Qorannoon gaaffii eenyummaa sabaafi sablammootaa deebisa jedhame gaggaaffamuufi

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti gaaffii eenyummaa hawaasni garaa garaa kaasan deebisuuf qorannoon enyummaa sabaafi sablammootaa ibsu gaggeeffamuufi.
Torbee darbe gaafa Roobii Yuunivarsiistin Finfinnee, Manni Maree Federeeshiniifi Ministiirri Aadafi Ispoortii qorannicha gaggeessuf waliigaltee waliif mallatteessan.
Qorannicha kan gaggeessu Yuunivarsiitii Finfinnee yoo ta'u, qorannichi waggaa shan keessatti akka xumuramus ibsame.
Mana Maree Federeeshinii bakka bu'uun waliigalticha kan mallatteessan Obbo Aganyawu Tashaagar "hunduma keenyafuu akka madda wabiitti kan gargaaru akka biyyatti hin hojjatamne" jechuun qorannichi erga xumurameen booda gaaffileen eenyummaa irra deddeebin ka'an furmaata akka argatan dubbatan.
Mana Maree Federeeshiniitti daayireektara qunnamtiifi kominkikeeshinii kan ta'an Obbo Tarraffaa Badhaadhaa ammoo gaaffileen eenyummaa bakka garaa garaatti ka'an saayinsii isaa kan hin eegganne ta'uu BBCtti himan.
"Qorannoo kana keessatti dhugumatti eenyummaa mataasaanii kan qaban afaan ofiisaanii kan qaban, ulaagaalee eenyummaa saba isaan jechisiisu yoo guutan beekamtiin ni kennamaaf," jedhan Obbo Tarraffaan.
Akkaataa heera Itoophiyaatti sabaafi sab-lammii jechuun "amala waloo bal'aa ta'e kan calaqqisiisu, aadaa ykn wantoota wal-fakkaatan kan qaban ta'anii afaan waloo kan ittiin walii galan yoo kan qabaniidha."
Qorannoo kana abbuummaan gaggeessan keessaa tokko Manni Maree Federeeshinii sabaafi sab-ammootaf beekamtii kennuuf itti gaafatamummaa qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo ammaa sabaafi sab-lammoonni 76 mana marichaan beekamtii argataniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayireektara Akkaadaamii Afaanotaafi Aadaa kan ta'an Dr. Yohaannis Adigaah qorannichi fayidaansaa gaaffii eenyummaaf debii kennuu ol akka ta'e ibsu.
"Itoophiyaan biyya afaanotaafi aadaa heddu qabdu akkasumaas sab-daneessa taatedha" kan jedhan Dr. Yohaannis saboonni meeqa Itoophiyaa keessa akka jiran lakkoofsi sirriin akka hin jirre himu.
Manni Maree Federeshinii sabaafi sab-lammoota 76 ta'aniif beekamtii kennus, "kanaan walqabatee afaanota 80 jira jedhamee ibsama malee Itoophiyaa afaanota hanga kana baay'atan qabdi, sabaafi sab-lammoonni ammoo hanga kana kan jedhuufi sabichi afaanicha wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hin qoratamne," jedhu.
Lakkoofsi isaa baramuu dhabuu alatti faca'iinsi isaanii, walitti dhufeenyif garaa garummaansaanii akka hin beekames himu Dr. Yohaannis.
Dabaluunis, kaayyoon qorannichaa atilaasii itinoogiraafii fi sirna afaanii sabaafi sab-lammootaa qopheessun Itoophiyaa waan isheen fakkaatti deebii ifa ta'e kennuu akka ta'e ibsan.












