Itoophiyaa dabalatee biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne hundi boodatti hafuu hin qaban - UN

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN) waggaa saditti yeroo tokko Kora Biyyoota Ulaa Galaanaa hin qabnee ni gaggeessa.

Akkasumas waggaa waggaan Hagayya 6 sadarkaa addunyaatti guyyaa fedhiin guddina addaa fi qormaataawwan biyyoonni guddataa jiran, kanneen ulaa galaanaa hin qabne, keessa jiran irratti hubannoo uumamu akka ta'u UN murteesseera.

Guyyaan kun yeroo jalqabaaf kora kanarratti kabajameera.

Korri sadaffaan kan baranaa Turkimenistan magaalaa Awaazaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Jila Itoophiyaa kora kanarratti argaman keessaa tokko kan ta'an Mana Maree Bakka bu'oota Uummataatti Walitti qabaa Itti Aanaan Koree Dhaabbii Dhimma Nageenyaa fi Hariiroo Dhimma Alaa Fitiih Maahdii (PhD) Itoophiyaan ''karaa hin malleen'' ulaa galaanaa dhabde jedhan.

Sababa kanaan dhiibbaa diinagdee fi hariiroo daldala alaa jala galuu kora kanarratti ibsan qondaalli Itoophiyaa kun.

''Haala biyya ulaa galaanaa dhabderraa ka'een kana dubbadha. Kan nama dhibu ammoo Galaanaa Diimaa irraa kiilomeetira 60 qofa fagaatti,'' jechuun Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu akka hin malle dubbatan.

Ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka agarsiisutti fageenyi biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne handaara galaanaarraa qaban giddugaleessaan kiilomeetira 1370.

Biyyi galaanarraa baayyee fagaattu Kazaakistaan yoo taatu handaara galaanarraa kiilomeetira 3750 fagaatti.

Afgaanistaan, Chaad, Niijeer, Zaambiyaa fi Zimbaabween itti aanu. Galaanarraa kiilomeetira 2,000 fagaatu.

''Itoophiyaan seenaa ishee keessatti ulaa galaanaa qabaattees beekti. Kanas waggoota 30 darban qofaaf dhabdee jirti. Ulaa galaanaa dhabuun gatii nama kaffalchiisu sirriitti argineerra,'' jedhan qondaalli Itoophiyaa.

Ulaa galaanaa dhabuun diinagdee, nageenyaa fi tasgabbiirratti dhiibbaan qabu olaanaadha jedhan.

Itoophiyaan hanga bara 1993tti ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu qabdi turte. Garuu waraana waggaa 30 booda wayita Ertiraan walbummaashee gonfattu Itoophiyaan ulaa galaanaa kana dhabde.

Wayita Ertiraan walabummaashee labsachuun Itoophiyaarraa adda baatu dhimmi ulaa galaanaa gar tokkotti hin baane ture jedhu xiinxaltoonni.

Xiinxalaa dhimmoota Gaanfa Afrikaa kan ta'an Dr Nagaraa Guddataa ''waliigalteen namoota qabsoo hidhannoo keessa jiran gidduutti malee dhaabbata bu'uura godhachuun hinraawwanne,'' jedhan.

Yeroo sanarraa eegalee waggoota kurna saditti siquuf aangoorra kan ture paartiin ADWUI, dhimma ulaa galaanaa waan itti hin bu'amne godhe.

Dhaaba kana keessammoo olaantummaa kan qabaachaa ture TPLF dha.

Addatti ammoo ministira muummee duraanii Mallas Zeenaawiidha. Ejjennoon Mallasii fi deeggartoota isaa yeroo sana Itoophiyaan daangaa Eertiraa keessa buufataalee jiran irratti murteessuuf aangoo seera qabeessa hin qabdu kan jedhu ture.

Qondaalli waraanaa duraanii Letinaant Jeneraal Yohaannis Gabremasqal qaama hoggansaa fi dhaloota murtoo sana fudhatee tahuu himuun ofii isaaniis akka gaabbiitti kaasu.

''Dhaloonni ani keessa ture ulaa galaanaa ilaalchisee 'dogoggora seenaa' hojjetanii darban'' jedhan.

''Durumaaniyyuu murtoon sun sirrii hin turre. Dogogora yeroo isaa eeggatee dhohu bara sana dalagametu haala amma keessa jirruuf nu saaxile. Jalqabumayyuu qabinsi isaa akkas tahuu irra hin turre," jechuun murtoo MM duraanii Mallas Zeenaawwii fi jaallan isaanii yeroo sanaa qeequ.

Itoophiyaan hojiiwwan diinagdee adda addaan maqaanshee haala gaariin ka'us, ulaa galaanaa dhabuunshee sharafa alaa hedduu handaara galaanaaf akka kaffaltu ishee saaxileera.

''Ulaa galaanaa dhabuun keenya gabaa addunyaatti akkaataa eegamuu fi haala barbaannuun akka hin dhihaanne nu danqeera. Kana malees gatii tiraanziit nurratti dabaluun daldalli biyya keenyaa dorgomaa akka hin taane, qaala'iinsi gatii akka dabaluu fi oomishaaleen keenya akkaataa barbaadameen akka hin dhihyaanne taasiseera.''

Biyyoonni guddataa jiran kanneen ulaa galaanatti isaan baasu hin qabne daldala addunyaa keessatti hirmaachuuf dirqama biyyoota ulaa galaanaa qabanirratti hirkatu.

Baasiin isaan baasanis kan biyyoonni galaanaan marfaman baasan dachaa lamaa oliin caala. Kun ammoo diinagdee fi daldalli isaanii amansiisaa akka hin taane godha.

Carraan alergii, investimantiin kallattiin alarraa argamu fi walumaagalatti guddinni diinagdee gadi bu'a.

Korri sadaffaan akkaataa biyyoota ulaa galaanaa hin qabneef carraa uumuun danda'amurratti fuulleffatee fi Hagayya 5-8, 2025 gaggeeffamaa jiru kun biyyoonni hunduu, kan ulaa galaanaa qabanis kan hin qabnes, walqabatanii akka fuulduratti deemaniif murteessaadha jedhameera.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez dhiibbaan biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne jala jiran ulfaataa ta'uu dubbatan.

''Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne 32 kanneen Afrkaa, Ameerikaa Kibbaa fi Eeshiyaa keessatti argaman sababa haala teessuma lafaa isaaniin guddina isaaniif malu guddachuu hin dandeenye,'' jedhan.

Uummata miiliyoona 600 ol kan qabatan biyyoonni kunneen baasiin buufata galaanaaf kaffalan kan biyyoota galaanaan marfamanii dhibbeentaa 30n caala.

Biyyoota 32 ulaa galaanaa hin qabne keessaa 16 Afrikaa, 10 Eeshiyaa, 4 Awurooppaa fi 2 Ameerikaa Kibbaa keessatti argamu.

Akka ragaa UNtti biyyoota kunneen keessaa biyyi xiqqoon Bihutaan yoo taatu uummata miiliyoona tokkoo gadi qabdi. Biyyi lakkoofsa uummataa 135 qabaachuun ishee guddoo taate ammoo Itoophiyaadha.

Biyyoonni kunneen, keessattuu gabaa addunyaarratti hirmaachuuf qormaati akka itti heddummaatu kan kaasan Antooniyoo Guteereez, ''kun haqa-maleessa. As keessatti dabaa fi shira hojjetameenis biyyoonni ulaa galaanaa dhabaniiru. Kun dhugaa ifa jirudha,'' jedhan.

Sababa ulaa galaanaa hin qabneef biyyi tokkollee duubatti hafuu hin qabu kan jedhan Antooniyoo Guteereez, furmaata rakkoo kanaaf hunduu gumaachuu akka qabu dhaaman.

''Kaayyoon kora kanaa rakkoo ykn hanqina qofa dubbachuu miti. Furmaatas barbaaduudha. Galma guddina diinagdee waggoota kurna dhufan keessatti milkeessuuf qabannes waliigaltee Awaazaan deeggaruun guddina diinagdee biyyoota ulaa galaanaa hin qabnee saffisiisuu qabna.

Carraa biyyoonni kunneen ittiin ulaa galaanaa argachuu danda'an mijeessuu qabna kan jedhan Antooniyoo Guteereez ''kun akka dhugoomuuf Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii kutannoon akka isin cinaa dhaabbatu isiniif mirkaneessuun barbaada,'' jedhan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii kora Mudde 24, 2024 irratti biyyoota guddataa jiran kanneen ulaa galaanaa hin qabne tumsuuf karoora waggaa kudhanii bara 2024 hanga 2034 turu baaseera.