Ayyaana ummataarratti alaabaan kami qabatamuu akka qabu seeraan akka murtaa'uf gaaffiin dhiyaate

Namoota ayyaana kabajan

Madda suuraa, Getty Images

Ayyaana ummataa fi akkaataa kabaja ayyaanaa murteessuuf wixineen labsii qophaa'e gosa alaabaa kabaja ayyaana amantaa fi ayyaana ummataarratti agarsiifamu maal ta'uu akka qabu ifatti akka agarsiisuuf gaaffiin mana maree ummataaf dhiyaate.

Gaaffiichi kan dhiyaate wixinee labsii ayyaana ummataafi akkaataa ayyaanoonni itti kabajamu qaban irratti qophaa'ee Bitootessa 3, 2016 ALItti mana maree bakka bu'oota ummataaf yeroo dhiyaateetti.

Wixineen labsii dhiyaate kun koreen dhaabbii dhimmisaa ilaallatu gadi fageenyaan akka ilaalu jedhamee jira.

Mana maree bakka bu'oota ummataatti bakka bu'aa mootummaa kan ta'an Obbo Tasfayee Beeljigee labsicha dubbisanii erga dhiyeessanii booda koreen dhaabbii labsichi ilaallatu qabxiilee ilaaluu qaba jedhame irratti miseensonni mana maree yaada kennaniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun mana maree ummataa kan jiran Dr. Kafanaa Ifaa tokko yoo ta'an, "Ayyaanonni hedduun yeroo kabajaman aadawwan kabajaafi eenyummaa uummataa tuqan ni agarsiifamu," jedhan.

Dabaluunis labsicha keessatti wantoota hammatamuu qaba jedhan keessaa guyyaa ayyaanota kabajaman irratti alaaban seeran tumame qofaan mul'achuu akka qabuudha.

Waggoota darban keessatti kabaja ayyaanota garaa garaa irratti kanneen ayyaana kabajuuf bahan alaabaa fi asxaa gosa garaa garaa qabachuusaanin qaamolee nageenyaa wajjin yeroo garaa garaatti walitti bu'iinsi dhalataa ture.

Kabaja ayyaana amantiifi ayyaana biyyoolessaa irratti wantoonni kabaja saba biraa tuqan akka agarsiifaman kaasan Dr. Kafanaan.

"Yeroo tokko tokko meeshaa qabachuu dabalatee haala hamilee namaa tuquun ayaanonni kabajaman jiru. Wantoonni kun ifatti [seeran] taa'uu qabu," jedhan.

Miseensi mana maree wixinee labsii dhitaaterratti yaada kennan Aadde Araaree Moosisaa yoo ta'an, naannoleen ayyaana kansaanii ta'e kabajuu ilaalchisee seera mataasaanii akka baafatan kan hayyamu labsii kanatti akka dabalamu gaafatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wixineen labsii mana maree uummataaf dhiyaate kun ayyaanota uummataa sadarkaa federaalatti kabajaman qofa kan ilaallatu ta'uu kan eeran Aadde Araaren, "Naannoleen akkauma mana mareefi heera mataasaanii qaban, akkasuma ayyaana kan mataasaanii ta'e qabu" jechuun naannoleen ayyaana mataasaanii akka kabajaniifi ayyaanota kabajaniif labsii akka baasanis gaafatan.

Kana gochuuf "Sadarkaa federaalatti [labsii] yoo baasuu baanneyyuu, sadarkaa naannotti naannoleen ayyaana kansaanii ta'e ilaalchiisee [labsii] akka qopheessan keeyyanni deeggaru labsii kana keessatti osoo dabalamee," jechuun yaada dhiyeessan.

Manni maree bakka bu'oota uummataa yaadota kana erga dhaggeeffatee booda, Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasa, Aaadafi Turizimii akka ilaaluf qajeelchera.

Wixineen labsii har'a dhiyaate kun kan ragga'u yoo ta'e labsii ayyaana uummataafi guyyaa boqonnaa waggoota 49 darbaniif hojiirra oolaa ture bakka bu'a.

Labsiin amma hojiirra jiru bara mootummaa Dargii Labsii 13 kan jedhamuun kan bahe yoo ta'u bara mootummaa ADWUI si'a tokko qofa fooyya'ee ture.