Hawaan teenya gaaf tokko shuntuuruu dandeessi - saayinsii

Teleskooppii gammoojjii Ariizoonaa gaalaaksiiwwan miliyoonota hedduu hordofu

Madda suuraa, KPNO/NOIRLa

Ragaaleen haaraan amma dhalachaa jiran akka akeekanitti humni raajiin wayii kan Daark Inarjii jedhamu beekumsa keenya yeroo fi iddoo amma qabnu jijjiiruu danda'a jedha argannoon haaraan.

Xiinxalli tuuta saayintiistoota Kooriyaa Kibbaa akka akeeketti, Hawaan teenya dhisamuu osoo hin taane, gaalaaksiiwwan humna guula harkisa lafaatiin harkifamanii, walitti shuntuuruu danda'u. Astiroonomaroonni shuntuura kanaan 'Big Crunch' jedhuun.

Saayintiistoonni dhimma kana keessatti qooda fudhatan akka amananitti argannoon jabaan dhaloota tokko keessatti as bahuu danda'a.

Astroonomaroonni warri kuun immoo argannoo kanarratti gaaffii kaasu, gaaffiin isaanii garuu argannoo tuuta saayintiistootaa Kooriyaa Kibbaa kana waan faallessu hin dhiyeessine.

Gaalaaksiiwwan kumaatama Hubble Space Telescope'dhaan yoo laalaman

Madda suuraa, NASA

Daark Inarjiin maali?

Tanaan dura astiroonomaroonni hawaan dhisamaa deemti jedhu ture. Dhisamuun kun taatee waggoota biliyoona 13.8 har'aa ture kan Biig baang jedhamuun eegale jedhamee amanama. Dhisamuun kun dhawaatammoo humna harkisa lafaatiin hir'achaa dhufa jedhu ture.

Argannoon bara1998 humni dhisamuu hawaa tanaa saffisiisu 'Daark Inarjii' jedhamu jiraachuu akeeke.

Qorannoon urjiiwwan ifanii fi dhowan supparnoovaas jedhamanirratti qoratame akka agarsiisetti gaalaaksiiwwan walitti siquu caalaa saffisaan walirraa fagaachaa deemu.

Tiyooriiwwan tokko tokko immoo akka jedhanitti saffisni hawaan ittiin walirraa dheessu kun urjiiwwan walirraa fageessee booda keessa halkan halkan samiirratti urjiileen nutti mul'achuu dhiisuu danda'u, darbees waan nama rifaasisu atoomonni mataasaanii tatarsaasuu danda'a. Kana 'Big Rip' jedhaan saayintiistonni.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Falmiin kanarratti kan eegale Bitootessa darbe bu'aa hin eegamin teleskooppii gammoojjii Ariizoonaa keessa jirurratti kan hidhame meeshaa Dark Energy Spectroscopic Instrument (Desi)jedhamuun argameeni.

Meeshaan 'Desi' jedhamu kan teleskooppiirratti hidhame waayee daark inarjii qorachuufi.

Meeshichi saffisa gaalaaksiiwwan miliyoonotaa of eeggannoo fi gadi fageenyaan faana kan dhahe dha, argannoon boodarra bira gahame garuu waan astiroonoomaroonni hin eegin ture.

Ragaan argame saffisni gaalaaksiiwwanii yeroodhaa yerootti dabalaa akka jiru kan akeeke dha. Kun tana dura waan beekamuun waan wal faallessu dha projektii Desi keessatti qooda fudhachaa kan jiran yunivarsiitii kolleejjii Landan Profeesar Ofar Lahaav.

"Oliif gadi jijijjiiramuun daark inarjii kun tooftaa biraa nu barbaachisa. Kun guutummaa damee fiiziksii waan raasu, " jedhu.

Sadaasa keessa tuuta 'Royaal Astiroonomikaal Sosaayitii (RAS)' kan Kooriyaa Kibbaatin qorannoon bahe daark inarjiin raajii addaa qabaachuu akeeke.

Magaalaa Seehulitti kan argamu yunivarsiitii Yonseey Prof Yaang Wuuk Lii fi tuutni isaa ragaa argannoo Suupparnoovaa daark inarjii waggoota 27 dura argame keessa deebiin xiinxalan.

supparnoovaawwan hunduu qixxee ifa qabu, jedhanii yaadurra, umriiwwan gaalaaksiiwwanii isaan keessaa dhufanii fi hagam qabatamaatti supparnoowwan akka ifan adda baasan.

Adda baafachuun kun daark inarjiin yeroo gara yerootti jijjiiramaa dhufuu qofa osoo hin taane, waan nama rifaasisu, saffisni isaaniis gad bu'aa dhufaa jiraachuu isaanii mirkaneesse.

"Hireen Hawaa tanaa ni jijjiirama," jechuun BBC'tti hime Prof Lii.

"Daark inarjiin yoo dhaabbataa hin taane fi dadhabaa dhufe, kun hubannoo hawaarratti qabnu (cosmology) guutuutti jijjiira."

Yoo, akka bu'aa qorannoo Prof Lii, humni gaalaaksiiwwan walirraa dhiibu-daark inarjiin- dadhabaa jira yoo ta'e, hireen tokko akka malee dadhabuu isaa yoo jiraate, guulli harkisa lafaa gaalaaksiiwwan walitti harkisuu eegala.

"Dhumni isaa tatarsa'uu giddicha (Big Rip) osoo hin taane, shuntuura guddicha (Big Crunch) dhalachuu danda'a.

"Walii carraa isa kamtu mo'ata, waan jedhu kan irratti hundaa'u amala qabatamaa daark inarjiirratti ta'a, deebiisaa immoo ammatti hin beeknu," jedhu Prof Lii.

Qorannoon Prof Lii ogeeyyii waahillan isaatiin madaalamee joornaalii beekamaa 'Royaal Astiroonomikaal Sosaayitii (RAS)' irratti maxxanfameera.

Yaadni isaa kun astiroonomarootaan damee kanaatiin hin fudhatama hin arganne. Prof Joorj Ifstaatiwoo Yunivarsiitii Kaambiriijii Institiyuutii Astiroonomiitti damee kanarra hojjetu.

"Akkan hubadhe wantichi dhimma supparnoovaa waan hin barbaachifne tuttuqa," jedha. " hariiroon inni umrii waliin qabu baay'ee jabaa miti, kanaafuu, 'hariiroo' akkasiirra dhaabbatanii waa murteessuun balaafamaa dha. "Yaadichi anaaf laafaa natti fakkaata" jedhu.

Yaadni ilaalcha waliigalaa, Hawaan ammallee saffisa daark inarjii hin jijjiiramneen sochooti kan jedhu dha.

Prof Liin garuu qeeqa kana hin fudhatan.

Ragaan keenya gaalaaksiiwwan 300 bu'uura kan godhate. Carraan tiriliyoona keessaa tokko uumamuu ni jira. Kanaafuu qorannoon keenya baay'ee, baayee murteessaa ta'uu jabeesseen amana."

Argannoo qorattoota Kooriyaa Kibbaa kanatti aanee, tuutni lama ifa supparnoovaawwan garii sakatta'anii turan.

Qorannoowwan duraanii Desi keessatti dhimma itti bahaman kan Bitootessa keessa bu'aan isaanii bahe keessa deebi'anii laalutti deebi'an. Waan kun falmii jabaas uume.

Bu'aa qorannoo Bitootessaa keessa deebiin ilaalun kan barbaachiseef yaadni daark inarjiin jijjiiramaa jedhu waan falmisiisaa dhufeefi.

Tuutni lamaanuu dhawaata yaada akeektuu bu'uuraa turerraa duubatti jedhanis, garuu yaadni bu'uuraa akeektuu ture shakkiin hedduun irratti ka'us hin jijjiiramne.

Waa maraafuu dhimmoota hawaan wal qabatanirratti hanga waan qabatamaarra gahamutti kaka'umsi, shakkiin, falmiin itti fufa.

Waraqaawwan saayinsaawaa dhibbaan lakkaawaman dhimma kanaan wal qabatan maxxanfamanii jiru. Ammoo astiroonomaroonni yaada irra wayyaa qaba jedhanirratti garaagarummaa ni qabaatu. Kun waan hamaas miti jedhu, Daarektarri itti aanan RAS Prof Roobart Maaseey.

"Dhumni hawaa maal akka ta'ee fi akkamiin akka eegalu namni baruu hin feene jiraa" jedha.

"Ilmi namaa yoomillee waan kana baruu fedha. Karaa amantiis jettu karaa saayinsiis.

"Yaaduudhuma danda'uun, Laal! Wantoonni waggoota biliyoona hedduu booda akkana ta'u, waan addaa mitii kun?"

Meeshaa hawaa ittiin qoratan

Madda suuraa, Marilyn Sargent/Berkeley Lab