Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Ajajni Tiraamp mallatteesse kun haga qaraxa kaa'amuu ifatti ibsuu baatus dhibbentaa 25 akka fakkeenyaatti eereera. Akkaataa qaraxni kun ittiin hojiirra oolus hanga ammaa ibsi dabalataa hin kennamne.
Ajajni haaraa kun hojiirra kan oolu "kallattiinis ta'e al kallattiin biyyoota Iraan irraa meeshaa bitan ykn tajaajila bitatan; gara biyyasaaniitti galchan ykn karaa biraatiin argatanirrattidha.
Biyyoonni kunneen omishaaleen gara Ameerikaa galchanis qaranni irra ni kaa'ama.
Tiraamp waa'ee qaraxa haaraa kana kallattiin yaada irratti hin kennine. Haata'u malee, Jimaata galgala xiyyaara pirezidantii Airforce One irratti yaada gaazexeessitootaaf kenneen, "Iraan meeshaa nukilaraa qabaachuu hin qabdu" kan jedhu ejjennoosaa irra deebiin mirkaneesseera.
Pirezidant Tiraamp tarkaanfii kana kan fudhate torbanootaaf muddama keessa kan jiran aanga'oonni olaanoo Ameerikaa fi Iraan gara Omaan deemanii marii taasisaa jiranittidha.