Gamtaan Afrikaa garee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa hordofu Maqaleetti bobbaase

Tigraayitti walitti bu'iinsi erga dhalatee turee booda Gamtaan Afrikaa garee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa to'atu gara Maqaleetti erge

Guduunfaa

Gamtaan Afrikaa garee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa hordofu Maqaleetti bobbaase

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sudaan Kibbaa daangaa Itoophiyaatti haleellaan xiyyaaraa hospitaalarratti raawwate

    Bakka haleellaa qilleensaan barbadaa'e

    Madda suuraa, MSF

    MSF akka gabaasetti haleellaa kanaan hojjettoonni gargaarsa kennan hedduun achi buuteensaanii dhabameera.

    Haleellaan kun Sudaan Kibbaa bulchiinsa Joongilee keessatti hospitaala MSF irratti raawwatame.

    ''Humnoota mootummaa Sudaaniin haleellaan qilleensaa nurratti raawwatameera,'' jedhe jaarmiyaan kun.

    Mootummaan Sudaan Kibbaa garuu himannaa jaarmiyaa gargaarsaa kanarratti hanga yoonaa waan jedhe hin qabu.

    Bulchiinsuma kana keessatti buufata fayyaarratti haleellaan raawwatamuu kan ibse MSF kanaanis ''yeroo ammaa buufati kun hawaasa naannoof tajaajila kennuu hin danda'u,'' jedhe.

    Hojjettoonni isaa haleellaa kana jalaa dheessuun naannoo sana gadhiisuu kan ibse jaarmiyaan kun, hanga ammaa eessa akka jiranii fi maaltu akka isaan mudate hin beeku jedhe.

    Dhiheenya mootummaa fi hidhattoota Riik Machaariin durfaman gidduutti bulchiinsa Joongilee keessatti waraanni gaggeeffamaa jira.

    Waraanni kun Sudaan Kibbaatti waraana waliinii deebisa sodaa jedhu uumeera.

    Haleellaawwan qilleensaa dhiheenya kana gaggeeffamaa jiraniin lammiileen Sudaan Kibbaa kuma 280 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

    Erga Sudaan Kibbaa Sudaan irraa adda ba'uun biyya of dandeesse taatee waggaa lama booda, bara 2013 waraanni waliinii Riik Machaar fi Salvaa Kiir gidduutti eegalee biyyattii baayyee hubee ture.

    Waraana lubbuu namoota kuma 400 ta'anii galaafate booda aanga'oonni lameen bara 2018 nagaa buusan, waraannis dhaabbate.

    Waraanni sun dhaabbatus qoccolloon aanga'oota lamaanii fi sababa kanatti ammoo walitti bu'iinsi gosootaa hanga yoonaa hin dhaabbanne.

  2. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Shaakkisoo jalqabame

    Aanga'oonni naannoo Ormiyaafi Federaalaa ijaarsa Buufata xiyyaaraa Shakkisoo wayita jalqabsiisanitti

    Madda suuraa, FBC

    Naannoo Oromiyaa, godina Gujiitti ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Shaakkisoo guyya har’aa ifatti jalqabamuu miidiyaan biyya keessaa gabaasaniiru.

    Ijaarsa buufata xiyyaaraa kana pirezdantiin mootummaa naaannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa jalqabsiisaniiru.

    Sagantaa jalqabbii ijaarsa buufata xiyyaaraa kanarratti hoji-gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasoo, aanga’oonni ol aanoo federaalaa fi naannoo, ummanni naannawaa, abbootiin Gadaa fi haadhotiin Siinqee, akkasumallee keessummoonni argamaniiru.

  3. Biriiteen namoota jaha waraana Sudaan hammeessan qoqqobde

    Jeneraal Hemetii fi Alburhaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Hemetii fi Alburhaan

    Biriiteen kanneen waraana Sudaan keessatti yakkoota sukkanneessoo raawwatanii fi walitti bu'iinsa hammeessan jettuun namoota jaharra qoqqobbii keesse.

    Qaamoleen kunneen qaxaramtoota waraanaa bobbaasuun, meeshaa waraanaa dhiyeessuun kanneen lola kana keessatti qooda qaban jedhe mootummaan.

    Tarkaanfiin kun ajajoota olaanoo garee Humna Dafee Dhaqqabaa (RSF), Humna Waraanaa Sudaan irratti kan xiyyeeffatu jedhe mootummaan Biriiteen.

    Waraanni Sudaan Ebla 2023 eegale namoota miliyoona lama kan buqqise yoo ta'u, humnootni alaas itti hirmaachuun gaaga'ama namoomaa olaanaa hordofsiise.

    JI'a kana daangaa Sudaanii fi Chaad kan daawwatan minstirri dhimma alaa Biriitish Vettee Kuuppar, "Dhukaasni saffisaan akka dhaabbatuu fi gargaarsi namoomnaa danqaa malee kanneen gargaarsa barbaadan akka dhaqqabu feena" jedhanii turan.

    Qoqqobbii kanaan, sirna waraanaa kanneen waraana kana keessatti hirmaatanii fi gaaga'ama kanarraa bu'aa buufatanii burkuteessuu feena" jedhan Kuuppar.

    Mootummaan Biriiteen namoota sadi kan biraa Alvaaoro Andirees Kujiyaanoo, Maateyoo Andirees Dukuu Boteeroe, and Kilaawudiyaa Viviyaanaa Oliveeroos Foreeroo jedhamanis qoqqobe. Namoonni kunneen loltoota alaa qacaranii bobbaasuu ykn hidhannoo bituu keessatti kanneen hirmaatan jedhan.

    Ajajaan duraanii RSF Abuu Aqlaa Mohammad Kayikaal, Ajajaan dirree RSF Field Komaandar Huseen Barshqam, fi Gorsaan faayinaansii RSF Musxafaa Ibraahim Abdal Naabi Mohammad. keessatti argamu.

  4. Ameerikaan meeshaalee waraanaa Taayiwaaniif dhiyeessiturratti ' of eeggannoo gochuu qabdi' - Shii Jiin Piing

    Tiraampiifi Shii Jiin Piing

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan Chaayinaa Shii Jiin Piing hariiroo Ameerikaafi US keessatti dhimmi Taayiwaan ''dhimma akkaan murteessaa dha,'' jedhan haasaa bilbilaa Pireezidantii Donaaldi Tiraamp

    Shiin Tiraamp Taayiwaaniif yeroo meeshaa waraanaa dhiyeessu ''of eeggannoo gochuu qaba'' jechuu miidiyaan biyyalessaa gabaaseera.

    Dhimma biyyoota lamaaniif murteessaa tahe kanaaf gamni lamaanuu furmaata fiduuf hojjechuu qabu jedhan.

    Tiraamp haasaa bilbilaan Shii waliin taasisan ''baayyee gaariifi dheeraa'' jechuun dubbatan.

    Tiraamp Ebla dhufu Chaayinaa daawwachuuf qophaa'aa jira, imalasaa kanas ''akkaan kan eegamu'' jedhan.

    Dabaluunis Chaayinaan boloqqee toonii miiliyoona 20 Ameerikaarraa bituuf tahus himaniiru.

  5. Ameerikaan olaantummaa Chaayinaan albuudota ijoo irratti qabdu cabsuuf hojii eegalte

    JD Vaansiifi Maarkoo Ruubiyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan albuudota ijoo jedhamaniif zoonii daldalaa banuuf tattaaffii jalqabdeen olaantummaa Chaayinaa cabsuuf yaalaa jirti.

    Albuudoti ijoo kunneen bilbila ismaartifoonii irraa qabee hanga oomisha meeshaalee waraanaatti fayyadu.

    Roobii darbe Ministeerri Hajaa Alaa Sagantaa Albuudota Ijoo jalqabaa qopheesse dhaaboti biyyoota UK, Gamtaa Awurooppaa, Jaappaan, Hindii, Afrikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa fi Deemookiraatiik Riippaabliik Koongoo fa'a iratti hirmaataniiru.

    Bakka buutonni biyyoota kunneenii albuudota koompiitaraafi konkolaataa elektiriikii oomishuuf fayyadan irratti marii'ataniiru.

    Albuudota gatii jabeessa jedhaman kunneen baasuu irratti Chaayinaan olaantummaa qabattee jirti.

    Ibsa mootummaan US baasee keessatti Pireezidantii Ittaanaa JD Vaans fi Ministarri Hajaa Alaa Maarkoo Ruubiyoo maqaa Chaayinaa hin eerre.

    Vaans ''dhiyeessiin albuudotaa biyyoota alaa'' gabaa waan to'atee jiruuf biyyooti kaan maallaqa ittiin albuudota kana baasan argachaa hin jiran jedheera.

    Ameerikaan taarifa fayyadamuun albuudoti ijoo gatiin isaanii gad bu'ee invastimantii akka hin daangeessine gooti jedhe.

  6. Hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa hordofuuf Gamtaan Afrikaa hojjattoota gara Tigraayitti erge

    Ogeeyyii Gamtaa Afrikaa

    Madda suuraa, African Union Political Affairs Peace and Security

    Gamtaan Afrikaa garee hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa hordofu Maqaleetti bobbaasuu beekise.

    Gamtaa Afrikaatti Waajjirri Dhimmoota Siyaasaa, Nagaafi Tasgabbii fuula X gubbaatti akka beeksisetti, hojjattoonni gamtichaa hojiirra oolmaa Waliigaltee Piritooriyaa to'atan boqonnaarra erga turanii booda Maqaleetti bobba'an.

    Kuni kan dhagahame torban darbe humnoota mootummaafi hidhattoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi muddamni cimaan erga uumamee boodadha.

    Komishiniin Gamtaa Afrikaa torbee darbe ibsa baaseen haalli Tigraay keessa jiru akka isa yaaddessuufi qaamoleen lachuu Waliigaltee Piritooriyaa akka kabajaniifi hojiirra oolmaasaafis tumsa akka godhan waamicha dhiyeessee ture.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Odeeffannoo waktaawaa biyya keessafi idiladdunyaa duuka buunee isin biraan geenya.

    Fuula marsariitii, Facebook, YouTube fi WhatsApp keenya irraas odeessawwan waktaawoo ni argattu.

    Dhiyaadhaa!