'Hin beeknu jechuu wayya malee qorichi saree maraattee hin jiru jechuun soba'- Cirreettii

Jiloo Annaa

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, waggaatti namoonni 60,000 ta’an dhukkuba saree maratteen du’u. Kun ammoo, keessumaa biyyoota Eeshiyaafi Afrikaatti baay'ata.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa baay'inni lakkoofsa namoota dhukkuba saree maraatteen du'an sadarkaa lammaffaarratti argamti.

Dhukkubni saree vaayirasiin dhufuufi ciniinnaa bineeldota garagaraan namatti darbu kun Keeniyaattilleen babal’atee kan jiru yoo ta’u, waggaatti namoonni 2,000 akka dhibee du’an ragaan ni agarsisu.

Dhukkubni kun keessumaa naannolee horsiisee bulaatti baay'ee ummata miidhaaa jiraachutu himama.

Dhukkubni saree kun talaallii qabaatulleen dursanii kan fudhatan baayyee xiqqaadha.

Erga dhukkubichaan qabamuu mallattoon mul'ate booda carraan irraa fayyuun akka hin jire hima ragaan WHO.

Kaaba Keeniyaa naannoo Marsabeet ganda Uraanitti maanguddoon tokko waggoota baayyeef dhukkuba saree maraattee kanaaf namoota wal'aanaa turuu dubbatu.

Hospitaala Rifaraalaa Yuunivarsiitii Wallaggaatti ispeeshaalistii dhibee keessoo Dr. Gurmeessa Inkoonsaa garuu dhukkubni saree marattee(rabies) mallattoo argisiifnan yaaliin kennamu biyya kamuu keessa hanga yoona hin jiru jedhan.

Jiloo Annaa maanguddoo umuriin ganna 80 oliiti. Isheefi ijoolleen ishee qorichawwan biqiltuurraa hojjetamaniifi aadaarratti hundaa’uun namootaafi bineeldotan dhibee saree kanarraa wal’aanuun beekamtii guddoo argatan.

Jiraattota ollaasaanii dabalatee namoonni isheen yaalte haala kana dhugaa bahu.

Dur irraa kaasee maatiin ishee dhukkuba saree maraattee qofarratti xiyyeeffachuun wallaanu. Akka aadaa Booranaatti cirreessi jalqaba Oborsa jedhama, cirrummaa maatiishees isaatu tufeef.

Ta’us, bu’a qabeessummaan qorichi aadaa yaala dhukkuba saree maraatteef oolu yaaliiwwan to’annoo jala oolan irratti agarsiifamuu dhabuun hakiimonni garii dandeettii fayyisuu qoricha ishee ni falmu.

Kaan ammoo, naannichi cirreyyii beekumsa dhalootaa qaban hedduu qabachuun haaluu hin dandeennu jedhu.

Uraan
Ibsa waa'ee suuraa, Ollaansaanii gaaraan marfame jira. Achi keessa bineensonni dhukkuba kana qaban baay'eettu jira

Jiloo Annaa Gurroo eenyuu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo Marsabeet haga kibba Itoophiyaa namoonni maqashee hin beekne muraasadha.

Warrii ishee dhaleefi kan ishee fuudhe hundi cirreeyyii saree maraatteeti. Gara dhalootasheen dandeettin tunin itti darbu baatus, erga heerumteen booda abbaan warrashee barsiise.

Kunis erga daa’ima jalqabaa deesseen boodadha.

Cirreeyyin Oromoo Boorana dubartootasaanii qoricha barsiisuufi aadaa kana itti dabarsuun beekamamu. Isheen garuu ijoollee ofii torba wal qixummaan itti dabarsite.

Ta’us, isheen akkasumaan hin dabarsitu. Qajeelfama cimaa hordofti.

“Ijoolleen tiyya taatullee, haga qalbii isaanii hubadhutti itti hin dabarsu. Amma ijoollee durba keessa tokko qofaaf tufe, kaan qorachaan jira.”

Qorsi saree maraattee baay’ee jajjaba ta’uu dubbatti. “Obsa dhabuu danda’u, dhukkubsattootaaf obsa dhabuu danda’u, ani utuu namni dhibba dhukkubsatee asi dhufee obsa qaba.

“Miiraan guddadha,obsan guddadha. Namatti hin aaruu, yoo namni yakka natti hojates akkuma gaala waataa waan hunda ofitti fe’e deema .

“Kanaaf, haga qalbiisaanii adda baasutti qorsa hin barsiissu.”

saree
Ibsa waa'ee suuraa, Isheenis saree fi bineensota kaan qabdi

Dhukkubni saree akkamiin daddarba?

Hiriyaan namaa amanamtuu kan taate sareen madda jalqabaa dhibee kanaati. Haata’u malee, horiifi bineensonni ilma namaatti dabarsuu danda’a.

“Bineeldota aannaan miyya’an kan ilkaan jalaafi gubbaa hin qabne malee nama dabalatee bineensi hundi kan dadabarsuudha.”

Akkan jechuun looni, re’ee, gaalaafi hoolaan dhukkubichaan qabamanis, utuu foonsaanii hin nyaatiin ykn aannan isaanii hin dhugiin dhukkubni isaanii namaatti hin darbu.

Bineensonni kottee duudaafi ilkaan jala gubbaa qaban kanneen akka hamaa kosii, saree,waraabeessa, harree, farda, gaangeefi jeeddalli dhukkuba kana ni daddabarsu.

Bineensi dhukkuba kana qabdu ciniinnaa qofa utuu hin ta’iin gorora/logoga fi dhiignishee namatti dabarsuu danda’a.

Sareenis garuu yoo dhukkuba kana hin qabne nama ciniintus yookaan dhiignishee nama tuqus womma nama gochuu hin dandeettu.

Bineensoti akka leenca yoommu dhukkuba kana argatu akka bineensota kaanii hin maraatu. Muka koree irratti du’a jedhan.

Lafa horsiise-bulaa keessatti maddi dhukkuba kanaa hamaa kosiidha. Gaafa dulloomu boollatti deebi’ee, namaafi bineensa irra dhufu ciniina. Isaanis namoota fi bineensota biraatti dabarsu.

ollaa Jiloo
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni naannoo garagaraa irra dhufanii yaalaman

Akkamiin adda baasuu dandeetti?

Akkuma hakiimni tokko dursee nama qoratee rakkoon eessa akka jiru mirkaneessu isheenis wallaanuu dura ni qoratti.

Garuu, namni bineensi maraatte ciniine yookaan gororrisaa tuqnaan akkaataa idileetti mallattoon dhukkubaa battalumatti hin mul’atu.

Guyyota torbaan booda malee akka dhukkuba qabuuf kaan beekuun hin danda’amu jetti.

“Yoo namni wal’aansa dhufe dursa ni ilaala. Qorsaan ilaala. Namni sun hadhaa qabannan ijasaa keessatti arguun danda’a.

“Hadhaan yoo qorsa buusan yoo namni torbaan tokkoo ture mul’atti.”

Namni dhukkuba kana qabu yoo qorsa buusan(funyaaniin kan kennamu) qaama isa hunda keessa deema.

Achis gorora, imimmaani, furriifi wanti akka xurii keessaa bahu.

Kanneen hadhaa hin qabne, funyaan qofaati aara. “Akkanaan addaan baafadheen, kannen dhukkuba qabaniin wal’aannee kaan ofirra galcha.”

Qorichi funaan nama buusan qaama hunda keessa deema

Wal'aansa

Namni dhukkuba kanaan argame qorsa gosoota garagaraa fudhata. Jalqaba summiin sun hoqqisaa fi garaa kaasaadhaan akka baʼu guyyoota sadiif qoricha fudhatan.

Achiin booda qoricha bulluqaa guyyoota 30f fudhatu.

Bineensi hadhaa wal irra qaba. Namoonni wal’aansa utuu hin argatin guyyoota 28 gahan ni maraatu. Kanneen erga maraataniin booda ittin dhufanis qoricha dhugsiiftee fayyisuu himti.

Garuu, namoota erga yeroonsaanii dabartee dhufaniin hin wal’aantu. Isaan asi bahanii du’u.

“Namni dhukkubni kunin itti hamaate akkuma saree duta, yeroo akkanaa qorsa fudhachuu hin danda’u.

“Namoonni qorsa kana liqimsuu hin dandeenne ni du’u kaan ni jiraatan,” jetti.

Namoonni wal’aansa barbaadan Itoophiyaafi kutawwan Keeniyaa garagaraa irra dhufan. Isheenis namoota itti dhufan hin dandeennee horii wal’aanuuf bakka hedduu deemte.

Qorichi namaafi bineensotaaf kennamu adda adda jetti.

Qoricha garii ollaa keessaa buqqisan

'Namaafi horiin wal’aanne miliyoona ta’uu hin oolu'

Dhukkubni kuniin naannoo horsiise-bulaatti baayyatee jira. Bona kana qofa namoota wa’laante hanga isaa beekuu hin danda'u jetti.

“Naannoo kana horiin keenna bosona keessa waan tiksamuuf, bineensa addaaddatti ciniinuu danda’a. Ji’a cufa horiin dhukkubsatee itti na yaaman lakkoofsaan ibsuu hin danda’u.

“Namnis akkasuma, yoo garii lafa Reendilaa, lafa Gabraa keessa deemuun naman wal’aana.”

Amma isheenis jaartii waan taatef, ijoollesheetti bakka garagaraa deemuun wal’aansa kennan.

Galgaloo Guyyoo maatii tana gariitti beeka, ijoollummaarra kaasee horiinsaanii wajjiin godaanaa ture.

“Dur gaafa jaarsiishee jirullee akkanuma namaafi horiin wal’aanti. Guyyaa tokko saree maraatte re’ee moonaa keessa turte hunda ciniinte. Isheen dhuftee gomboo soogidda qorsa itti naqxee itti kennite. Tokkolleen keessaa hin duune.

“Gurbaa obboleessa kiyyaa, akkanuma sareen maraatte ciniintee dafanii isheetti fidanii fayye.”

Ogummaashee kanaaf uummanni baay’ee kabaja.

Yeroo hongee kana namoota hedduutti dhukkubichaan qabame

Maallaqa hin fudhatu

Aadaa Boorana durii hordofti. Akka aadaa cirrummaa Booranaatti nama wal’aaniin maallaqa hin gaafatan.

Isheenis namoota wal’aantu kana maallaqa irraa hin fudhattu. Bunaafi tamboo qofa kennan.

“Hoo daraaraa…daraari..hoo kuma..kuma nama sa’a hori,” kanuma

Erga fayyaniin booda namni galata wa kennuuf fudhatan..malee isaniis hin gaafatan.

Hongeen qoricha balleeseera

Akkuma lafti gogde kanaan wanti hundi gogdee dhabamaa jirti. Bonni namaafi horii qofa miti, mukas miidheera. Kunis baay’ee ishee yaaddesse.

“Eegii dhalattee muka gaara keessallee dhaban bara kana arge, isii arge namni hin buqqisuu, gaara koruu hin danda’u, guddoon yaadda’e.”

Muki qorsa guddaafi xiqqaati jira. Sababa hongeen iddi isaanis buqqa’eera. Qoricha baddaa keessatti hafe malee, kanneen duraan diida keessatti argaman hundi badeera.

Akkuma lafti godgeen qorichi dhabamu eegale

Yaadaa haakimoota

Hospitaala Rifaraalaa Yuunivarsiitii Wallaggaatti ispeeshaalistii dhibee keessaa kan ta’e Dr. Gurmeessa Inkoonsaa dhukkubnishee wal’aantu kan saree maraattee ta’u hin amanu.

Sababnisaa dhukkubi kunin mallattoo argisiifnan yaaliin kennamu biyya kamuu keessa haga yoona hin jiru.

“Daataa hanga ammaa jiruun, dhukkubni kunin kan du'aaf nama saaxilu, nama takka kan hin hambifne fi yaalii kan hin qabne.

Qorichawwan biqiltuurraa hojjetamaniifi aadaarratti hundaa’uudhaan kennaman hedduun jiraachu hima. Dhukkuboota garagaraa kanneen yaalan jiraatanis, kan saree maraattee ta’u hin danda’u jedha.

Hospitaala Naayirobitti ogeetti daa’immanii kan taate Dr. Paatrishiyaa Mipaatan akkasumas qorichi saree maraattee jiraachu haalti.

Ta’us kaaba Keeniyatti dhukkubni kunin baay’ee waan miidhuuf, cirreeyyiin qoricha beekan jiraachu guutummaatti haaluu hin dandeenyu jetti.