Hojjettoota saal-qunnamtii fiilmii qullaa mul'isurratti hirmaatanii Badhaasa Oskaar abdatan

Madda suuraa, Universal
Bara 2022 yeroo Luunaa Sofiyaa Miiraandaan hojjetaa fiilmii Ameerikaa Siin Beekar kilabii Niw Yoork warra hanga qullaa buusuutti shubbisan argite, isa hawwachuuf waan dandeessu hunda yaaltee turte.
Garuu inni shubbisa gudeedarraa (lap dance) bitachuu akka hin barbaanne ifa ture jetti.
''Yeroo sanatti umuriin ishee waggaa 23 kan turte Miiraandan, maaliif isaafi haati manaasaa achi keessa akka turan gaafachuu eegalte.
Ani nama baay'ee dhimma namaa keessa lixuu barbaadu," jetti. "Kanaaf irra deddeebiin gaaffii gaafachuu itti fufe, dhumarratti isaan keessaa baasee.
Fiilmii waa'ee warra hanga qullaa isaanii shubbisan hojjechaa turan."
Fiilmii keessatti taatoo tahuun hirmaachuu akka feetu itti himtee. Erga qormaata fiilmichaa irratti dhihaateen booda guyyaa dhaloota ishee waggaa 24ffaa, irratti qooda akka argate bilbilaan itti himame.
Fiilmiin Anooraa jedhamu sun amma fiilmoota badhaasa Oskaariif filatamee keessaa tokko ta'eera.
Fiilmii Sean Baker'n qindeeffame kana keessatti Mikii Maadisan kan akka dubartii qullaa buusuutti shubbistuutti taphatte, badhaasa taphattuu cimtuu abdachaa jirti.
Dubartii umrii waggaa 25 Maadisan, gaheeshee akka gaaritti taphachuuf dubartoota warra jireenyisaanii qullaa shubbisuutti gargaare.
Ji'a darbe badhaasa fiilmii BAFTA yeroo injifattu hojjettoota saal-qunnamtii galateeffatte.
"Karaa qorannoo fiilmii kanaatiin, hawaasa sana keessaa namoota garii waliin wal arguu danda'eera. Kunis wantoota fiilmii kana dinqisiisaa godhu keessaa tokkodha," jechuun nutti himteetti.
Isaan "kabajni isaanif mala, garuu yeroo baay'ee hin argatan. Kanaaf waan tokko dubbachuun qaba ture," jechuun dabalteetti.
Muuxannoo isaanii hubachuuf namoota fiilmii san keessatti akka taatota, shubbistoota qullaa fi shubbistootaa taphatan dubbisneera.
Gariin fiilmiin kun ifaajaa fi dadhabbii hojjettoota saalqunnamtiitti dhaga'amu qabatamaan kan ibsu jechuun jajataniiru.

Madda suuraa, Zina Louhaichy
Eedii Tuurkee jalqaba irratti fiilmii kana irratti hirmaachuu hin barbaanne.
Shammareen lammii Biriteen kun ijoollummaa isheetii fiilmii Haarii Pootar irratti hirmaatte.
Amma barattuu taatee magaalaa Niiw Yoorki jiraatti. Achiitti nama hanga soqolachuutti ykn qullaa buusuutti shubbisuu taatee hojjetti.
Kilabii isheen keessa hojjettu keessatti bakka bu'aan kaastii fiilmicha argee akka shubbistu qacare.
Garuu Eediin guyyaa tokko fiilmicha hojjechuu dura deemuu fi dhiisuushee ofiin mar'ichaa turte.
"Fiilmii soqolattuu gadhee ykn waan industirii keenya akka gaaritti hin ibsine kamiyyuu keessa ta'uu hin barbaanne, kanaaf sodaadhen ture,'' jetti.
"Fiilmoonni waa'ee hojii keenyaa ibsu baay'een isaanii garmalee miidhaginaan hojjetama, gariin ammoo hamaa ykn kan nutti fayyadamu."

Madda suuraa, Naima Noguera
Garuu yeroo Anoraan fiilmii Sean Baker ta'uu hubatte, yaada ishee jijjiirte.
Fiilmoonni isaa dhugaa irratti kan hundaa'an yoo ta'u, akkaataan inni fiilmii hojjetu nama ajaa'iba, itti dhiheenyan hordofee waraaba," jette. Kanaaf tole jedheen irratti hirmaadhe.
Abdii Oskaar

Madda suuraa, Universal
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo Anooraan ba'u, hojjettoota saalqunnamtii Niiw Yoorkii fi LA keessatti argamaniif agarsiisni addaa gaggeeffameera.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti naanna'e dhuma fiilmichaa hojjettoonni saalqunnamtii kunneen dinqisiifannaa isaanii agarsiisuuf kopheesaanii kofoo olka'aa qabu yeroo mataa isaanii irratti rukutan argisiisa.
"Sun kabaja bareedaa ani argadhedha, sun deebi'ee ta'uu fi dhiisuu isaa hin beeku," jechuun nutti himte Maadison.
Amma abdiin guddaan gara badhaasa Oskaar jira.
Miraandaan badhaasicha irratti ni hirmaatti. "Oskaar akkan deemu yaaduun naa ajaa'iba garuu booda deebi'ee kilabii keessatti doolarii 20'f dhiira waliin wal lola.
"Jireenya lama akkan jiraadhu natti dhagahama."
Abdiin koo fiilmiin kun Oskaar yoo mo'ate, jijjiiramni Hooliwuud keessatti jalqaba jedheen yaada. Ammaan booda Hooliwuud bakka hojjettoonni saalqunnamtii kabajamanii, akka hojjettootaa akkasumas akka bashannansiistotaattis ilaalaman ta'a." jette.












