Morkii haaraa biyyoonni gurguddoo albuuda galaana jalaa baasuuf taasisaa jiraniin eenyu, maal hojjechaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Morkiin siyaasa addunyaa bishaaniifi qilleensarra darbee amma galaana ykn garba jalayyuu gaheera.
Meetira kuma hedduu galaana ykn garba jala seenanii albuudawwan jiran baasuun jijjiirama annisaa addunyaan taasisaa jirtuuf murteessaadha. Jijjiirama haala qilleensaatiifis barbaachisaa ta’uun isaa nama hin shakkisiisu.
Albuudawwan galaana jala jiran meeshaalee loltootaafi waraanaa omishuudhaafis ni barbaachisu.
Hanga ammaatti kutaa galaana ykn garba jalaa albuudni bahuu baatus, kaampaaniiwwan dhuunfaa, biyyoonni akka Chaayinaan, Raashiyaafi Indiyaan morkii ykn dorgommiirra jiru.
Kaaba Paasfikitti kan argamu kutaan Kilaariyoon Kiliippartan, Kaaba Garba Atilaantikiitti kan argamu Miid Atilaantik Riijin, akkasumas kutaan Kaaba-Lixaa Garba Indiyaafi Paasfik irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Qaama Biyyoota Gamtoomanii kan ta’e Abbaan Taayitaa Internaashinaal Siibeed -International Seabed Authority [ISA) jedhamu hayyama qorannoo gaggeessuu kaampaaniiwwaniifi biyyootaaf kenna.
Yunaayitid Isteet galaana daangaashee keessa jiru jalaa albuuda baasuudhaaf qophiirra jirti. Ameerikaan kana kan gootuuf waliigaltee Galaanaa Biyyoota Gamtoomanii waan hin mallatteessineefidha.
Kana waan ta’eef kan daangaashee keessatti argamu keessaa malee idil-adunyaa warra jedhaman yookaan ammoo qaamolee bishaanii qabeenya biyya kamiiyyu hin taane keessaa albuuda qotuu hin dandeessu.
ISA hanga ammaatti hayyama albuuda bishaan (Galaana, Garba) jalaa baasuu 31 kan kenne yoo ta’u, isaan keessaa 17 kan ta’an Hayiwaafi Meksiikoo gidduutti argamu.
Bakki kun Poliimetaalik Nooduls kan jedhaman bifa dinnichaa (moose) kan qabu dhakaa gati-jabeessa ta’e keessa kuufamee argamudha. Dhakaa kana keessa ammoo Mangaaneez, Kobaalt, Niikel, akkasumas albuudota kaanitu argamu.
Albuudawwan kunneeniifi warri akka Liitiyeemfi Giraafaayit ammoo konkolaataa humna elektirkaatiin hojjetu omishuuf, solaarii humna aduu fudhatu hojjechuuf, annisaa qilleensarraa omishuuf, baatirii humna sassaabu hojjechuuf gargaaru.
Albuudawwan maaliif barbaachisoo ta’an?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bishaan garbaa jalaa albuuda baasuun barbaachisaa ta’aa dhufuun isaa kan cimeef addunyaan gara annisaa haaromutti ce’umsa gochuu waan jalqabdeefidha.
Konkoltaawwaan humna elektirkaatiin hojjetan warra boba’aatiin hojjetan waliin walbira qabamanii yoo ilaalaman dachaa ja’aan albuuda barbaadu.
Akka odeeffannoon Baankiin Addunyaa baase agarsiisutti, fedhii jiru bara 2050tti guutuudhaaf albuudawwan galaana jala jiran baasuun harka shaniin saffisuu qaba.
Kana jechuun annisaawwan akka qilleensaa, aduu, urkaafi kanneen biroorraa argaman guuttachuudhaaf albuuda toonii biliyoona 3 barbaachisa.
Ogeessonni galaana jalaa albuuda baasuu deeggeran karaa baratame qofaan albuuda baasuun gahaa miti, kun kan ta’eef ammoo albuudawwan lafa jalaa argaman qulqullinni isaan qaban hir’achaa waan dhufeefidha jedhu.
Yeroo ammaa kanatti albuudoota lafa jalaa qotanii baasuun beekumsa guddaa biyyoonni qaban muraasa qofadha. Awustiraaliyaan addunyaa keenyarratti Liitiyeemii omishuudhaan tokkoffaa yoo taatu, Chiiliin ammoo Kopparrii dhiyeessuudhaan beekamti.
Chaayinaan ammoo adda-durummaan Giraafaayitiifi albuudawwan biroo bilbilaafi kompiitara omishuudhaaf oolan qottee baasuudhaan beekamti.
Dimokiraatik Koongoo, Indoneezhiyaafi Afrikaan Kibbaa, Niikel, Pilaatiiniyeemiifi Iriidiyeem omishuudhaan beekamu.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaafi albuuda
Chaayinaan albuuda qaama bishaanii daangaasheetiin ala jiran keessaa baasuudhaaf murannoo qabaachuun ishee muddama naannoo sanatti uumeera.
Hayyama ISA kenne keessaa shan Chaayinaafidha. Kun ammoo albuuda bishaan garbaa jalaa qoruudhaaf biyya hayyama baayyee qabdu ishee taasiseera. Indiyaan hayyama lama kan qabdu yoo ta’u, dabalataan lama akka kennamuuf gaafatteetti. Raashiyaan ammoo hayyama afur qabdi.
Shanaffaa ammoo biyyoota biroo waliin qooddatti.
“Dorgommiin siyaasaa itti aanu cimaa jira. Biyyoonni addunyaa albuudawwan barbaachisoodha jedhaman galaana jalaa qotanii baasuudhaan faayidaara oolchuudhaaf fiigaa jiru,” jedha hundeessaan dhaabbata Horaayizan Adivaayizarii Naataan Pikaariisiich.
Haata’u malee, yaaddoo guddaa kan ta’e albuudawwan kunneen ba’anii osoo gabaaf hin dhiyaatiin dura adeemsa jiru to’achuusheeti.
Chaayinaan waggoota dheeraatiif albuudawwan faayidaarra akka oolaniif qopheessuudhaan baayyee beekamtuudha. Giraafaayitiifi Dispiroosiyeem qulqulleessitee addunyaatiif kan dhiyeessitu Chaayinaa qofaadha. Hojiin qulqulleessaa Kobaaltii harka 70, akkasumas kan Liitiyeemiifi Maangaaneez harka 60 kan qabamee jiru Chaayinaatiinidha.
Chaayinaan teekinooloojiiwwan ittiin qulqulleessaniifi gosoota sibiilaa argachuuf rakkisoo ta’an tokko tokkos akka biyyasheetii hin baane dhorkiteetti.
Chaayinaan kanan kana godhe of eeggannoo ofiif gochuuf,nageenya biyyaalessaa kiyyaaf, akkasumas fedhiikoo tuqsiisuu waanan hin barbaadneefidha jetti.
Mudde darberraa kaasee ammoo konkolaataa elektirkaa omishuudhaaf tekinooloojiiwwan gargaaran maaginetiiwwan gati jebeeyyii annisaa qilleensaafi elektiriika omishuuf oolan akka biyyashee keessaa hin baaneef dhorkiteetti.
“Wallaansoo qabaa kan jirru humna gabaa fayyadamuudhaan faayidaa siyaasaa argachuudhaaf yaalaa kan jirtu dhiyeessituu guddoo taate waliinidha,” jedhu ministirri Inarjii Ameerikaa Jeeneefer Giraanholm.
Ji’oota lama dura koreen mana-maree humna raayysaa Ameerikaa waajirri humna ittisaa biyyattii, Pentaagon, albuudawwan galaana keessa jiran akka barbaadu (qoratu) qajeelfama kenneera.
“Waggoota dhiyoo keessa Chaayinaan kutaa bishaan garbaa keessaa Poliimeetaalik Nooduls baasuudhaaf ariifachaa jirti. Kana nageenya biyyaalessaatiif oolchuudhaaf yaaddeetti,” jedha Koreen kun.
“Carraaqqii Chaayinaan toora dhiyeessii idil-addunyaa to’achuudhaaf taasiftu dhaabsisuudhaaf Ameerikaan karaa mataashee mijeeffachuu qabdi,” jedheera Koreen kun.
Ameerikaan Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Finlaand, Faransaay, Jarmanii, Kooriyaa Kibbaa, Siwiidin, Jaappaan, Yunaayitid Kingidam fi Komishinii Awurooppaa bara 2022 nageenya albuudaa irratti waliigalteerra gahaniiru. Indiyaafi Xaaliyaan ammoo dhiyoo kana garee kanatti makamaniiru.
Qotuun isaa maaliif harkifate?
Galaana ykn garba jalaa albuuda baasuun hanga ammaatti hin jalqabamne. Kun kan ta’eef ISAn qajeelfama baasee waan hin xumurreefidha. Saayinstisttoonniifi quuqamtoonni nageenya Garbaa, galaana jala qotuun miidhaa naannoo qabaata jechuun akeekkachiisaa jiru.
Piroofeessarri Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, “Galaana jala qotuun balaa akkamii akka qaqqabsiisu wanti beeknu hin jiru. Akkamitti ammoo deebifna kan jedhu hin beeknu. Miidhaan bishaaniirra jiru hoo, omishini qurxummii ammoo maal ta’a kan jedhus hin beeknu,” jedhu.
Biraazil, Kanaadaa, Kostaarikaa, Finlaand, Siwiizarkaandiifi Vaanuuwaatuu dabalatee biyyoonni 20 hanga qorannoon dabalataa gaggeeffamutti Garba jala qotuun akka hin jalqabamneef gaafataniiru.
Kanas ta’ee Paarlaamaan Noorwey Amajji darbe naannoo Arkitiik keessatti qorannoon akka jalqbamuuf wixinee hayyamu raggaasiseera. Biyyoonni baayyeen bishaan Garbaa jala qotuu akka carraa guddaatti ilaalu.












