoophiyaa viizaa waggaa lamaaf turuufi yeroo adda addaa seenanii bahuuf gargaaru argatu ture.

    Naayijeeriyaan guutummaan miseensa BRICS tahuu baattus biyya michuu BRICS salgaffaa taatee galmoofteetti.

    Tiraampi ammoo biyyoota miseensa BRICS tahan irratti qaraxa olaanaa dabarsa jechuun doorsisaniiru. Ministirri kun garuu dhimmi miseensa BRICS tahuu fi qaraxa dabarsuu waan wal qabatu hin qabu. Ameerikaan biyyoota Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jirti jedhan.

    ''Nuyi baqattoota Venezuweelaa mana hidhaa US bahan kallatumaan simachuun nutti ulfaata. Nuyi rakkoo mataa keenyaa hedduu qaban, waan sagalee guddisanii dubbataniif jecha dhimmatti baqattoota Venezuweelaa fudhannuuf hin qabnu'' jedhan.

  13. Hidhattoonni PKK waggoota 40 oliif Tarkii lolaa turan meeshaa hiikkachuun guban

    Waggoota 40 oliif mootummaa Tarkii irratti hidhachuun qabsaa'aa kan turan hidhattoonni Kurdii PKK jedhaman meeshaalee waraanaa isaanii hiikkatan.

    Mallattoo wlaiigalticha hojiitti hiikuu isa jalqabaati jedhame.

    Gara loltoota 30 kan tahan dhiiraa fi dubartootaan meeshaa waraanaa isaanii lafa kaa'aniiru.

    Adeemsi meeshaa waraanaa hiikkachuu ganna darbe jalqaba jedhamee eegamaa ture.

    Mootummaan Tarkii ''Tarkii shororkeessitoota irraa bilisa taate'' bira gahuuf adeemsa ''murteessaa irra jirra'' jedhe.

    Erga walitti bu'insichi jalqabee uummanni gara 40,000 tahan ajjeefamaniiru. Kana irraa ka'uun PKK Tarkii, US, UK fi Gamtaa Awurooppaa keessatti akka shororkeessatti galama'aniiru.

    Hidhannoo hiikkachuun kun Tarkii keessatti qofa osoo hin taane Sooriyaa, Iraanii fi Iraaq keessattis kan dhagahamu taha.

    Bakka Gaazexeessitoonni, namoonni siyaasaa, Paartii mormituu Dem jedhamu kan PKK deeggaran gara holqa Jasana jedhamu geefaman.

    Bakki kun Kaaba Lixa magaalaa Suleemaaniyaa kan Kaaba Iraaqitti argamudha.

    Loltoonni PKK ajajoota olaanoo afur dabalatee achitti argamuun meeshaa waraanaa isaanii hiikkatanii abidda itti qabsiisan.

    ''Fedha mataa keenyaan osooma isin as hin gahiiniyyuu meeshaalee keenya dhabamsiifneerra, kun ammoo kutannoo nagaaf qabnu agarsiisa'' jedhe garichi.

  14. Diyaaz, Tiroosaard, Roodiriigoo, Giyookeresh... jijjiirraa taphattootaa har'a odeeffamu

    Baayer Muniik taphataa sarara cinaa Liiverpuul fi Kolombiyaa umuriin isaa waggaa 28 ta'e fudhachuuf Paawondii miliyoona 44.7 dhiyyeesse.

    Yaalii Notingihaam Forest taphataa sarara fuula duraa Bireentifoord Yohaanee Wisaa fudhachuuf taasisu ammas kufeera. Bireentifoord taphataasaa lammii Koongoo umuriin isaa waggaa 28 ta'e kanaaf maallaqa dhiyaate xiqqaadha jechuun amma Paawondiin miliyoona 50 akka barbaadu ibseera.

    Liiverpuul taphataa sarara fuula duraa Eyintiraakt Firaankifart fi Faransaay Huugoo Ekitikee mallatteessifachuuf marii jalqabuuf qophii ta'uu ibseera.

    Taphataa umuriin isaa waggaa 23 kana fudhachuuf marii jalqabuu dura garuu Liiverpuul jifataan isaa lammii Yuraaguwaay umuriin isaa waggaa 26 ta'e dura gurguramuu isaa mirkaneeffachuu barbaada.

    Odeessa kana ba'inasaa argachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  15. Falamataan Filisxeem immigireshinii Ameerikaan guyyoota 100f hidhamee ture beenyaa dolaara miiliyoona 20 gaafate

    Ameerikaatti barataan Yunivarsitii Kolombiyaa Maahmud Kaaliil, deeggarsa Filisxeem yunivarsiticha keessa tureerratti sababii hirmaateef jecha immigireshinii biyyattiin guyyoota 100f hidhamuu hordofee miidhaa mootummaan biyyattii irraan gaheef beenyaan akka kanfaluuf himata bane.

    Abukaatoonni maamillisaanii hidhaa sobaa, himannaa dabaan guutamee, akkasumas farra Semetikii jedhamuun aanga'oota bulchiinsa Tiraampiin miidhaa irra gaheef beenyaa doolaara miiliyoona 20 akka kaffalamuuf Kamisa kaleessaa himannaa banan.

    Maahimuud sababii jaarsuummaa aanga'oota Yunivarsitii Kolombiyaa fi barattoota deeggaraa Filisxeem ta'eef gaggeeffameetiin, akkasumas ejjennoo cimaa warra farra Filisxeem ta'an dura dhaabbachuun beekamaa ta'eera.

    Ameerikaatti hayyama jireenyaa dhaabbataa kan qabu Maahimuud aanga'oota imigireeshiniitiin hidhaaf kan saaxilame Bitooteessa 8, 2025 ture.

    Sochiin mirga namoomaa Maahimuud kan faayidaa biyyaaleessa Ameerikaatiin faallaa ta'edha jechuun mootummaa Ameerikaa biyyaa arii'uuf barbaada.

    Haata'u malee, Maahimuud biyyaa bahuufis ta'e yaaddoo hawaasaa miti jechuun imigireshiniin hidhaarraa akka gadhiisuufi adeemsi imigireshiiniisaa biyyaan ala ta'ee akka hordofu abbaan seeraa baatii Waxabajjii keessa murtee dabarsee ture.

    Maahimuud sobaan to'annoo jala-oolfamuun, dabaan himannaan irratti dhiyaate, ta'e jedhamee adeemsa isaa walxaxaa taasisan, gochaawwan miirasaa tuqan ta'e jedhamee aanga'oota mootummaa Ameerikaatiin irratti raawwatmeera jedhu abukaatoonni isaa yoo falman.

  16. Imala Dr Feeneet: Hoorroo hanga yunivarsitiiwwan Afriikaa fi Awurooppaatti

    Dr. Feeneet Balaay Dhaabaa jedhamti. Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallagga, magaalaa Shaambuutti dhalattee guddatte. Amma Yunivarsiitii Jimmaa, kolleejjii qonnaafi fayyaa beelladaatti barsiistuu fi qorattuu taatee tajaajilaa jirt.

    Dr. Feeneet haala keessa dabarteefi milkaa'inashee ilaalchisuun turtii BBC waliin taasifte akkasiin qindeessineera.

    Barnootashee sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Daaddoo Siree Budootti, kan lammaffaafi qophaa'ina ammoo Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaafi qophaa'inaa Shaambuutti baratte. Barnootasheettis qaxalee turte.

    Digiriishee jalqabaa yunivarsiitii Miizaan Teeppiirraa gosa barnoota 'Geography and Environmental Studies' jedhamuun qabxii olaanaan eebbifamte. Yeroo sanattis pirezidaantii barattoota dubartoota taatee ganna sadiif tajaajilteetti. Bal'ina odeessa kanaatiif karaa kanaan seenuu dandeessu.

  17. UKn godaantota bidiruun seenan torban keessatti gara Faransaayitti deebisuuf

    Yunaayitid Kingidam godaantota bidiruuwwan xixiqqaatiin Faransaay irraa gara biyyashee seenan, torbanoota keessatti deebisuu akka jalqabdu ministirri muummee UK Sir Kiir Istaarmar himan.

    Karoora haaraa bahe kanaan godaantonni gara biyyattii seenan tokko tokko gara Faransaayitti yoo deebiyan, UK ammoo godaantota hanga tokko kolu-galtummaa gaafatan sakatta'insa nageenyaa taasisuun ni fudhatti.

    Daawwannaa hojii guyyoota sadiif Landanitti kan argaman pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin ibsa waloo baasaniin, MM Istaarmar yaaliiwwan bidiruuwwan xixiqqaan ce'uf taasifaman "bilaasha" ta'u jedhan.

    Karoorri kun torban tokko keessatti namoonni 50 ta'an akka deebiyan taasisuun kan gabaafame yoo ta'us, ministirri muummee UK kun garuu lakkoofsa kana hin mirkaneessine.

  18. Israa'el ofii boombii nukilaraa osoo qabduu sagantaa gabbisa nukilara biyyoota naannoshee maaf danqiti?

    Biyyoota Baha Giddugalaa keessaa boombii nukilaraa kan hidhate Israa'el qofaadha. Isheen garuu meeshaa waraanaa balaafamaa kana qabaachu hin haaltus hin amantus.

    Boombii nikularaa 90fi isaa ol akka qabdutu amana; qabaachuushee kan ifa godhe ammoo lammiidhumasheeti.

    Saayintistii nukilaraa Israa'el kan ta'e Mardokaayi Vanuunuu bara 1986tti biyyisaa dhoksaan nikulara gabbisaa akka ijaartefi boombii nukilaraa hidhachuushee ifatti dubbate.

    Icciitii Israa'el waggootaf qabattee teesse waan jalaa baasef nageenyasaaf sodaatee biyyaa bahe. Garuu tiki Israa'el qabee biyyatti deebisuun himanni biyya ganuufi odeeffannoo icciitii baasuu irratti banamee hidhaan waggaa 18 itti murame.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galuun argattu.

  19. Winger yaada Kiloop Waancaa Addunyaa Kilabootaa ilaalchisuun kenne qeeqe

    Arsen Winger yaada Yaargen Kiloop Waancaa Addunyaa Kilabootaa ilaalchisuun kenne qeeqeera.

    Winger dubbii Yaargen Kiloop Waancaan Addunyaa Kilabootaa "yaada hanga ammaatti uumame keessaa isa badaadha” jedheef deebii kenneen "dorgommii ajaa’ibaa" kilaboonni jaallataa jiranidha jechuun yaadni Kiloop sirrii akka hin taane dubbate.

    Leenjisaan duraanii Liivarpuul Kilooppi baatii Waxabajjii keessa dorgommii gara gannaatti jijjiirameefi gara garee 32 hirmaachisuutti babal'ate kana hin barbaachisu jedhee ture.

    Haata'u malee, leenjisaan Arsenaal duraanii Winger kan amma hogganaa guddina kubbaa miilaa addunyaa FIFA ta'uun hojjechaa jiru, waancaa Kilaboota Addunyaa gareewwan, taphattootaafi leenjistoota dhimmicha keessa jiran irraa deeggarsa guutuu qabudha jedhe.

    "Waancaa Kilaboota Addunyaa akka barbaachisu natti dhagahama. Kilaboota as turan hundaaf gaaffii yoo dhiyeessitan deebii 100% irra deebi'anii itti hirmaachuufi irratti hojjechuu ta'a. Hirmaattonni Waancaa Kilaboota Addunyaa maal akka yaadan deebii gaarii ta'tu dhaga'ama."

    "Gaaffiin murteessaan immoo deeggartoonni ni jaallatu moo hin jaallatan? Kan jedhudha jedhe Winger.

    FIFAn waancaa addunyaa guutuu Ameerikaa Kaabaa bara 2026 dursee taphoota isaa irra caalaan Ameerikaa keessatti taasifamu dura akkaataa ho’a itti danda’uu fi dirree fooyyessuu irrattis barumsa argachuuf karoorfateera.

  20. Tiraamp meeshaalee Kaanaadaa irratti qaraxa dhibbeentaa 35 dabaluuf

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Hagayya 1 irraa eegaluun meeshaalee Kaanaadaa irratti qaraxa dhibbeentaa 35 akka dabaluu danda'an ibsaniiru.

    Tiraamp kana kan ibsan wayita biyyoonni lameen waliigaltee daldalaa haaraa irra ga'uuf yeroo eeggataa jiranitti.

    Tiraamp michuuwwan daldalaa isaaniirrattillee qaraxa dhibbeentaa 15 ykn 20 dabaluuf wayita dhaadataa jiranitti kan Kanaadaa kana ibsan.

    Yeroo dhihootti ammoo biyyoonni Gamtaa Awurooppaa qaraxa haaraa ni keessummeessu jechuun akeekkachiisan Tiraamp.

    Pirezidantiin US kun xalayaa akeekkachiisaa miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansaniin tarkaanfii Kanaadaa irratti fudhatan kana ibsan.

    Xalayaan sun Ministira Muummee Kanaadaa Maark Kaarniif barreeffame.

    US kanaan duras meeshaalee Kanaadaarra qaraxa dhibbeentaa 25 keessee jirti.

    Biyyattiin bulchiinsa Tiraamp jalatti gama daldala alergiin baayyee qoramaa jirti.

    Tiraamp michuuwwan daldalaa US kan ta'an kanneen akka Jappaan, Kooriyaa Kibbaa fi Sirii Laankaa irrattis qaraxa dabalaniiru.

    Tarkaanfiin biyyoota kunneen irratti fudhatames akkuma kan Kanaadaa Hagayya 1 irraa hojiirra ooluu eegala.

    Tiraamp oomishaalee aluuminiyeemii fi sibiilaa irratti qaraxa dhibbeentaa 50 akkasumas konkolaataawwan US keessatti hin hojjetamin hundarratti qaraxa dhbbeentaa 25 dabalaniiru.