Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UK harkifannaa fi hanqinni xiyyaara jeettii F-35 mul'achuu dhaabbanni eegduu ibseera
Harkifannaa, qaawwi bu'uuraalee misoomaa fi hanqinni hojjettootaa sagantaa xiyyaara waraanaa Biriteen isa sadarkaa olaanaa irra jiru dandeettii waraanaa UK kan miidhu ta'uu dhaabbanni baasii mootummaa to'atu ibseera.
Jeetiin sagalee maleessi F-35 kan RAF fayyadamu xiyyaarota UKn kanaan duraa hunda caalaa ''baay'ee caalmaa'' akka qabu Waajjirri Odiitii Biyyaalessaa (NAO) beeksiseera.
Haata'u malee, NAOn baasii Paawundii biliyoona 11 hanga ammaatti baheerratti ''bu'aan abdii kutachiisu'' akka jiru ibsuun, karoorri xiyyaaroota kanneen babal'isuuf qabame Ministeerri Ittisaa (MoD) tilmaamaan kan isa jalqabaatiin dachaa sadii ol akka baasu hime.
Dubbi himaan MoD, sagantichi ''baajata mirkanaa'e'' keessa kan jiru yoo ta'u, dhuma waggaa kanaatti xiyyaaronni F-35 guutuu lama bobbaadhaaf qophaa'an akka jiraatan dubbataniiru.
Hanga Waxabajjii 2025 irraa kaasee, xiyyaaronni F-35 37 kan dhaabbata xiyyaara fe'umsaa Humna Galaanaa Royaal lama irraa bobbaafaman tajaajilaa jiru.
Xiyyaaronni F-35 dhaabbata Ameerikaa 'Lockheed Martin' jedhamu kan hojjetaman yoo ta'u, gama teeknooloojiin xiyyaarota waraanaa UK duraanii hunda kan caalanii fi hanga bara 2069tti tajaajila ni kennu jedhamee eegama.
Haata'u malee bara darbe, xiyyaarri F-35 dandeettiin xiyyaarichi ergama barbaachisu hunda raawwachuuf qabu, "safisni dandeettii guutuu ergama'' (full mission capable rate), galma MoD'n keessaa naannoo harka sadii keessaa tokkodh.
Karoorri xiyyaaronni haaraan kunneen osoo amala sagalee hin dhageessifnee mirkanneessanuu, meeshaa waraanaa fageenya nageenya qabu irraa lafa irraatti bakka qiyyeeffannaa haleeluu danda'u hidhachiisuun, hanga jalqaba bara 2030motaatti harkifateera.
Bajanni MoD'n pirojektichaaf tilmaama Paawundiin biiliyoona 18.76 kan tilmaama NAO paawundii biliyoona 71 irraa ''baay'ee gadi aanaa'' ta'uu gabaasichi dabalee ibseera.
Hogganaan NAO Gaarez Deevis akka jedhanitti: "MoD amma qabeenyasaatiin waan dursa kennufiin, dandeettii fooyyessuun haala faayidaa sagantaa F‐35 UK guutuuf ta'een" akka qabu murteessuu qaba.
Muummichi ministeeraa Siir Keer Isaarmar ji'a darbe akka jedhanitti, baasii UKn nageenya biyyaalessaaf baasu bara 2035tti GDP gara %5tti akka ol guddatu himaniiru.
Waadaan kun kan galma Naatoo waliin kan walsimu yoo ta'u, biyyoonni walgahii bara kanaarratti argaman sababii yaaddoo nageenyaa ''gadi fagoo'' fi ''balaa yeroo dheeraa Raashiyaan geessistuun'' kan ka'e baasii ittisaa guddisuuf waliigalaniiru.
Dubbi himaan MoD akka jedhanitti: "Gabaasni Waajjira Odiitii Biyyaalessaa dandeettii xiyyaara waraanaa F-35 sadarkaa addunyaatti qabu, akkasumas dhaabbilee UK'f hojii paawundii biliyoona 22 kanneen carraa hojii kumaatamaan lakkaa'aman uuman dabalatee, faayidaa dinagdee guddaa qabu sirritti beekamtii kenna."
"Akkasumas dhiheenyatti xiyyaarota F-35A 12 kan bitannu yoo ta'u, kunis UK keessatti hojiiwwan 20,000 kan deeggaraniifi ergama niwukilaraa xiyyaara dandeettii dachaa qabu Nato'tti akka makamnu beeksifneerra."