Holqi yeroo jalqabaaf Addeessarratti argame keessa jiraachuuf ni mijataa?

Madda suuraa, NASA
Saayintistoonni yeroo jalqabaaf addeessarratti holqa argataniiru.
Holqi yoo xiqqaate 100m gad fagaata jedhame namoonni bakka itti jiraatan ijaaruuf bakka ooludhas jedhaniiru.
Akka qorattoonni jedhanitti hulaan akkanaa dhibbaan lakkaa’amu jiraatuu mala.
Biyyoonni addeessarratti lafa namaaf mijatu saammachuuf dorgommiitti jiru.
Garuu astiroonota raadiyeeshinii, tempireechara olaanaafi haala qilleensaa hawaa gubbaa jirurraa eeguu qabu.
Akka astironaatii Biriiten Heleen Sharmaan jedhanitti holqa Addeessarra argame keessatti namoonni waggoota 20-30 keessatti keessa jiraachuu eegalu.
Haa ta’u malee, holqi kuni waan gadi fagaatuuf astiroonotni keessaa bahuuf wadaroo yookiin waan biraa fayyadamuu qabu jedhan.
Holqa kana kan argate buufata Lorenzo Bruzzone and Leonardo Carrer jedhamuufi Xaaliyaanii Yunivarsitii Tireentoo jalatti argamudha.
Holqi kunis raadaariin fayyadamuun lafa dhagaan uwwifame banuun bira gahame.
Bakkichi dacheerraa kan mul’atu yoo ta‘u bakka bara 1969 Apollo 11 itti qubatedhas.
Holqi Addeessarraa kuni waggoota miiliyoona yookiin biiliyoona dura yeroo laavaan addeessarra yaa’e kan uumamedha.
Dacheerratti bakki umriin itti qixxaatu holqa volkaanoo Lanzaarote, Ispeen keessa argamudha jedhu Pirofeesar Kaarir.
‘’Baay’ee nama hawwata,’’ jechuun seenaa dhala namaa keessaa bakka sana abuuruun nama jalqabaa ta’un miira itti uume dubbatan.
Pirofeesar Biruuzon fi Pirofeera Kaarir holqi kuni guddaa ta’u isaa erga hubatan booda dhala namaaf ni ta’a jedhanii yaadan.
‘’Jireenyi dacheerratti holqa keessa eegale. Addeessarrattis namoonni holqa keessa jiraachuu danda’u,’’ jedhan Pirofeesar Kaarir.
Holqi kuni bal’inaan si’achi hubatama. Qorattoonni garuu raadaarii, kaameraafi roobotiinillee sirnaan akka hubatamu tumsuu danda’u jechuun abdatu.
Saayintistoonni waggoota 50 dura ture Addeessarratti holqi akka jiraachuu danda’u kan hubatan.
Bara 2010 immoo suurri kaafame afaan holqaa ta’u hubachiise mul'ateera.
Haa ta’u malee, hangam akka gadi dhooqus ta’e yoo jiga ta’e mirkaneeffachuu hin dandeenye ture.
Qorannoon pirofeesaroota lamaa garuu gaaffii kana deebiseera. Ta’us, ammallee wanti holqa kanaa hin baramne danuu ni jira.

Qorannoon kuni Maarsii gubbaas holqi yoo jiraate baruuf gargaara jedhameera.
Yoo pilaanetii Maarsiirratti lubbuu qabeeyyiin jiru ta’e holqa keessa jiraachuu malu.
Holqi Addeessarra argame namaaf faayidaa qaba ta’a.
Garuu qorannoon kuni seenaa Addeessaafi waa’ee solaarii baruufi gaaffilee ijoo ka’anif deebii kennuu malas jedhu saayintistoonni.
Dhagaan holqa keessa argame haala qilleensaa hawaan waan hin miidhamneef waan waggoota biiliyoona dura ture baruuf gargaaru.
Qorannoon kuni barruu saayinsii Nature Astronomy jedhamuurratti maxxanfame.












