Sirna mallattoo waliigaltee TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti taasifame viidiyoon

Mootummaan federaala Itoophiyaafi Addi Bilisa Baasaa Tigraay waraanaa waggaa lamaan booda kaleessaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahan.
Waliigaltee kanarratti bakka bu'oota jila gama lamaanii, kan Itoophiya irraa Ambaasaadari Reediwaan Huseeniifi gama TPLF ammoo Geetaacho Raddaatu mallatteesse.
Mariin hoggansa Gamtaa Afriikaatiin guyyoota 10'f Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamaa turen booda qabxiiwwan ijoo haala nageenya kaaba biyyattii ni furu jedhaman tarreeffamuun bakka bu'oota gama lamaanii kanneeniis dubbiifamee ture.
Mee sirni mallattoo viidiyoon maali akka fakkaatu dowwadhaa.









