Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Boordiin Filannoo TPLF kora waliigalaa akka gaggeessuuf akeekkachiise
TPLF yeroo gabaabaa keessatti kora waliigalaa taa'uu akka qabu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Boordichi xalayaa Dhaabbata Bilisummaa Uummata Tigraayiif (TPLF)f erguu fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbatti har'a kan beeksise yoo ta'u, TPLF erga ji'ootan dura bifa addaan galmaa'ee as kora waliigalaa gaggeessuuf sochii homaatuu taasisaa akka hin jirre ibse.
TPLF mootummaa Itoophiyaa wajjin waraanatti seenuusaatiin seera qabeessummaan irraa mulqamee shororkeessaa jedhamuun labsamee ture.
Waliigaltee Piritooriyaa booda labsii galmee paartilee siyaasaafi namuusa filannoo irratti fooyya'iinsa taasifameen TPLF ALItti Hagayya 3, 2016 bifa addaan galmaa'uusaa Boordiin Filannoo xalayaa TPLF'f erge jedhe irratti ibsee jira.
Akkaataa fooyya'iinsa labsii taasifame kanaan paartiin tokko guyyaa itti bifa adda ta'een galmaa'ee waraqaa ragaa fudhatee kaasee ji'a jaha keessatti kora waliigalaa gaggeessuu akka qabu ibsa boordichi.
Haata'u malee, TPLF guyyaa itti bifa addaan galmaa'unsaa xalayaan beeksifamee as kora waliigalaa gaggeessuf sochii homaa gaggeessaa akka hin jirre boordichi beeksise.
"Paartichi [TPLF] ALItti Hagayya 3, 2016 haala addaan guyyaa itti galmaa'ee kaasee yeroon itti kora waliigalaa qopheessuuf qabu dhumuuf ji'a lamaa gadi kan hafe waan ta'eef... yeroo gabaabaa hafe keessatti kora waliigalaa akka gaggeessu boordichi jabeessee beeksisa," jedhe Boordiin Filannoo Itoophiyaa xalayaa TPL'f ergeen.
TPLF yeroo kennameef keessatti kora waliigalaa hin gaggeessu taanan tarkaanfii seeraa barbaachisaa akka fudhatus boordichi ibse.
Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduu waliigaltee Piritooriyaatin nagaan erga bu'ee booda akkaataa itti seera qabeessummaan paartii TPLF itti deebi'u irratti atakaarotu ture.
TPLF beekamtiin duraan qabu akka deebi'uuf falmaa turus, Boordin Filannoo Biyaalessaa akka haaraatti bifa addaan isa galmeessuunsaa ni yaadatama.
Gama biraan ammoo gaggeessitoota TPLF gidduutti qoodinsa uumameen gareen dursaa TPLF Dr. Dabratsiyoonin hogganamu ji'a Hagayyaa keessa kora waliigalaa gaggeessuun booda gaggeessitoota filachuu beeksisee ture.
Haata'u malee kora waliigalaa TPLF gaggeesse jedhee beeksise Boordin Filannoo Biyyaalessaa fudhatama akka hin qabne ifa godhee ture.
Kanumarraa ka'uun fakkaata TPLF ji'oota lamaan dhufan keessatti kora waliigalaa akka gaggeessuf xalayaa kan itti barreesse.
Xalayaa Boordin Filannoo itti barreesse kana ilaalchisee TPLF hanga ammaa ifatti waan jedhe hin qabu.