Ameerikaan lakkoofsa loltoota Jarmanii qabdu keessaa 5,000 hir'isuufi

Madda suuraa, Getty Images
Doonaald Tiraampii fi Chaansilerri Jarman Fireedirik Meerz erga yaadaan wal dhabanii Dippaartimantiin Waraanaa US lakkoofsa loltoota US, Jarmanii qabuu 5,000 akka hir'isu ibse.
Murton kun erga Tiraampi chaansilera Jarman qeeqee guyyaa tokko booda dhagahame. Chaansilerri Jarman Meerzi Ameerikaan namoota Iraan baka bu'uun mari'ataa jiranin ''salphatteetti'' jedhe.
Tiraamp ammoo Meerz ''hojii badaa hojjechaa jira'' jedhe. ''Ofiisaayyuu rakko gosa meeqa qaba. Godaantotaa fi aannisaa dabalatee'' jechuun miidiyaa hawwaasaa isaa irratti qeeqe.
Tiraamp loltoota Ameerikaa Ispeenii fi Xaaliyaanii jiranis baasuu akka barbaadu akeeke.
Ameerikaan Jarman keessaa loltoota gara 36,000 tahan qabdi. Mudde darbe irraa jalqabuunis buufataalee waraanaa adda addaa keessa buufatanii jiru.
Dubbii himaan Peentaagon Shiin Paarnel ajajni kan darbe Ajajaa Waraana Ameerikaa Peetee Heegiz irraati jedhe.
''Murtoon kun kan dhufe gamaggama humna waraanaa Ameerikaa kan Awurooppaa jiru maal akka fakkaatu erga ilaalameen boodadha.''
''Hojin loltoota baasuu kun ji'a jahaa hanga 12 dhufan keessatti xumurama'' jedhe.
Hulaa Hormuuz bansiisuu keessatti michoonni NATO Ameerikaa gargaaruu dhisuu isaaniin Tiraamp itti dheekkamaa ture.
Amma barbaachisummaa loltoonni Ameerikaa biyyoota akka Jaranii fi Ispeen keessaa ilaalamuun akka baafaman murtaa'uutu himame.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xaaliyaanii fi Ispeeniis baasuuf yaaddaa jedhamee yoo gaafatamu Tiraaamp, ''baasuu nan danda'a, maaliif hin baasne?'' jedhe.
''Xaaliyaaniin gargaarsa nuuf goote tokko hin qabdu, Ispeen silaa dhiisi, homaa tokkoyyuu'' jedhe.
''Waan hundumaatti, lakki waan kana keessa galuu hin barbaannu jedhan'' jechuun waraana Iraan irratti gaggeessaa tureef gargaarsa dhabuu hima.
Chaansilerri Jarman barattoota yuunvarsiitiitti dhimma waraana Iraan ilaalchisee Ameerikaanonni homaa istiraateejii hin qaban, akkamitti akka keessaa bahan hin beeku'' jedhe.
''Iraanonni mari'achuufis tahe marii dhiisuuf cimina isaa qabu, akkamiin akak dhiyaachu qaban irratti dandeettii qabu. Ameerikaanonni gara Islaamaabaad deemuun ammas bu'aa tokko malee akka deebi'an gochaa jiru'' jechuun qeeqe.
''Biyyattii guutuutu [Ameerikaa] hoggansa Iraan kanaan salphate'' jedhe.
BBC'n yaada Tiraamp kanaaf deebii akka kennanniif Imbaasii Jarman Waashingitan jiru gaafateera.
Ameerikaan loltoota 36,000 Jarman keessaa, loltoota 12,000 Xaaliyaanii keessaa, loltoota 10,000 UK keessaa qabdi.
Loltoota Ameerkaa Jarman jiran keessaa 12,000 kan tahan gara biyya miseensa NATO taate biraatti geessuu ykn biyyatti deebiisuu kan jedhu murtaa'ee ture.
Kongirensiin yaadicha kuffise. Joo Baayidenis murtee duraan Tiraamp dabarse haqee ture.
Biyyi loltoota Ameerikaa lakkoofsaan guddaa keessummeesitu Jaappaanidha.















