Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan ajjeechaa lammiileerratti Afrikaa Kibbaatti raawwate balaaleeffatte
Embasiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti argamu ''ajjeechaafi badii'' lammiilee Itoophiyaarratti raawwataa jiruun ''gaddi cimaa'' itti dhagahamu beeksise.
Badii kanas kan raawwataa jiru ''hammeenya'' warra yaadanidha jedheera osoo maqaan hin dhahin.
Lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhaman kanaas hin eerre. Ta'us, maatii namoota ajjeefamaniif jajjabina akka hawwu ibseera.
Ibsi Embasichaa gaafa Roobii galgala keessa bahe kan dhagahame yeroo lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti tibbana ajjeefamuun isaanii gabaafamaa jiruuttidha.
Guyyoota muraasa darban ajjeechaa lammiilee Itoophiyaarratti raawwachuu miidiyaaleen Afrikaa Kibbaa gabaasaa jiru.
Guyyoota muraasa darban ajjeechaan afur lammiilee Itoophiyaarratti Johaanisbarg keessatti xiyyeeffate raawwatuu miidiyaan EWN gabaaseera.
Kuni, ajjeechaa baatii darbe raawwate jedhameen yeroo dabalamu shan ta'a akka gabaasa kanaatti.
Ajjeechaan kuni akka kana duraa jibba ormaarraa ka'un osoo hin taane badii gareen yakkaa gurmaa'e raawwachuu akka hin oolle shakkamu gabaafameera.
Embaasichi garuu yeroo dhihoo booda as immoo wanti hammaate ''sochii godaantota gurraacha jibbu baay'achuu hubatuun danda'ameera'' jedheera.
BBC'n lammiilee Itoophiyaa achi jiraatan qunnamuuf yaalaa jira.
Qorattoonni ajjeechaan kuni daddabarsa namaa, nama butuufi nama butanii maallaqa gaafachuun yoo wal qabata yoo ta'e qorataa akka jiran gabaasni kuni mul'isa.
Dhimma ajjeechaan wal qabatee yoo namni shakkiin hidhame yoo jiraate waan ifa ta'e hin jiru.
Viidiyoo waraabame tokko irratti namni qawwee hidhate tokko nama keessaa bahee duubaan nama ajjeesuu barbaadu argatee duubaan mataa keessa dhahu mul'ata.
Ibsi embasiin Itoophiyaa baase lammiilee Afrikaa Kibbaa jiraataniif eegumsi akka taasifamu, qaamolee ajjeechaa kana raawwatan irratti qaamolee nageenyaa biyyattiin ''qorannoon seeraa atattamaa'' akka taasifamu gaafateera.
Kanaanis, kanneen ''hammeenya raawwatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuufi bu'aan isaas embasii keenyaaf atattamaan akka ibsamuuf'' gaafachuu ibseera.
''Si'achi lubbuun dabalataa akka hin badne bakkeewwan rakkoon itti mul'atu eegumsi addaa akka taasifamu'' gaafachuu ibsa baasen himeera.
Embasiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti argamu hanga rakkoon kuni furamutti lammiileen tokkummaan akkasumas qaamolee nageenyaafi Afrikaanota biroo waliin wal hubannoon akka sosso'an gaafateera.
Fayyaa isaanii qofa osoo hin taane qabeenya isaaniillee akka tiksan dhaame.
Magaalaa Johaanisbarg keessatti hiriirri mormii baqattoota biyya isaanii jiraatan mormu gaafa Roobii taasifameera.
Afrikaa Kibbaa keessatti erga yeroo dhihootii dhimmi baqattoota seeraan alaa meeshaa siyaasaa ta'a dhufeera.
Mormitoonni muraasni lammiileen biyya alaa hojii nu dhabsiisaa jira akkasumas karaa haqa hin taaneen tajaajila ummataarraa fayyadamaa jiru jechuun himatu.
Haa ta'u malee, Pirezidant Siriil Ramaafosaa lammiileen ''sodaafi dhiphinni isaanii obboloota isaanii Afrikaa biroo jibbuutti akka hin guddanne,'' akeekkachiisaniiru.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez sochii orma jibbu Afrikaa Kibbaatti mudate balaaleeffataniiru.
Komishiniin Olaanaa Gaanaa lammiileen isaanii Afrikaa Kibbaa jiraatan suuqiiwwan isaanii akka cufaniifi ''ija namaa keessa akka hin seenne'' akeekkachiiseera.
Waldaan lammiilee Naayijeeriyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan immoo ergaa miseensonni isaanii manaa akka hin baane ibsu ergeera.
Haleellaan namoota ormaarratti Afrikaa Kibbaatti raawwatu haaraa miti, kana duras irra deddeebiin mudateera.
Biyya Afrikaa Kibbaa lakkoofsi namoota hojii hin qabne 33% gahe keessatti waggoota kurnan oliif sochiin orma jibbuu adeemaa jira.
Waggoota muraasa dhihoo gareewwan Maarch End Maarch fi Oppireeshinii Duduulaa jedhaman baqattoota Afrikaa Kibbaa mormuun hiriira gaggeessaniiru.